Finfinnee: Manni Maree Nageenyaa Mootummoota Gamtoomanii bakka bu’ummaa haqaqabeessa akka diriirsu Itoophiyaan waamicha dhiyeessite. Yaa’ii Waliigalaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii 78ffaa mataduree “Nageenya, Badhaadhina, Jijjiiramaafi Ittifufiinsa” jedhuuun Ameeriikaa, Niiwu Yoorkitti taa’amaa jirurratti kan hirmaatan Ministirri Muummee Ittaanaafi Ministirri Haajaa Alaa Itoophiyaa Obbo Dammaqaa Mokonnin Mootummaa Jarman Oleef Shuulzi waliin taasisanirratti waamicha dhiyeessan.
Yeroo dhiyoo as ejjennoo Itoophiyaan ajandaawwan murteessoofi fedhii misoomaarratti qabdu waltajjii addunyaarratti dhageettii horachaa jira. Laga Abbayyaa karaa haqa qabeessa ta’een misoomsuufi jijjiirama haala qilleensa addunyaaf qormaata ta’e maqsuurratti Itoophiyaan ejjennoo hinmixiqne qabdi. Gama kamiinuu carraaqqiin Itoophiyaa
fayyadamummaafi hirmaannaa haqa qabeessa ta’e diriirsuu akka ta’ee waltajjiilee marii hundarratti Obbo Dammaqaan calaqqisiisuu Dubbi Himaan Ministeera Haajaa Alaa Ambaasaaddar Mallas Alam ibsaniiru.
Barreessaa Olaanaan Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Antooniyoo Guterees tattaaffii Itoophiyaan hiyyummaa keessaa ba’uuf taasisaa jirtuufi hojii deebisanii dhaabuu dinqisiifachuun deeggarsa barbaachisu akka godhanis waadaa seenaniiru.
Obbo Dammaqaan qondaaltotaafi hoggantoota biyyoota garagaraa, dhaabbilee idiladdunyaafi dhaabbilee gargaarsaa adda addaa waliin fedhii misoomaafi ejjennoo biyyattiin dhimmoota addunyaarratti qabdu ifoomsaniiru. Mariiwwan taasifaman kunneenis bu’aaqabeessa ta’uusaaniis dabalataan himaniiru.
Itoophiyaan manii misoomaashii milkeessuuf ejjennoo cimaa qabaachuu ibsanii, dhageettiifi ejjennoo misoomaa Itoophiyaa cimsuuf yaa’ichi carraa guddaa akka ta’es dubbataniiru. Obbo Dammaqaan gitasaanii Kirooshiyaa waliin marii taasisaniin akka jedhanitti, Itoophiyaan dhimmoota biyyaafi addunyaarratti Kirooshiyaa waliin hojjechuuf ejjennoo cimaa qabdi. Kirooshiyaanis Imbaasiishee Itoophiyaa keessatti banuun hariiroo cimaa Itoophiyaa waliin uumuuf waadaa galteetti.
Naannolee waraanaan miidhaman deebisanii dhaabuu keessatti biyyi Ayerlaand gumaata akka taasiftu gitasaanii Ministira Haajaa Alaa biyyattii Misheel Maartiin waliin marii taasisaniin waamicha kan dhiyeessan Obbo Dammaqaan, dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti, Daarektara Olaanaa Misooma Industirii Gaardii Muleeris marii Obbo Dammaqaa waliin taasisaniin, dhaabbatnisaanii misooma pirojektii Itoophiyaa deeggaruuf fedhii akka qabuufi yaa’iin dhaabbatichaa baatii Sadaasaa Finfinneetti akka adeemsifamu ibsaniiru.
Haaluma walfakkaatuun Itoophiyaan hariiroo Imireetii Araba Gamtoomanii waliin qabdu sadarkaa olaanaatti ceesistuufi biyya Kaataar (Qatar) waliin dhimmoota daldalaafi industiriirratti walitti dhufeenyaan haala hojjetamurratti qondaalota biyyoota lameenii waliin marii bal’aa taasisaniiru.
Obbo Dammaqaan rakkoo jijjiirama haala qilleensaa maqsuuf Itoophiyaan biqiltuwwan biliyoona 32 dhaabuusheefi addunyaanis shoorasaa akka ba’atu yaadachiisaniiru.
Waaqshuum Fiqaaduutiin
BARIISAA SANBATAA Fulbaana 12 / 2016
9 Comments to “Manni marichaa bakka bu’ummaa haqaqabeessa akka diriirsuuf Itoophiyaan waamicha dhiyeessite”
Comments are closed.