Raayyaa Ittisa Biyyaa aantummaansaa biyyaaf qofa ta’e uumuun danda’ameera

Finfinnee: Ministirri Muummeefi Ajajaan Waliigalaa Humnoota Waraanaa RFDIAbiyyi Ahmad (PhD) jijjiiramaa as Raayyaa Ittisa Biyyaa aantummaansaa biyyaaf qofa ta’e uumuun danda’ameera jedhan.

Doktar Abiyyi haasaa sirna kabajaa Guyyaa Raayyaa Ittisa Biyyaa 116ffaadheengadda Finfinnee, Addababa’ii Masqalaatti adeemsifamerratti taasisaniin akka jedhanitti, raayyichi goota seenaa bara dheeraa qabuufi humna nageenyati.

 Raayyaan Ittisa Biyyaa Kaayyoowwan sadii; nagaya jiru eegsisuu, nagayaa bade deebisuufi isa deebi’emmoo jabeessuuf jiraata jedhanii, raayyichi yeroo mootummaan jijjiiramullee kan hinjijjiiramneedha jechuun ibsan.

Raayyaan Ittisa Biyyaa, Itoophiyaa bira darbee biyyoota Afriikaa birootiif gaachana, mallattoo nageenyaafi misoomaa akka ta’uuf riiformiin gaggeeffameera kan jedhan Doktar Abiyyi, baay’ina miseensasaa dabaluufi hidhannoo ammayyaa hidhachiisuuf xiyyeeffannaan hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Raayyaan Ittisa Biyyaa kan Paartii Badhaadhinaa miti jedhanii, raayyichi deeggartuu eenyuuyyuu otoo hintaane, humna birmadummaa biyyaafi lammiileesaatiif qofa kan dhaabbateefi ilaalcha tokko qabu horachuun danda’ameera jedhan.

“Raayyaan Ittisa Biyyaa kan gurmaa’e lammiilee Itoophiyaatiini, kan hogganamus lammiileedhuma Itoophiyaatiini, kan jiraatus lammiileedhuma Itoophiyaatiifi. Yaadni ‘Yommuu jiraannu Itoophiyaanota; yommuu lubbuun darbinu Itoophiyaa taana’ jedhu caalaatti kan ibsu raayyaa ittisaati” jechuun ibsaniiru.

Itoophiyaan biyya kamuu weerartee hinbeektu, gara fuulduraattis hinweerartu kan jedhan Doktar Abiyyi biyyoota biroo waliin dhimma misooma waloorratti cimtee kan hojjettu ta’uu eeraniiru.

Raayyaan Ittisa Biyyaa Itoophiyaa sadarkaa Afrikaattis ta’e idiladdunyaatti nagaya mirkaneessuuf akkuma kanaan duraa hojiisaa kan ittifufu ta’uus eeraniiru.

Shuumiin Ittaamaajoorii Raayyaa Ittisa Biyyaa Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaa gamasaaniitiin akka dubbatanitti, jijjiiramaa as, raayyaa loogii, sabummaafi siyaasarraa bilisaafi birmadummaa biyyaa gahumsaan kabachiisuu danda’u horachuun danda’ameera.

Raayyaa heeraafi sirnasaa eeguun, nageenya Itoophiyaa kabachiisuuf qabsaa’u ijaaruun danda’ameera kan jedhan Fiildi Maarshaal Birhaanuun, raayyichi haleellaa irratti aggaammamu hunda fashaleessuun birmadummaafi daangaa biyyasaa kabachiisuuf gahumsa sirriirratti argama jechuun dubbataniiru.

Aangoon siyaasaa kan argamu karaa heerri biyyattii eeyyamuun qofa jedhanii, aangoo argachuuf sochiin hidhannoon taasifamu biyya diiguufi gatiin kaffalchiisuun ala bu’aa biraa kan hinqabne ta’uu ibsaniiru.

Ummanni Itoophiyaa ijaarsa biyyaafi misoomarratti xiyyeeffachuun hiyyummaa jalaa akka ba’uufi jireenyisaa akka fooyya’u akkasumas Itoophiyaan akka badhaatu taasisuuf shoorri raayyichi taphachaa jiru olaanaa ta’uus Fiildi Maarshal Birhaanuun eeraniiru.

Guyyaan Raayyaa Ittisa Biyyaa seenaa biyyattii keessatti guyyaa Ministeerri Waraanaa ittihundaa’e bara 1900fi ka’umsa godhachuun yeroo 116ffaaf kan kabajame yoo ta’u, ministirri raayyaa ammayyaa jalqabaa, Fitaawuraarii Habtagoorgis Dinagdee (Abbaa Malaa) ittifilataman sababeeffachuun kabajama jedhan.

Sirnicharratti gaggeesitoonni waraanaa Ugaandaa, Jibuutii, Sudaan Kibbaa, Taanzaaniyaa, Afrikaa Kibbaa akkasumas attaasheewwan loltuu biyyoota addaddaa argamaniiru.

Taammiruu Raggaasaatiin

BARIISAA SANBATAA Onkoloolessa 17 Bara 2016

Recommended For You

7 Comments to “Raayyaa Ittisa Biyyaa aantummaansaa biyyaaf qofa ta’e uumuun danda’ameera”

  1. Pingback: saba sport

Comments are closed.