Finfinnee: Sirni federaalizimiin sabdaneessaa gaaffii sabootaafi sablammootaafi ummattootaa deebisuun biyyattii diigamuurraa kan baraare ta’uu Ittigaafatamaan Dhimmoota Kominikeeshinii Mana Maree Federeeshinii Obbo Tarrafaa Badhaadhaa ibsan.
Obbo Tarrafaan ibsa Kibxata darbe Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf kennaniin akka jedhanitti, mootummaa abbaa irree fonqolchuuf qaamoleen siyaasaa gaaffii mirgaa qaban 17 biyyattiitti qabsoo adeemsisaa turan. Qaamoleen gaaffiiwwan eenyummaa, afaanii, aadaafi walqixxummaa ilaalchisee qabsoo taasisaa turan kunneen bara 1983 mootummaa abbaa irree, Darguu dhabamsiisuun sirna federaalizimii sabdaneessaaf karra saaquu danda’aniiru.
Sirna kanaan Sadaasa 29 bara 1987tti hundaa’uun afdaneessummaafi sabdaneessummaaf yeroo jalqabaatiif heera mootummaan beekamtiin kenname Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataan 2ffaa bara hojii 3ffaa taasiseen Sadaasni 29, guyyaa Saboota, Sablammootaafi Ummattoota Itoophiyaa ta’ee akka kabajamu murteessuusaa yaadachiisaniiru.
Murtoo kana hordofees waggoota 17n darban keessatti qindeessummaa Mana Maree Federeeshinii, naannoleefi bulchiinsa magaalotaatiin guyyichi sirnoota garagaraatiin kabajamaa turuun ala tokkummaafi obbolummaa cimsuu keessatti shoora mataasaa taphachaa as ga’uu himaniiru. Guyyaan kun kabajamuusaatiin eenyummaan, aadaafi afaan barootaaf dhokatanii turan ifatti mul’achaa, guddachaa dhufuus dubbataniiru.
Akka isaan jedhanitti, yeroo ayyaanni kun kabajamu waancaan hidha haaromsa guddichaa naannoo ayyaanichi itti kabajamu keessa naannessuun qarshii walittiqabuun hidhichi sadarkaa amma irra jirurra akka ga’u gumaacheera.
Haa ta’u malee, jijjiiramaan dura haala qabatamaa tureen sirni federaalizimii sabdaneessaa heeraafi waraqaarratti mul’achuurra darbee ummattoota biyyattii karaa guutuun fayyadaa akka hinturre eeranii; jijjiiramaa as garuu naannoleen maqaa “naannolee guddinarra jiran” yookiin maqaa “Paartii deeggartootaa” jechuun fayyadamummaa dinagdeefi siyaasaarraa moggaatti dhiibamaa turan gara wiirtuutti akka hiiqan taasisuun ala federaalizimii sabdaneessummaa hojiitti hiikuuf sochii jabaan taasifamuu himaniiru.
Haaluma kanaan jijjiirama dura yeroo naannoleen biyyattii sagal turanitti, paartii bulchitoota naannolee afuriitiin ala paartileen bulchitoota paartiilee naannolee shanii maqaa paartii deeggaraa jedhu qofa itti maxxansuun dhimma biyyaarratti murtoo kamuu akka hinmurteessine taasifamaa turaniiru jedhan.
Kabaja ayyaanichaa marsa 18ffaa baranaatiin walqabatee Obbo Tarrafaan akka jedhanitti, ayyaanichi mataduree, “Heddumminniifi Walqixxummaan Tokkummaa Biyyaalessaaf” jedhuun qopheessummaa Mootummaa Naannoo Somaaleetiin Kabajamaa jira. Matadureen kunis heddumminni qabeenya uumamaan biyyattiin qabdu ta’uun hubatamee ijaarsa biyyaaf akka ittifayyadamnu kan agarsiisudha.
Akka baroota kanaan duraa osoo hintaane ayyaanichi barana guyyoota shaniif moggaasawwan guyyaa Obbolummaa, Waliinummaa, Heddumminaa, Ida’amuufi Itoophiyaa jedhamaniin kabajamaa jira.
Taammiruu Raggaasaatiin
BARIISAA SANBATAA Sadaasa 29 Bara 2016
5 Comments to ““Federaalizimiin sabdaneessummaan biyyattii diigamuurraa baraareera”-Obbo Tarrafaa Badhaadhaa”
Comments are closed.