Agarsiisa seenaa dippiloomaasii yaadachuuf qophaa’e

Finfinnee: Biyyi hundeeffama mootummaa bara dheeraa lakkoofsiste Itoophiyaan nageenya addunyaatiif, bilisummaafi kabaja dhala namaatiif rakkoolee biyyoota garagaraa mudatu furuuf hojjechaa turteetti; ammas hojjechuurratti argamti.

Itoophiyaan bara 1943 yeroo biyyi Kooriyaa waraana keessa turtetti ergama Mootummoota Gamtoomanii galmaan gahuun loltuu kuma jahaa ol erguun biyyichi akka tasgabbaa’uuf gahee olaanaa taphachuun ergamicha galmaan geesseetti. Dhiyeenyuma kanas bara 2007 dhukkubni Ivoolaa yeroo Lammiilee Seraaliyoon lafarraa fixaa turetti ogessota fayyaa erguun dhukkubicha to’achuu keessatti hirmaattee jirti.

 Bilisummaa Afrikaatiifis qabsaa’aa, bilisummaa mirga gurraachotaa Neelsan Maandeellaa leenjisuun, Gamtaa Afrikaafi Paan Afrikaanizimii hundeessuufi sochoosuun hojii yoomillee seenaan hindagannee hojjettee jirti. Hojiilee boonsaa seenaa keessatti hojjetaman kana yaadachuuf biyyattiin torbee keessa jirru kana “Dippiloomaasii keenya faayidaa biyyaalessaa keenyaaf” mata duree jedhuun hojiilee dippiloomaasii dhaloota hubachiisuurratti argamti.

Agarsiisicharratti haasaa baniinsaa kan taasisan Pirezidaantiin RDFI Saahilawarqi Zawudee akka jedhanitti, Itoophiyaan seenaa dippiloomaasii waggoota 116 kan qabdu yoo ta’u, gumaacha addunyaaf gooteenis waan maqaashee waamsisu hedduu qabdi. Biyyattiin miseensa hundeessitoota Mootummoota Gamtoomaniifi Gamtaa Afrikaa ta’uu eeranii, agarsiisichi gama dippiloomaasiitiin hojiilee biyyattiin hojjechaa turte ifatti kan mul’isuudha jedhaniiru.

Walwaraanuufi gootummaa abbootii keenya durii galmeessisaniin dhaadachuu qofaan har’a dippilomaasii milkaa’aa qabaachuun hindanda’amu kan jedhan Pirezidaanti Saahilawarqi, jaarraa 21ffaa jaarraa intalajansiin artifishaalaa babal’ate kana keessatti dippilomaasii yeroo faana adeemu qabaachuunis barbaachisaa ta’uu hubachiisu.

Seenaa biyyattiin qabdurraa barachuun barbaachisaa ta’uufi ummanni seenatti yoo araarame malee deemsa karaa fagoo deemuu akka hindandeenye kaasanii, kan seenaa dabsuufi haaluuf yaale bu’uurarraa waan raafamuuf dhaabachuu hindanda’u jedhu.

Ministirri Muummee Ittaanaafi Ministeeerri Dhimma Alaa Itoophiyaa Obbo Dammaqaa Mokonniin gamasaanitiin akka jedhanitti, rakkoolee baroota keessatti nu mudachaa turan dandamachuun faayidaa biyyaalessaa keenya kabachiisaa kan dhufnefi dhiibbaawwan yeroo dhiyoo keessa nurratti taasifaman dandamachuu kan dandeenye gamtaa, tokkummaafi walooma keenyani. Dhiibbaawwan amma mul’achaa jiranis qolachuun faayidaa biyya keenyaa itti fufiinsaan eegsisuu kan dandeenyu tokkummaa keessoo cimsuudhani.

“Akkuma seenaarraa baranne, ammas akkuma argaa jirru jabina biyya keenyaa ija gaariin qaamotni ilaaluu hinbarbaanne jiru. Gaafa weeraramnu warri cal jedhan gaafa nuti dhugaarra dhaabannee faayidaa ummata keenyaaf hojjechuuf tarkaanfii tokko adeemuu jalqabnu iyyaafi dhiibbaa baay’isu. Dhiibbawwan akkanaa kana jalaa bahuun injifachuuf Alfaafi Omeegaan keenya jabina keessoo keenyadha” jedhu.

Bu’uurri Dippiloomaasii cimaafi hariiroon alaa cimina keessoofi walooma waan ta’eef gama hundaan Itoophiyaan injifattee akka itti fuftuuf rakkoolee keessoo kamuu yoo ta’e karaa filannoo humna fayyadamuurraa fagaateen furuun akka barbaachisu himanii, rakkoolee roga hundaan jiran karaa nagaa furuuf namni hunduu ambaasaaddara nageenyaa ta’uu akka qabu hubachiisu.

Taammiruu Raggaasaatiin

BARIISAA SANBATAA Amajjii 4 Bara 2016

Recommended For You

4 Comments to “Agarsiisa seenaa dippiloomaasii yaadachuuf qophaa’e”

  1. Pingback: my blog

Comments are closed.