Naannichatti biqiltuu miliyoona 75 ashaaraa magariisaaf qophaa’aa jira

Finfinnee: Naannoo Beenishaanguul Gumuzitti Ashaaraa Magariisaa bara 2017tti biqiltuuwwan dhaabbatan miliyoona 75 qopheessuuf karoorfamee hojjetamaa jiraachuu Biiroon Qonnaa naannichaa beksise.

Biqiltuwwan dhaabbatan lafa waloo (communal lands) ‘GPS’n adda ba’etti dhaabbiin akka gaggeeffamu ibsameera.

Hogganaan Biirichaa Obbo Babakir Haliifaa Kamisa darbe ibsa Gaazeexaa Bariisaaf kennaniin, naannichatti Ashaaraa Magariisaa bara 2017f biqiltuu miliyoona 75 qopheessuuf karoorfatee hojjechaa jira. Raawwii hanga ammaatti jiruunis biqiltuu miliyoona 53fi kuma 902fi 417 qopheessuun danda’ameera.

Akka ibsasaaniitti, raawwii hojii kanaaf waldaalee, dargaggootaafi qaaomolee dhimmichii ilaallatuu dabalatee hojiin biqilaa qopheessuu buufata biqiltuu 73ttii gegeeffamaa jira. Akka nannichaatti dhaabbiin biqiltuu ji’a Adoolessaa keessa akka eegalu himanii; agiroo ikoolojii naannichaa giddu galeeffachuudhaan biqltuun qophaa’aa jiran hanga guyyaa dhaabbatanitti kunuunsi ni taasifamaaf jedhaniiru.

Bishaan obaasuu, shukunuu, bakka barbaachisetti kitaanuu, aduun akka hin gogsine afaa irraa hafuufi sadarkaa of danda’uurra kanneen ga’an afaa irraa kaasuun kunuunsa taasifamaa jiru keessaa akka fakkeenyatti kaasaniiru.

Buufatoota biqiltuwwan itti qophaa’aa jiran Bakka Bu’oota Mana Maree Ummataan daawwatamaniiru.Yeroo dhaabbiitti rakkoon hubannoo akka hinumamneefis hojii hubannoo uumuu hojjetamaa jiraachuu himanii; reeshoon biqiltuu dhaabbatee qabatuu akka dabaluuf qophiin boolla waqtii dhaabiin eegalu ji’a lamaan duraa jiru keessatti boolla qopheessuun eegalama jedhaniiru.

Reeshoon qabannaa biqiloota bara darbee dhibbantaa 80 irra jiraatus biqiltuwwan amala isaaniitiin aduu danda’aniifi hin dandeenye waan jiraniif hordoffiifi to’annoon itti fufee jira.

Biqiltuwwan hanga ammaatti naannichatti dhaabamanii lalisanii(qabatanii) jiran kaan nayaataaf ga’aniiru. Kaan ammaoo lafa qullaatti hafe aguuganii gabbina biyyee akka dabalu, yaa’a lageenii gabbisuudhaan burqaan bishaanii akka burqan taasiseera. Margi dafee biqilee nyaatan beeyiladaaf, ijaarasa manaa, gaaddisa biqiloota dhaabbatanii ijaaruufi haala qilleensa baramaa naannichaa mija’aa taasiisuun faayidaa kennaa jira.

Hojiin qophii biqiltuu yeroo ammaa naannicha keessatti gaggeeffamaa jiru sadarkaa gaariirraa akka jiru himanii; qooda fudhattootni qajeelfamoota gad bu’an hawaasa qaqqabsiisuun hojiirra akka oolu taasisuun hojii eegalame akka milkaa’u akka ta’aniif waamicha dhiyeessaniiru.

Gammachuu Kadiriin

BARIISAA SANBATAA Ebla 25 Bara 2017

Recommended For You