Finfinnee: Ayyaanonni Daamaraafi Irreechaa bara 2016 nagayaan akka kabajamaniif qophii gahaan taasifamuu Biiroon Nageenyaafi Tasgabbii Magaalaa Finfinnee beeksise.
Hoggantuun biirichaa Aadde Liidiyaa Girmaa ibsa Kamisa darbe Miidiyaaf kennaniin akka jedhanitti, dhimma kabaja ayyaanota kunneeniirratti biirichi qooda fudhattoota waliin marii taasisaa jira.
Ayyaanotni kunneen karaa nagayaan akka kabajamaniif biirichi osoo jiini Fulbaanaa hinseenin dursee qophii eegaluu ibsaniiru.
Hawwaasni magaalichaa ayyaanonni kunneen bifa isaan madaaluufi duudhaasaanii ganamaa calaqqisiisaniin akka kabajamaniif hojii bal’aan hojjetamaa jira jedhan. Uumamumasaaniitiin ayyaanotni lamaanuu ayyaanota jaalalliifi tokkummaan ummataa itti cimuufi biyya ijaaruu danda’an ta’uu eeraniiru.
Oggaa ayyaanonni kunniin kabajaman qaamoleen akeeka diigumsaa qaban walittibu’iinsa uumuuf socho’u kan jedhan Aadde Liidiyaan, haala kaayyoo diigumsaa kana fashaleessuuf qophiin taasifamuus dubbataniiru.
Raayyaan Ittisa Biyyaa, Miseensotni Tika Biyyaalessaa, Poolisiin Fedaraalaa, Biiroon Nageenyafi Tasgabbiifi Poolisiin Magaalichaa yommuu ayyaanotni kunneen kabajaman hojii nageenya eegsisuurratti nihirmaatu jedhaniiru.
Kanaan dura yommuu ayyaanotni amantiifi ummataa dirreerratti kabajaman wantootni mul’achuu hinqabneefi ummattoota gidduutti jibba facaasan raawwatamaa turuus yaadachiisanii, rakkinootni akkanaa akka hinmul’anneef qaamolee nageenyaafi hawwaasa magaalatti gidduutti mariiwwan sadarkaa garagaraarratti irra deddeebiidhaan ni taasifamu jedhaniiru.
Ayyaanotni kunniin ayyaana jaalalaa, badhaadhinaafi kan tokkummaa akka ta’aniif Aadde Liidiyaan hawwiisaanii dabarsaniiru.
Taammiruu Raggaasaatiin
BARIISAA SANBATAA Fulbaana 5 Bara 2015
2 Comments to “Ayyaanonni Daamaraafi Irreechaa nagayaan akka kabajamaniif qophii gahaan taasifameera”
Comments are closed.