Barattoota Tigraay rakkoo walxaxaa keessa jiraniif deeggarsi addaa gaafatame

Finfinnee: Akkuma waraanni filatamu, nageenyi tuffatamu hinjiru jedhamu waraanni Itoophiyaa kaabaatti adeemsifame Tigraayitti gaaga’ama rogaa maraa dhaqqabsiiseera. Waraanichaan barattootni naannichaa miliyoona 2.4 ta’anis waggoota sadii oliif barumsa addaan kutanii turuu ragaan naannicharraa argame ni mul’isa.

Hogganaan Biiroo Barnootaa Naannoo Tigraay Doktar Kiroos Gu’iish ibsa dheengadda Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf kennaniin akka jedhanittis, sababa waraanaan manneeniifi meeshaaleen barnootaa guutummaatti manca’uun, rakkoo dinagdee akkasumas miidhaa lubbuufi qorqalbii barsiisotaafi barattootarra ga’een walqabatee sirna barnoota haaraa barana naannoleefi bulchiinsota magaalota kaanitti hojiirra oole naannichatti oolchuun hindanda’amne. Kan kutaa 9ffaa hojiirra oolus kanneen hafan garuu bara 2018tti guutummaatti hojiirra oolchuuf sochiin taasifamaa jira.

Akka isaan jedhanitti, sababa waraanaa taasifameefi dhibee koronaan walqabatee daa’imman naannichaa miliyoona 2.4 barumsa addaan kutuuf dirqamanii turaniiru. Barsiisota naannichaa kuma 46 ol ta’an keessaa kumni 14 ol achi buuteen dhabameera. Kunis baay’eensaanii wareegamaniiru, kaansaanii qaamaa miidhamaniiru, kaan ammoo buqqa’anii godaananiiru.

Ta’us yeroo ammaa deeggarsa mootummaa federaalaa, naannoleefi dhaabbilee idiladdunyaan manneen barnootaa manca’an kaan suphuun kaan ammoo irraafi jalasaa qorqorroodhaan ijaaruun bara kana barattoota miliyoona tokkotti hiiqan galmeessuun adeemsa baruufi barsiisuu eegaluu dubbataniiru.

Haa ta’u malee, rakkoo dinagdeefi hawaasummaa olaanaa naannichatti mul’atuun walqabatee barattoota qorqalbiin cabanii jiraniif birmachuuf deeggarsi addaa akka barbaachisu himanii, rakkoon kun humna mootummaa federaalaa qofaan kan furamu waan hintaaneef naannoleen, abbootiin qabeenyaafi hawaasni idil addunyaa tumsa barbaachisu akka taasisu dhaamaniiru. Deeggarsa hanga ammaatti taasifameefis, keessattuu naannoon Oromiyaafi Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee addatti galateeffataniiru.

Adeemsi baruufi barsiisuu kun kan eegalame bakkeewwan to’annoo bulchiinsa yeroo naannoo Tigiraay jala jiran qofatti ta’uu yaadachiisanii, haa ta’u malee, sababa rakkoo nageenyaaf manneen barnootaa 552 ta’an keessatti barattootni kuma 800 ammayyuu gabatee barnootaa ala waan ta’aniif qaamni hundi akka itti yaadu gaafataniiru.

Barattoonni waggoota sadiifi sanii oliif addaan kutaniifi osoo barumsa hineegaliin turan umurii sirni barnootaa kaa’uu olitti osoo waggaa torbatti kutaa 1ffaa galuu malanii waggaa kudhanitti galmeessuuf dirqamuu kan himan Doktar Kiiros, barattootni naannichaa bara kana qormaata kutaa 12ffaa fudhatan illee silaa barana dhaabbilee barnoota olaanoo seenuuf kan qormaata fudhatan osoo hintaane dhaabbilee barnoota olaanoorraa eebbifamuu kan malan ta’uu dubbataniiru.

Gama biroon tibba darbe barattoota kuma sagaliifi 514 yunivarsiitii naannichaa afur keessatti baatii lamaaf gorsa xiinsammuu dabalatee deeggarsi barbaachisu erga taasifameefii booda qormaata kutaa 12ffaa akka qoraman taasifamee firii qormaataa eegaa jiraachuu ibsaniiru.

Waaqshuum Fiqaaduutiin

BARIISAA SANBATAA Onkoloolessa 10 / 2016

Recommended For You

2 Comments to “Barattoota Tigraay rakkoo walxaxaa keessa jiraniif deeggarsi addaa gaafatame”

  1. Pingback: diyala research
  2. Pingback: bdsm

Comments are closed.