Finfinnee: Itoophiyaan buufata galaanaa qabaachuuf hojii dippilomaasii cimaa hojjechuun akka irraa eegamu hayyuun dinagdee ibsan.
Hayyichi Doktar Qosxanxiniyoos Barihetasfaa turtii gaafdeebii dheengadda Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf kennaniin akka jedhanitti, gaaffiin Itoophiyaan dhimma buufata galaanaa irratti kaasaa jirtu gaaffii deeggarsa seera idiladdunyaa qabuudha. Waliigaltee Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii keessatti biyyootni buufata galaanaa mataasaanii hinqabne bifa kamiin keessummeeffamuu akka qaban ifatti katabamee jira.
Gaaffiin Itoophiyaan buufata galaanaa ilaalchisee kaasaa jirtu deeggarsa seera idiladdunyaa qabaatus haalli raawwiisaa garuu hariiroo Itoophiyaan biyyoota Galaana Diimaa keessatti shoora qaban waliin qabdurratti hundaa’a.
Gaheen Buufatni Galaana Diimaa akka addunyaatti sochii daldala addunyaa keessatti qabu olaanaadha kan jedhan Doktar Qosxanxiniyoos, sochii dinagdee akka addunyaatti taasifamu keessaa dhibbantaan 10 karaa buufata kanaa kan raawwatamu ta’uu ibsaniiru. Haalonni Itoophiyaan buufata galaanaa, Galaana Diimaatti karaa haqa qabeessaan akka fayyadamtuu dandeessisan hedduun jiraachuus himaniiru.
Biyyattiin lafa qotamuu danda’u hektaara miliyoona 74 ta’u qabduudha. Kanaafuu biyyootni garaagaraa gara Itoophiyaa dhufanii hojii invastimantiirratti bobba’anii omishasaanii gara biyyasaaniifi gabaa addunyaatti geeffachuun fayyadamoo ta’uu danda’u.
Itoophiyaan nageenyashee tikfachuufi nageenya gaanfa Afrikaaf immoo gahee irraa eegamu bahuuf buufanni galaanaa daraan gargaara. Hariiroo gaariin Itoophiyaan biyyoota Afrikaa Bahaa faana qabdu akkuma jirutti ta’ee, dhimmi buufata galaanarratti biyyoota ollaa waliin marii ittifufiinsa qabu irra deddebiidhaan gochuu gaafata jedhan.
Taammiruu Raggaasaatiin
BARIISAA SANBATAA Onkoloolessa 10 / 2016
5 Comments to “Itoophiyaan buufata galaanaa qabaachuuf hojii dippilomaasii cimaa hojjechuu qabd”
Comments are closed.