Ikoo Turizimii Wancii-Dandii pirojektii sadarkaa biyyaatti fakkeenyummaan eeramu

Finfinnee: Wanci yeroo hunda kennaa qulqulluu uumamaa taatee turteetti. Eebba uumamaa ajaa’ibaa fudhachuun, kunuunsuufi dagaagsuun hojii dhala namaarraa eegamuudha jechuun Ministirri Muummee Abiyyi Ahmad (PhD) ibsan. Doktar Abiyyi ibsa karaa miidiyaa hawaasaasaanii kennaniin adeemsa Mandara Ikoo Turizimii WanciiDandii misoomsuu marsaa ijaarsaa keessatti lammiilee kuma saddeetii hanga kuma 12 ta’aniif carraan hojii uumameera jedhan.

Hojiin bu’uura misoomaa guddaan hojjetameera. Daandiiwwan kiiloo meetira 43, ibsaa daandiirraafi dhiyeessii humnaa kiiloo meetira 35, riqicha meetira 72fi manneen barnootaa isaan muraasa jechuunis eeraniiru.

Dargaggoonni naannawichaa hojiilee misoomaa guguddoo qabatanii dhufuun fayyadamummaa dinagdee dhandhamachuu eegalaniiru. Hawaasni bal’aan naannichaas carraa fayyadamummaa guddaa argateera.

Pirojektiin Ikoo Turizimiin Wancii-Dandii sadarkaa biyyaatti akka fakkeenyaatti misooma turizimii ilaalamuudha jedhan. Oduudhuma walqabateen pirojektiin Ikoo Turizimiin Wancii- Dandii sadarkaa biyyaatti akka fakkeenyaatti misooma turizimii ilaalamu ta’uu Ministirri Raayyaa Ittisa Biyyaa Doktar Abrahaam Balaay beeksisan.

Doktar Abrahaam pirojektii Ikoo Turizimii Wancii-Dandii ilaalchisuun ibsa kennaniiru. Pirojektichi gama hedduun fayidaa baay’ee kan qabu ta’uus eeranii; mootummaan qabeenya jiru haala damee turizimiif mijatuun misoomsuuf xiyyeeffannoo addaatiin hojjechaa jira jedhaniiru.

Keessumaa pirojektii Maaddii Biyyaatiin bakkeewwan filataman keessaa tokko pirojeektiin ikoo turizimii Wancii tokko ta’uus himaniiru. Naannawwaan Wancii_Dandii sochii ispoortiif, bashannanaafi fayyaaf akkasumas dhimmoota hawaas dinagdee biroof bakka filatamaa ta’uu eeraniiru.

Kanaaf pirojektiin ikoo turizimii Wancii-Dandii naannawwicha misoomsuu bira darbee sadarkaa biyyaatti akka fakkeenya ta’uuf yaadamee kan hojjetameedha jedhaniiru. Gara fuula duraattis pirojektichi misoomawwan biroo itti ida’uun faayidaa gama turizimiifi damee biroon qabu akka caalaatti guddachuu danda’u yaadamee kan qophaa’eedha jedhan.

Pirojektichi karaa aadaafi safuu hawaasa naannawwicha jiraatuu akkasuma qabeenya uumamaa eegeen hojjetamuu himaniiru. Pirojektichi naannawwicha turizimiif mijataa gochuu qofa osoo hintaane rakkoo bu’uuraalee misoomaas kan fureedha jedhaniiru. Naannawwichatti dargaggoonni gurmaa’uun damee 22 irratti leenjii fudhatanii gara hojiitti galuu ministirich himaniiru.

Rippoortata Gaazexichaatiin

BARIISAA SANBATAA Amajjii 4 Bara 2016

Recommended For You

2 Comments to “Ikoo Turizimii Wancii-Dandii pirojektii sadarkaa biyyaatti fakkeenyummaan eeramu”

  1. Pingback: sexy girl

Comments are closed.