Baay’inaan dhufuun hoggantoota biyyootaafi dhaabbilee addunyaa milkaa’ina dippilomaasii Itoophiyaa kan mul’isuudha

Finfinnee: Daawwannaa hojiif baay’inaan dhufuun hoggantoota biyyootaafi dhaabbilee addunyaa agarsiistuu milkaa’ina dippiloomaasii Itoophiyaa kan mul’isu ta’uu hayyuun Saayinsii Siyaasaafi Hariiroo Adiladdunyaa ibsan.

Yunivarsiitii Finfinneetti barsiisaan saayinsii siyaasaa Obbo Shimallis Hayiluu ibsa addatti Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf Kamisa darbe kennaniin akka jedhanitti, daawwannaa hojii dura bu’oonni biyyoota adda addaa, dipilomaatotni, ministirootniifi hoggantoonni dhaabbilee addunyaa Itoophiyaatti dhimmoota garagaraarratti taasisaniifi mariin adeemsisan hariiroon dippilomaasii biyyattii sadarkaa gaariirra jiraachuu mul’isa.

Waraana Itoophiyaa kaabaatti mudatee tureen walqabatee, keessattuu hariiroon dippilomaasii Itoophiyaa daran qabbannaa’ee turus hojii cimaa hojjetameen yeroo ammaa Itoophiyaan biyyoota hedduuf filannoo ta’aa jirti.

Hariiroowwan adda addaa taasifamaa jiran kunneen Itoophiyaan milkaa’ina dippilomaasii haala bareedaarra jiraachuu mul’isa jedhanii; Itoophiyaan biyya guddoo waan taateef warra lixaa dabalatee biyyootni hedduun faayidaasaanii eegsifachuuf Itoophiyaa waliin hojjechuuf fedhii qaban argisiisaa jiraachuus himaniiru.

“Biyyootni Lixaa hariiroo biyyoota Afrikaa faana qaban cimsachuuf Itoophiyaa akka riqichaatti ilaalu. Kunis milkaa’ina dippilomaasii biyyattiif carraa guddaadh” jedhan Obbo Shimallis.

Yeroo dhihoo keessa biyyootniifi dhaabbileen idiladdunyaa Itoophiyaarratti dhiibbaawwan garagaraa taasisaa turan amma Itoophiyaa faana hiriiraa jiraachuun milkaa’ina caalu ta’uus eeranii; hojii dippilomaasii biyyattiin hojjetteeniifi tarkaanfii waldhabdee Itoophiyaa kaabaatti uumame karaa nagayaa furuuf fudhatameen ta’uus beeksisaniiru.

Hariiroowwan taasifamaa jiran Itoophiyaaf faayidaa dinagdee, siyaasaafi hawaasummaa kan qaban ta’uu ibsuun; Itoophiyaanis misoomaafi guddinasheef michooma biyyootaa ni barbaaddi jedhaniiru.

Hariiroo dippilomaasii Gamtaa Imeretota Arabaa akka fakkeenyaatti kaasuun akka dubbatanitti, hariiroo taasifameen Itoophiyaanis ta’e biyyattiin gama dinagdeen guddaa fayyadamuu danda’u.

Biyyootni lamaan kunneen guyyaa tokkotti waliigaltee 17 walii mallatteessuusaanii eeruun; waliigalteewwan kunneen caalaatti waliigaltee dinagdee biyyoota lamaanii daran guddisuuf kan gargaaraniifi Itoophiyaan biyya qabeenya uumamaatiin badhaateefi invastimantiif mijattuu ta’uusheetiin hojii bu’aaqabeessi akka hojjetamuuf abdii qaban ibsaniiru.

Haa ta’u malee, Itoophiyaan sadarkaa dippilomaasiishee sadarkaa olaanaatti ceesisuuf waldhabdeen keessoo gufuu ta’aa jiran karaa nagaan furamuu akka qabanis dhaamaniiru

Taammiruu Raggaasaatiin

 BARIISAA SANBATAA Hagayya 20 / 2015

Recommended For You

2 Comments to “Baay’inaan dhufuun hoggantoota biyyootaafi dhaabbilee addunyaa milkaa’ina dippilomaasii Itoophiyaa kan mul’isuudha”

  1. Pingback: dultogel slot

Comments are closed.