Finfinnee: Omishaalee garagaraa gabaaf dhiyeessuun waanuma uumamaan baratameedha. Haa ta’u malee, qilleensa gurgurtaaf dhiyeessuun baay’ee keenyaaf gaaffii ta’uu mala. Haa ta’uutii bara 2014 bosona Baalee qofatti gurgurtaa kaarbooniirraa galiin qarshii miliyoona 500 argameera.
Hayyoonniifi hoggansi damichaa ibsa Roobii darbe Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf kennaniin akka jedhanitti, Oromiyaan gurgurtaa kaarbooniitiin galii maddisiisuurratti shoora adda durummaa qabdi. Bosonni biyyattii harki 60 olis Oromiyaa keessatti argama.
Daarektarri Olaanaan Dhaabbata Bosonaafi Bineensa Bosonaa Oromiyaa Obbo Araarsaa Raggaasaa akka jedhanitti, bara 2014 bosona Baaleerratti yaalii gurgurtaa kaarboonii taasifameen galiin qarshii miliyoona 500 argameera. Galii kana keessaa dhibbantaan 60n qonnaan bulaa naannichaaf qoodame. Ammas haala mijataa Oromiyaan qabduun guutuu naannichaatti gurgurtaa kaarbooniirraa galii maddisiisuuf Baankii Addunyaa wajjin waliigalteen mallattaa’eera.
Ogeessi bosonaa Dhaabbata Faarmi Afrikaa Obbo Sahaalamaaraam Mazmuur akka jedhanitti, biyyoota industiriidhaan badhaadhanitti faalamni qilleensaa olaanaa waan ta’eef faalama qilleensichaa xiqqeessuuf biyyoota qilleensa hinfaallerraa kaarboonii bitu.
Kana jechuun qabeenyi industirii Itoophiyaan qabdu gadaanaa waan ta’eef kaarbooniin qilleensatti gadilakkiftu daran xiqqaadha. Biqilootni kaarboondaayoksaayidii waan soorataniif Itoophiyaan industirii xiqqaa qabaachuun dabalata bosonnishee dabalaa waan jiraniif hanga kaarboonii qilleensa keessa jiru xiqqeessuu keessatti shoora olaanaa taphachaa jirti jedhaniiru.
Itoophiyaan gurgurtaa kaarbooniirraa galii kan argattu kaarboonii qilleensa keessa jiru qodaatti walittiqabdee gurguruun osoo hinaane biyyootni guddatan asuma dhufanii dachee Itoophiyaarratti hanga kaarboonichaa safaruun maallaqa kan kennan ta’uus ibsaniiru. Tarsiimoo hanga kaarboonii faalama qilleensaaf sababa ta’e hir’isuu keessatti bosona dhaabuun isa olaanaafi ijoo ta’uus dubbataniiru.
Kaarboonii faalama qilleensaa daran hammeessu ittisuuf bosona haaraa dhaabuu qofti ga’aa akka hintaane ibsanii; bosonni duraan ture balaa ibiddaafi sababoota garaagaraatiin manca’eef kaarboonii faalama qilleensaaf sababa ta’e akka gadi hinlakkifneef kunuunsi barbaachisu taasifamuufii qabas jedhaniiru. Kanaaf ammoo Oromiyaan sochii taasisaa jirtuufi bosona qabduun daran mijattuu ta’uushee dabalataan ibsaniiru.
Dhaabbata Bosonaafi Bineensa Bosonaa Oromiyaatti Gorsaa Seeraa Olaanaa kan ta’an Obbo Dandanaa Gabremikaa’el gamasaaniin; gurgurtaan kaarboonii taatee haaraa ta’uusaan eenyuufi akkamiin akka gurguramurratti falmiin turuu yaadachiisanii; boodarra deeggarsa dhaabbata FaarmAfriikaan bu’uura seeraa dhaabbilee misoomaa idiladdunyaan Dhaabbatni Bosonaafi Bineensa Bosonaa Oromiyaa bosona Baaleefi gariin Arsii Lixaarraa kaarboonii mootummaa Faransaayitti gurguramuusaa ibsaniiru.
Fedhii olaanaa gabaa kaarbooniif akka addunyaatti jiruufi bosona bal’aa, keessattuu akka Oromiyaatti jiru ilaalcha keessa galchuun naannichatti gurgurtaa kaarbooniirraa galii olaanaa maddisiisuuf hojjetamaa jiraachuus dubbataniiru.
Waaqshuum Fiqaaduutiin
BARIISAA SANBATAA Hagayya 20 / 2015
6 Comments to “ Oromiyaatti bara 2014 gurgurtaa kaarbooniirraa qarshiin miliyoona 500 argame”
Comments are closed.