Omisha qamadii bonaatiin callaa kuntaala miliyoona 105 .8 argachuuf hojjetamaa jira

Finfinnee: Lafa hektaara miliyoona 2.7 sanyii qamadii bonaatiin uwwisuun callaa kuntaala miliyoona 105.8 argachuuf hojjetamaa jiraachuu Biiroon Qonna Oromiyaa beeksise.

Biirichatti Qindeessaan Inisheetiivii Misooma Qamadii Bonaa Obbo Xahaa Muummee Kamisa darbe Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf akka ibsanitti, qonni qamadii bonaa baranaa muuxannoo qonnaa baroota darbanii bu’uura godhachuudhaan dafee eegalameera.

Adeemsa keessa rakkoo wayita sassaabbiifi hanqina bishaanii qaqqaabu hambisuuf sanyiin dafee akka faca’u ta’uu eeranii, kunis sassaabbiin omishaa waqtiilee roobaa arfaasaafi gannaan walirraa akka hinoolle akka taasisu himu. Qamadiin bonaa lafa duwwaa jirurratti dafee akka faca’u taasisuuf ji’a Hagayyarraa eegalee lafa midhaan irra hinfacaanetti qophiin lafaa dafee eegaluun hojii bal’aan hojjetamuu ibsu.

Yeroo facaasaa sanyii qamadii bonaa sirrateen qamadiin yeroo adda addaa waan faca’uuf wayita sassaabamu jiidha bishaan jiru gara oyiruu biraatti dabarsuun hanqina bishaan waqtii bonaa mudatu hambisaa jiraachuu kaasanii, kana qofa osoo hintaane, bara kanatti bishaan boollaa baayyeen qophaa’uufi dabalataanis yaa’aa laga Awaashiin (Bacho play) walqabatee lafa ganna bishaanni irra ciisaa ba’e qamadii bonaaf oolchuun muuxannoo gaarii ta’ee hojiirra oolaa jira jedhaniiru.

Ittifayyadamni maashinarii naannichaa baayyee dabalaa jiraachuu kan himan Obbo Xahaan, bara kanatti hojii qophii lafaaf tiraakitarootni kumaafi 500 ol ta’an bobba’uu himu. Yeroo sassaabbiin ga’uuttis koombaayinara hedduu fayyadamuun akka muuxannootti fudhatamuu ibsaniiru.

Dhaabbata sanyii filatamaa Oromiyaa akkasumas, karaa yuniyeeniifi qonnaan bultootaan sanyii waan qophaa’uuf rakkoon sanyii filatamaa akka hinjirre himanii, gama mootummaan kuntaalli kuma 100 ol ta’u raabsamuu ibsaniiru. Xaa’oo kuntaala miliyoona tokko buleefi ofeeggaannoof taa’e jiru kuntaala kuma 102 raabsuun qonnaan bulaa akka qaqqabu ta’eera. Gama kanaan rakkoon mudates hinjiru jedhaniiru.

Haaluma kanaan bara kanatti qamadii bonaa hektaara miliyoona 2.6 facaasuuf karoorfamee keessaa hojii hanga ammaatti hojjetameen lafti hektaara miliyoona 2.78 (%105.8) qophaa’uu eeranii, lafa qophaa’e keessaa hektaarri miliyoona 2.715 (%103.3) sanyiidhaan uwwifamuufi lafti hinfaca’iin hafes baay’ee muraasa akka ta’e ibsaniiru.

Dhibee omisha qamadii bonaa mudachuu danda’an hambisuun callaan qamadii bonaa akka dabalu taasisuuf biirichi garee ogeessaa orenteeshinii kennuun bobbaasaa akka jiru ibsaniiru.

Qonni qamadii bonaa bara darbee hektaara miliyoona 1.1 irraa gara hektaara miliyoona 2.7tti guddachuusaa ibsa biiricharraa hubachuun danda’ameera. Qophiin jiruufi hojiin qonna qamadii baranaa dursee eegalamuun fooyya’iinsa hojii bara kanaaf sababa ta’eera jedhaniiru.

Gammachuu Kadiriin

BARIISAA SANBATAA Amajjii 4 Bara 2016

Recommended For You

2 Comments to “Omisha qamadii bonaatiin callaa kuntaala miliyoona 105 .8 argachuuf hojjetamaa jira”

  1. Pingback: go to website

Comments are closed.