Finfinnee: Amajjii 11 hanga 20 bara 2016tti roobni salphaa hanga giddugaleessaa kutaalee biyyattii gara garaatti roobuu akka danda’u Inistitiyuutiin Metiworolojii Itoophiyaa beeksise.
Inistitiyutichattti Raawwachiisaa Olaanaan Raaga Haala Qilleensaafi Dursanii Akeekkachiisuu Doktar Asaamminoo Tashoomee Roobii darbe Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf akka ibsanitti, Amajjii 11 hanga 20tti godinaalee Oromiyaa Gujii Lixaa, Arsiifi Arsii Lixaa, Boorana, Naannolee Sidaamaa, Itoophiyaa Kibbaa, Itoophiyaa Kibba Lixaafi Giddugaleessaa rooba salphaa hanga giddugaleessaa argachuu danda’u.
Naannoon Affaar, Tigraay Bahaafi Kibbaa, Giddugalli Naannoo Amaaraa, Gondar Kaabaafi Kibbaa,Walloo Kaabaafi Kibbaa, Gojjaam Bahaafi Lixaa, Godina Awwii, Shawaa Kaabaa akkasumas Naannoo Oromiyaatti Buunnoo Baddallee, Iluu Abbaaboor, Jimma, Wallagga Bahaafi Lixaa, Shawaa Kaabaa, Shawaa Lixaafi Bahaa, Baalee akkasumas Finfinneen rooba waqtiisaa hineegne salphaa hanga giddugaleessaa argachuu danda’u.
Amajjii 11 hanga 20 gidduutti haaluma walfakkaatuun hemisfeera Kaabaa Saayibeeriyaatti kan uumamu dhiibbaa qilleensaa guddaarraa kan ka’e qilleensi gogaafi diilalla’aan gara Itoophiyaatti qilleensa’u, Itoophiyaa Kaabaa, Kaaba Bahaafi Giddugaleessaatti diilalla uuma.
Kana malees, kutaalee biyyattii kaabaa, kaaba bahaa, baha, giddugaleessaa, naannawa baddaa kibbaatti qorri halkaniifi barii (obboroo) kan cimu ta’a. Gama biraan kutaalee biyyattii kibba lixaaafi kibba bahaatti darbee darbee bakkeewwan muraasatti roobni xiqqaan akka eegamus ibsaniiru.
Qilleensa gogaa, aduufi qilleensa’uun haala qilleensaa kutaalee biyyattii bahaa, kibba, kibba bahaa, kaaba lixaafi lixaa akka ittifufuuf odeeffannoon raaga haala qilleensaa lakkoofsaan sassaabame mul’isuu eeranii, haalota waqtii ammaa mul’atanirraa ka’uun hojii qonnaarratti dhiibbaan hanga tokko akka uumamuufi maddi lageenii garuu kan gabbatan ta’uu himaniiru.
Haaluma kanaan, kutaalee biyyattitti rooba marsaa lammaffaa waqtii bonaa argatan kibbaa, kibba bahaafi kibba dhihaa jiidha salphaa hanga giddugaleessaa argachuu danda’u. Jiidhi argamus biqiloota dhaabbataniifi midhaan yeroo kana facaafamuuf shoora olaanaa qaba jedhan.
Horsiisee bultootni akka bishaan ga’aa argataniif haala mijataa uuma kan jedhan Doktar Asaamminoon, roobni Itoophiyaa giddugaleessaa, kaabaafi kaaba bahaatti uumamu naannawa qonnaa arfaasaa dursanii eegalaniif oyiruu dafanii akka qopheeffataniif gumaacha olaanaa akka qabu ibsaniiru.
Naannawa burqaawwan lageenii itti argaman kanneen akka Laga Abbayyaa gara oliifi giddugaleessaa, Sulula qiinxamaa, Oomoo, Gibee, Baaroo gara oliifi Akooboo, Gannaaleefi Waabii Shabalee, Awaash gara olii muraasniifi yaa’a Lageen Danaakil (Affaar) hanga tokko qilleensa jiidhaa ni qabaatu.
Gammachuu Kadiriin
BARIISAA SANBATAA Amajjii 4 Bara 2016
7 Comments to “Amajjii 11 hanga 20tti rooba salphaa hanga giddugaleessaatu eegama”
Comments are closed.