Finfinnee: Itoophiyaan qormaata keessaafi alaatiin osoo hingufatin dhageettiin sadarkaa addunyaatti argachaa jirtu akka ji’a goobanaa guddachaa, mul’achaa jira. keessumaa ji’oota lamaa as qofa yoo ilaalle qondaaltonni idiladdunyaa dachee Itoophiyaarra ejjetan kan yaadameen oli. Utuma kun kanaan jiruu yaa’ii gurmuu miseensota ‘BRICS’ Afrikaa Kibbaatti adeemsifamerratti torbee darbe kan hirmaatan Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiyyi Ahmad (PhD) Itoophiyaan miseensa gurmuu ‘BRICS’ ta’uu iftoomsanii baay’ota biratti gammachuu guddaa uumeera.
Doktar Abiyyi miseensummaa kanailaalchisuun, “Itoophiyaan miseensa gurmuu kanaa ta’uunshee taatee seenaati. Addunyaa hunda hammatuufi badhaadhina hundaa mirkaneessu dhugoomsuuf tattaaffii taasifamu deeggaruuf Itoophiyaan yoomiyyuu qophiidha” jechuun ejjennoo dippiloomaasii biyyattii ibsan. Bakka bu’ootni Ruusiyaa, Chaayinaafi Biraazilis ergaa baga gammaddanii ummata Itoophiyaaf dabarsaniiru.
Kunis miseensa gurmuu kanaa ta’uuf gaaffii kan dhiyeessan yoo xiqqaate biyyoota 40 ta’u. Haa ta’uutii kan carrooman Itoophiyaa dabalatee Gibxii, Arjantiinaa, Iraan, Imireetota Araba Gamtoomaniifi Sawud Arabiyaa qofa. Waa’een milkaa’uu miseensummaa kun salphaatti osoo hintaane walfalmii yeroo dheeraan booda ta’uus Aljaziiraan gabaaseera.
Dhimmuma kana ilaalchisee dippiloomaatii buleessi Ambaasaaddaar Xurunaa Zeenaa turtii Kamisa darbe Dhaabbata Pireesii Itoophiyaa waliin taasisaniin akka jedhanitti, Itoophiyaan dhaabbilee idiladdanyaa yeroo garagaraa hundaa’an keessatti biyyoota Afrikaa dursitee miseensa ta’uun beekamti. Hundaa ol garuu osoo biyyootni dinagdeenuu ishee caalan hedduun jiranii miseensummaa gurmichaa ta’uunshee hojii dippilomaasii olaanaafi akkaan nama boonsuudha.
Itoophiyaan qormaata addunyaa kan ta’e dhibee koronaafi waraana mudatee ture dandamattee guddinni dinagdee galmeessite shoora mataasaa taphachuu himanii; qormaata keessaafi alaa dandamachuun guddina saffisaa galmeessisuun waa tokko ta’ees addunyaadhaan simatamuun carraa guddaa biyyattii boonsu ta’uu ibsaniiru.
Miseensa gurmuu dinagdee haqaqabeessaafi sirna waliin jireenyaa walqixxummaarratti hundaa’e ta’uun Itoophiyaa bu’aa dippiloomaasii olaanaa ta’uun ala fayyadamummaa rogawwan maraa mirkaneessuu keessatti gahee leencaa qabaachuu eeranii; miseensa gurmuu kanaa ta’uunshee guddina duraan qabdurratti humna dabalataa gara fuulduraatti ishee tarkaanfachiisu akka argattu taasisa jedhan.
Itoophiyaan akkuma jedhame biyya siyaasaafi dinagdeen dadhabaa deemtu osoo hintaane rakkoon keessoo akkuma jirutti ta’ee biyya milkaa’aa jirtu ta’uu dubbatanii; ammaan tana biyyoonni michuu Itoophiyaa ta’uu fedhan heddummaataa akka jiranis eeraniiru.
Miidiyaan Chaayinaa ‘CGTN’ akka ibsetti, bara 2022 qabiyyeen daldala biyyoota gurmuu ‘BRICS’ doolaara Ameerikaa tiriliyoona 9.2 ga’eera. Gurmuun kun qabeenya guddaa sochoosaa akka jiru kanarraa hubachuun ni danda’ama. Sochii daldalaa kana keessatti Chaayinaa qofti doolaara Ameerikaa biliyoona 333 sochoosaa jirti.
Olaantummaa dinagdeefi siyaasaa warra Lixaa haqaqabeessa gochuuf kan onnate gurmuun ‘BRICS’ yeroo gabaabaa keessatti maallaqa mataasaa hojiirra kan oolchu ta’a. Gama qabeenyaatiin wayita ilaalamu sadarkaa amma jiruunuu qabeenya addunyaa keessaa dhibbantaa 25 qabateera.
Deeggarsas ta’e liqaan gurmuu ‘BRICS’ harka micciiruurraa bilisa. Kaayyoonsaa guddina waldeeggarsaafi kabaja waloorratti hundaa’e dagaagsuudha. Si’aayinaan hojjechuufi rakkoo dandamachiisuun dhaadannoo gurmichaa yommuu ta’u, gabaa addunyaa tasgabbeessuun ammoo kaayyoosaa lammataati. “Biyyootni addunyaa hundi guddachuuf mirga guutuu qabu” jedhan Pirezidaantiin Chaayinaa Zhii Jinpiingi haasaa waltajjicharratti taasisaniin.
Jijjiiramni haala qilleensaa, ce’umsa barnootaafi guddina dandeettii gara fuulduraa, daldalli gabaa bilisaafi rakkoo dhibee koronaatiin uumamee ture dandamachiisuun manii guddina waaraa bara 2030 milkeessuufaan ajandaa marii ijoo turan.
Haaluma walfakkaatuun Hayyuun Saayinsii Siyaasaa Doktar Yaaqoob Arsaanoo gamasaanii, Itoophiyaan miseensa ‘BRICS’ akka taatuu wantootni sababa ta’an biyya birmadummaashee eeggachuu, ummata baay’ee qabaachuu, Afrikaa Bahaa keessatti dhageettii guddaa qabaachuufi argamsahee ta’uu eeranii; biyyu kun durii kaastee addunyaarratti dhageettii qabaattus kan miilanaa kun milkaa’ina guddaa ta’uu ibsaniiru.
Gurmuun ‘BRICS’ dhimma biyyootaa keessa seenuun akka biyyoota Lixaa seenaa meeshaa waraanaa gurgurachuu akka hin qabne yaadachiisanii; miseensa gurmuu kanaa ta’uun Itoophiyaa maqaa deggersaafi liqaan dhiibbaa siyaasa keessooshee mooqamaa jirturraa dhaawatan milquuf kan gargaaru ta’uus eeraniiru.
Haa ta’uutii, siyaasa keessoo qeeqaaf saaxiluu maqsuun barbaachisaa akka ta’eefi hanga waa hundi toora qabatti.
Waaqshuum Fiqaaduutiin
BARIISAA SANBATAA Hagayya 20 / 2015
8 Comments to “Waa’een miseensummaa ‘BRICS’tti milkaa’uu Itoophiyaa bu’aa dippiloomaasii isa olaanaadha”
Comments are closed.