Adaamaa: Lammiileen miliyoona 71 ol ta’an tajaajila bishaan dhugaatii qulqulluu argachuu Ministeerri Bishaaniifi Inarjii ibse. Ministeerichi qooda fudhattoota waliin qorannoo raawwii hojii dhaabbata ‘Water 4 life + Project’ irratti magaalaa Adaamaatti kaleessa mari’ateera.
Ministirri Bishaaniifi Inarjii Doktar Injinar Habtaamuu Ittafaa maricharratti argamuun haasawaa taasisaniin, mootummaan tajaajila bishaan dhugaatii qulqulluu lammiilee biraan ga’uuf humna qabu hundaa duguugee hojjechaa jiraachuu ibsanii, hojii hanga ammaatti hojjetameen lammileen biyyattii miliyoona 71 ol ta’an tajaajila bishaan dhugaatii qulqulluu argachuu dubbataniiru. Tajaajilli inarjii ammoo %51 irra ga ‘uu ibsaniiru.
Akka ibsasaanitti, tajaajila bishaanii lammiilee hunda qaqqabsiisuuf qindoomina qaamolee hundaa kan gaafatu ta’uusaatiin ministeeroota barnootaa, fayyaa, maallaqaafi dhaabbilee tola ooltota waliin hojii bal’aan hojjetamaa jiraachuu himanii, hojii ‘water 4 life+ project’fi ‘Children investment fund’ walin hojjetamaa jiru akka agarsiiftuutti kaasaniiru.
Gargaarsi dhaabbilee tola ooltotaan taasifamus akka hawaasa bira ga’ee bu’aa qabatamaa argamsiisuuf pirojekitiin ittifufiinsa qabaachuu akka qabu kaasanii, kanaafis qindoominni dhaabbilee Ministeera Bishaaniif inarjii waliin hojjetanii murteessaadha jedhaniiru. ‘Water 4 life + project’ hojii lammiileef tajaajila bishaan dhugaatii, barnootaafi fayyaa fooyya’aa dhiyeessuuf kan hojjetu ta’uu himaniiru.
Gorsaan Ministirichaa Obbo Abarraa Andashaa gamasaaniin dhaabbatni ‘water 4 life + project’ waggaa shan keessatti lammilee miliyoona 1.6 fayyadamtoota tajaajila bishaan dhugaatii taasisuuf hojiitti seenuu himanii, ta’us hojiin pirojektichaan hojjetamee qulqullina dhabuun walqabatee tajaajila yeroo dheeraa kennuu dhabuu qeeqaniiru.
Akka karoora pirojekitichaatti lammiilee kuma 800f tajaajila bishaan dhugaatii qulqulluu dhiyeessuun irraa eegamus lammilee kuma 224 fi 359f tajaajila bishaan dhugaatii qulqulluu akka argatan taasisuus kaasaniiru.
Ittaantuu Ittigaafatamtuun Waajjira Bulchiinsa Godina Shawaa Bahaa Aadde Faanos Isheetee ‘water 4 life +Project’ hawaasa aanichaaf hojii bu’a qabeessa raawwachuu eeranii, boolla bishaanii 62 qopheesuuf karoorfame keessaa 55 hojii eegaluun 24 tajaajila bishaan dhugaatii dhaabbilee fayyaafi banootaa keessatti akka dhiyaatu ta’eera jedhaniiru. Soolarii 31 tajaajila akka kennu taasisuunis manneen barnootaa keessatti (tajaajii kompiitara) dhaabbilee fayyaa (firiijii) akka fayyadaman taasisuu keessatti bu’aan argame guddaa ta’uu dubbataniiru.
Ta’us rakkoo hinbeekamneen hojiin boolla bishaanii 17fi soolaariin 31 osoo hinxumuramiin hafuu himanii, mariin gaggeeffame kun rakkoo kana furuuf shoora olaanaa qabas jedhaniiru.
Gammachuu Kadiriin
BARIISAA SANBATAA Amajjii 4 Bara 2016
3 Comments to “ Lammiileen miliyoona 71 ol tajaajila bishaan dhugaatii qulqulluu argatan”
Comments are closed.