Naannoon Affaar turiizimiirraa galii qarshii miliyoona 49.95 argate

Finfinnee: Bara bajataa 2015tti naannoon Affaar daawwattoota alaarraa qofa galii qarshii miliyoona 49. 95 argachuu Biiroon Turiizimii Naannichaa beeksise.

Biirichatti Daarektarri Turiizimiifi Misooma Paarkiiwwanii Obbo Mahaammad Hasan ibsa dheengadda Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf kennaniin akka ibsanitti, sosochiin turiizimii waggoota sadan darban sababa dhibee koronaafi walitti bu’iinsaatiin qabbanaa’ee ture bara bajataa eerametti fooyyee guddaa argisiiseera.

Haaluma kanaan bara darbe daawwattoota biyya alaa kuma tokkoofi 500 naannichatti daawwannaa taasisanirraa qarshii miliyoonni 49.95 argamuu ibsanii; galii kana keessaas tajaajilli hoteelaa, geejibniifi seensa bakkeewwan hawwata turiizimii qarshii kuma 33 ol qooda qabaachuu himaniiru.

Naannoon Affaar naannolee biyyattii hawwata tuurizimiin beekaman keessaa tokko ta’uun bara darbee daawwattootni biyya keessaa kuma 250s naannicha daawwataniiru. Iddoowwan naannichatti hawwata turiizimii ta’uun sadarkaa idiladdunyaatti beekaman keessaa Daalol, Hertaallee, Hara Afdeeraafaan adda durummaan akka eeraman ibsaniiru.

Naannoon Affaar Hara soogiddaa halluuwwan garagaraa qabuufi teessuma lafaa qalbii namaa booji’u qabaachuu eeranii; bakki gad dhooqaan addunyaa Daaloliifi Danaakil akkasumas bakka argama Paarkii Biyyaalessaa Awaash waan ta’eef filannoo daawwattoota biyya keessaafi alaa ta’uu yaadachiisaniiru.

Akka Obbo Mahaammad jedhanitti, harawwan Ertaallee, Yaaliidifi Abbee dabalatee bakkeewwan hawwata turiizimii ja’an dabalataan tajaajila kennuu eegalaniiru. Kana dura naannichatti bakkeewwan hawwata turiizimii beekamoo ta’an kurnanis tajaajila si’ataa kennuurratti argamu.

Bakkeewwan hawwata turiizimii filatamoo kanneen daawwachuuf turistoota biyya alaafi keessaatiif haalli mijataan jiraachuus dhaamaniiru.

 Waaqshuum Fiqaaduutiin

 BARIISAA SANBATAA Hagayya 20 Bara 2015

Recommended For You

6 Comments to “ Naannoon Affaar turiizimiirraa galii qarshii miliyoona 49.95 argate”

  1. Pingback: Free Palestine
  2. Pingback: get tokens

Comments are closed.