Leephiis ganda turistii ajaa’ibaa ta’uun Jaarmiyaa Turiizimii Addunyaatiin galmaa’e

Finfinnee: Sulula giddugaleessa Itoophiyaatti kan argamu gandi Leephiis ganda Turiizimii Addunyaa ta’uun Jaarmiyaa Turiizimii Addunyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitiin beekamtii argate.

Iddoo qalbii namaa hawwatu, fincaa’aafi bineensota bosonaa kan qabu Gandi Leephiis bu’aalee ogummaa harkaa shimala ykn leemmanirraa hojjetamaniin beekama. Yeroo darbe Itoophiyaan gaara Cooqeefi Ganda Ikoo turiizimii Wancii ganda ajaa’ibaa addunyaatti kan galmeesiste yoo ta’u, gandi Leephiis ammoo ganda turiizimii ajaa’ibaa sadaffaa ta’ee galmaa’uu Ministeerri Turiizimii beeksiseera. Kana ilaalchisuun Pirezdaantiin Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa, ergaa fuula

 fuula hawaasummaa isaaniirratti dabarsaniin, gandi Ikoo Turiiziimii Leephiis Dhaabbata Turiizimii, Mootummoota Gamtoomaniitti, “Ganda Turiizimii filatamaa bara 2023” jedhamee filatamuu isaatiin hedduu gammaduu ibsanii, murtoon yaa’ii waliigalaa 25ffaa dhaabbatichaa Uzbeekistaan, Magaalaa Samaarkaandiitti gaggeeffamerraa dhagahame kun borumtii Paarkiin Biyyaalessaa Gaarreen Baalee Mootummoota Gamtoomaniitti, Dhaabbata Barnoota, Saayinsiifi Aadaatti, hambaa uumamaa ta’ee galmaa’etti ta’uusaattti gammachuu dachaafi milkaa’ina boonsaa dabalataa baranaa ta’uu ibsu.

Milkaa’ina argameef qaamolee gumaacha taasisan galateeffatanii, abbootiifi haadholii safuu qabeenya uumamaaf malu dhaloota dhaalchisan, ummata Godina Arsii Lixaa, keessumaa jiraattota naannaawa Leephiis qabeenya ajaa’ibaa kana kunuunsanii har’aan gahaniif galata dhiheessaniiru.

Ji’oota lama duras, Leephiis iddoowwan Ikoo turiizimii 18 inisheetiivii haaraan akka misooman adda bahanii labsaman keessaa tokko ta’uun daandiin irra jiramu sirrii ta’uu akka mirkaneessu eeranii, gama biraatiin, bu’aan argamaa jiru, dilbiifi carraan turizimii akka naannootti jiru guddaafi kan hintuqamiin ta’uu akka agarsiisu ibsu.

Riippoortara Gaazexichaatiin

 BARIISAA SANBATAA Onkoloolessa 10 / 2016

Recommended For You

8 Comments to “Leephiis ganda turistii ajaa’ibaa ta’uun Jaarmiyaa Turiizimii Addunyaatiin galmaa’e”

  1. Pingback: blote tieten
  2. Pingback: dee88
  3. Pingback: Terrorism
  4. Pingback: Learn More Here

Comments are closed.