– Godinni Baalee bara 2015tti turizimiirraa galii qarshii miliyoona 78 ol argate
Finfinnee: Paarkiin Biyyaalessaa Gaarreen Baalee hanbaa addunyaa ta’ee Dhaabbata Barnoota, Saayinsiifi Aadaa Mootummoota Gamtoomanii (‘UNESCO’)tti galmaa’uunsaa daawwattoota hedduu hawwachuun galii olaanaa maddisiisuuf kan gargaaru ta’uu Waajjirri Aadaafi Turizimii Godina Baalee beeksise.
Godinichatti bara darbe turizimiirraa qarshiin miliyoona 78 ol argamuus ibse. Hoggantuun waajjirichaa Aadde Roobdaa Jaarsoo ibsa Roobii darbe addatti Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf kennaniin akka jedhanitti, paarkichi ‘UNESCO’tti galmaa’uunsaa ummata godinichaaf gammachuu olaanaa ta’uurra darbee galii olaanaa maddisiisuun guddina biyyaa keessattuu shoora guddaa taphata. Gama galiin wayita ilaalamu bara darbe qofatti
turistootni biyya alaa 3200 fi turistootni biyya keessaammmoo kuma 46 ol waliigalatti turistootni kuma 50tti hiiqu godinicha daawwatanirraa qarshiin miliyoona 78 walitti qabamuus dubbataniiru.
Karoora dinagdee damdaneessa akka Oromiyaattis ta’e, akka godinichaatti karoorfame galmaan gahuuf damee turizimiif xiyyeeffannoon kennamee hojjetamaa jira kan jedhan Aadde Roobdaan; hojiin xiyyeeffannoon hojjetamaa jiru ija godhachaa jira jedhaniiru.
Dhaabbata Barnoota, Saayinsiifi Aadaa Mootummoota Gamtoomaniitti galmaa’uun Paarkii Biyyaalessa Gaarreen Baalee bu’aa xiyyeeffannoo seektara turizimiif kenname keessaa isa tokko jedhanii, hambaa addunyaa ta’ee galmaa’uun paarkichaa gara fuulduraatti guddina turizimii biyyattiif shoora olaanaa taphachuu danda’a jedhaniiru.
Hojii damee turizimiirratti gama mootummaan hojjetamaniin ala haalli teessuma paarkichaa ijaafi qalbii namaa kan hawwatu waan ta’eef hambaa addunyaa ta’ee akka galmaa’u taasisuus himaniiru. Hoosiftoota 20 kan Itoophiyaa keessatti qofa argamaniifi sanyiin sinbirrootaa 100 ol paarkichatti kan argaman ta’uus dubbataniiru.
Hundaa ol haalli teessumasaa paarkicha adda taasisa kan jedhan Aadde Roobdaan; paarkichi paarkii uumaan uumaman turizimiidhumaaf tolcheedha jechuunis ibsaniiru.
Adamoon seeran alaa paarkicha keessatti bineensota bosonaarratti gaggeeffamu hudhaa misooma paarkichaa akka ta’e eeruun; gocha kana hundeerraa maqsuuf waajjirrisaanii qooda fudhattoota waliin ta’uun tarkaanfii seeraa fudhachuu cinaatti hojii hubannoo uumuu hojjechaa jiras jedhan.
Haaluma walfakkaatun yaa’ii 45ffaa Dhaabbata Barnoota, Saayinsiifi Aadaa Mootummoota Gamtoomanii tibbana taa’amerratti haalli teessuma lafa Geediyoos hambaa addunyaa ta’ee galmaa’uun ni yaadatama.
Qajeelcha Aadaafi Turizimii Godina Geediyootti ogeessi Kominikeeshiniifi Odeeffannoo Obbo Daani’eel Katamaa gamasaaniin akka jedhanitti, haalli teessuma lafa godinasaanii hambaa addunyaa ta’ee galmaa’uunsaa turistootni daawwannaaf gara godinichaa akka dhufan gochuun galiin biyyaa akka dabalu taasisa.
Lafti galmaa’e kuni lafa abbootiin durii beekumsa aadaatti fayyadamuun waggoota 5000f kunuunsaa turaniidhas jedhaniiru.
Aadaan hawaasa Geediyoo, eegumsa naannawaafi kunuunsa lafaatiif gahee olaanaa kan taphatuudha kan jedhan Obbo Daani’eel akka aadaa hawaasichaatti biqiltuun akkasumaan hinmuramu, akka tasaa namni biqiltuu tokko mure biqiltuu lama bakka buusuuf kan dirqamu ta’uu eeran.
Taammiruu Raggaasaatiin
BARIISAA SANBATAA Fulbaana 12 / 2016
6 Comments to “Paarkichi ‘UNESCO’tti galmaa’uun galii guddaa maddisiisuuf gargaara”
Comments are closed.