“Karoora xiiqii milkeessuuf bajatni ramadame miira ittigaafatamummaa qabuun hojiirra ooluu qaba” – Obbo Tolasaa Gaddafaa, Hogganaa Biiroo Maallaqaa Oromiyaa

Finfinnee: Karoora xiiqii mootummaan naannichaa qabate milkeessuuf manneen hojii mootummaa bajatni barana ramadame miira ittigaafatamummaa qabuun akka hojiirra oolchan Hogganaan Biiroo Maallaqaa Oromiyaa Obbo Tolasaa Gaddafaa hubachiisan. Obbo Tolasaan, Roobii darbe Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf akka ibsanitti, dheebuu misoomaa jiru furuuf maallaqa guddaa ramadeera.

Maallaqni ramadame kun fedhii misoomaa naannichaan yommuu walbira qabamu ammayyuu qaawwan jiraachuu mala. Ta’us karoora bal’aa barana qabame milkeessuuf bajata miira ittigaafatamummaa qabuun hojiirra oolchuu cinaatti tajaajila lammummaa hojiitti hiikuun hoggansa hundarra barbaadama.

Raawwii hanga ammaatti jiruun hojiinhojjetame boonsaa ta’us bakkawwan tokko tokkotti garuu qaawwa uumameef sababa garagaraa dhiyeessuun akka jiru ibsanii; kanaan booda garuu rakkoo nageenyaa dabalatee sababa dhiyeessuun hojiirra oolmaa maallaqaa gufachiisuun araarama akka hinqabne hubachiisaniiru.

Bakka rakkoon nageenyaa jirutti danqaa jiru ilaalchisuun, bakka rakkoon nageenyaa jirutti wanti hunduu ni milkaa’a jedhamuu baatus raawwii pirojektotaa dabalatee rakkoo keessatti hoggantootni milkaa’ina ajaa’ibaa galmeessisan jiraachuufi sanirraas muuxannoon horatamuu yaadachiisaniiru.

Bajatni ramadame qixa sirriin hojiirra akka ooluuf sirna to’annoofi hordoffii jabaa diriirsuun ala sirni odeeffannoo faayinaansii hojiirra oolaa jiraachuu eeranii; dabalataanis baasii guyyaa, qajeelfamni jiru hojiirra ooluufi ooluu dhabuun odiitii keessoofi alaatiin hordofamaa jiraachuu himaniiru.

Barana bajatni guddaan qarshiin biliyoona 221 ol naannichaaf ramadamuu himanii; bajatni kun pirojektota buleeyyii xumuruufi haaraa eegaluu akka of keessaa qabuufi hanga bajanni dabalamu qisaasamni mudatus dabalaa waan deemuuf of eeggannoo cimaan taasifamaa jiraachuu ibsaniiru.

Gamaggamni raawwii pirojektota buleeyyii kan baatilee sadan darbanii taasifameera. Haala kanaan raawwiin pirojektota hedduu haala gaariirra jira. Ta’us bakkawwan tokko tokkotti qaawwi mul’ateera. Kana sirreessuufis kallattiiwwan garagaraa diriiruu dubbataniiru.

Keessattuu bakkeewwan rakkoon nageenyaa jiranitti tumsi hoggansa sadarkaan jiruufi hawaasa naannawichaan pirojektota hedduu xumuruun danda’ameera jedhanii; haa ta’u malee, qaamoleen rakkoo nageenyaa sababeeffachuun qaawwa uuman waan jiraniif qaamota kunneenirratti tarkaanfiin araarama hin qabne fudhachuusaaniifi fuuldurattis kan fudhatan ta’uu beeksisaniiru.

Qaal’iinsa jireenyaa baasii pirojektotaa dabalaa jiran tajaajila lammmummaatiin keessa ba’uun tooftaa tokko ta’uu gorsanii; sadarkaa hawaasaattis qaala’iinsa kana hir’isuuf hojii jabeessuun omishaafi omishtummaa dabaluun fala ta’uu dhaamaniiru.

Waaqshuum Fiqaaduutiin

 BARIISAA SANBATAA Onkoloolessa 10 / 2016

Recommended For You

One Comment to ““Karoora xiiqii milkeessuuf bajatni ramadame miira ittigaafatamummaa qabuun hojiirra ooluu qaba” – Obbo Tolasaa Gaddafaa, Hogganaa Biiroo Maallaqaa Oromiyaa”

Comments are closed.