“Gara biyyi itticeeturratti waliigaluun caba siyaasa biyyattii wal’aanuuf murteessaadha” – Jaal Leencoo Lataa

Finfinnee: Gara biyyi itticeeturratti waliigaltee uumuun caba siyaasa biyyattii wal’aanuuf dhimma murteessaa ta’uu hayyuun siyaasaa Jaal Leencoo Lataa ibsan.

Jaal Leencoon akka dheengadda Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf ibsanitti, siyaasa biyyattii ilaalchisee garaagarummaan yaadaa daran bal’achaa jira.

Garaagarummaan kun yaadarraa gara gochaatti ce’ee biyya rakkoo hamaa keessa buusaa jira. Namni gaaffii qabu kamuu osoo carraa dhaggeeffatamuu qabuu tarkaanfii humnaatiif ifaajaa jira. Kunis gara biyya itti ceesisanirratti waliigalteen waloo waan hinjirreefi.

Biyya kanaaf kan wayyu sirna federaalizimii jiru dimokraatessuudha kan jedhan Jaal Leencoon; namni yaada biroo qabus murtoon kan ummataa waan ta’eef haala inni itti yaadasaa ummata bal’aatti ibsaturratti haala mijataa uumuun barbaachisaa ta’uus himaniiru.

Haala amma jiruun walshakkiifi garaagarummaan yaadaa daran bal’achaa akka jiru yaadachiisanii; siyaasni ammayyaan aadaa mariitiin dabaalame diriiruu baannaan egereen biyyattii balaa guddaarra bu’uu mala sodaa jedhus ibsaniiru. Boqonnaa qophii walballeessuurraa gara boqonnaa walbaraaruutti ce’uun kan danda’amu yoo mariifi marabbaan jiraate qofa ta’uus hubachiisaniiru.

Sirna siyaasaa biyyattiin hordofturratti qaamoleen waliif hingalle waan jiraniif yeroo garagaraa mufii qaban wayita haala adda addaatiin ibsatan arguun waan baratameedha kan jedhan hayyichi; yaada fedhan calaqqisiisuuf siyaasa qaroomaan osoo jiruu aangoo qabachuuf tarkaanfii humnaatti ce’uun garuu gocha jaarraa keessa jirru madaalu akka hintaane ibsaniiru.

Daddaaqama siyaasaa biyyattiif akka furmaata guddaatti kan abdatame mariin biyyaalessaa qixa barbaadameen tarkaanfachaa jira amantaa jedhu akka hinqabnes eeranii; daandii biyyattiin irra dhufte tarkaanfiin humnaa eenyuyyuu waan hinfayyadneef gara mariitti deebi’uun murteessaa ta’uu dubbataniiru.

Akka isaan jedhanitti, waldiddaan siyaasaa Oromoo amma jiru ifaa miti. Qaamoleen siyaasaa biroo sirna ammaatti mufachuu ifatti ibsaa jiru. Kan Oromiyaa keessaa garuu paartii biyya bulchu dabalatee sababa waldiddaan siyaasaa uumamaa jirurratti wanti ifatti lafa kaa’an hinjiru.

Mariin nageenyaa kanaan dura mootummaafi qaama hidhatee bosona jiru waliin Zaanzibaaritti taasifamee ture yoo ilaalame burjaajii siyaasaa Oromiyaa keessa jiruuf agarsiistuu tokko jedhanii; qaamotni gama lameenuu maricharratti hirmaatan dhimmamuu dhabuun dubbiin goolabamuu malee garaagarummaa bal’aan akka addaan ba’aniif sababa ta’uu ibsaniiru.

Dubbiin gama lameenirraa dhiyaates tokkummaa caalaa garaagarummaa jiru kan bal’isan ta’uullee akka odeeffatan Jaal Leencoon dubbataniiru.

Waaqshuum Fiqaaduutiin

 BARIISAA SANBATAA Hagayya 20 / 2015

Recommended For You

6 Comments to “ “Gara biyyi itticeeturratti waliigaluun caba siyaasa biyyattii wal’aanuuf murteessaadha” – Jaal Leencoo Lataa”

  1. Pingback: Coblo
  2. Pingback: luk666
  3. Pingback: https://vhnbio.com

Comments are closed.