Babal’achuun bu’uraalee misoomaa guddina dinagdee bayyaatiif shoora olaanaa qaba

Gammachuu Kadiriin

Finfinnee: Guddina dinagdee biyyaafi babal’inni bu’uuraalee misoomaafi carraa hojii uumuu murteessaa ta’uu Doktar Lataa Seeraa beekisan. Hamma dhaabbileen misoomaa ofdanda’anitti mootummaan akka dhaabbilee misoomaatti hirmaatee madda galii ta’uun fala ta’uus ibsaniiru.

Yunivarsitii Jimmaatti hayyuun saayinsii dinagidee Doktar Lataa Seeraa akka dheengadda Dhabbata Pireesii Itoophiyaaf ibsanitti, misoomni bu’uuraalee misoomaa, carraa hojii uumuufi alergii dabaluun dinagdee biyyaa guddisuu keessatti shoora olaanaa qaba. Dabalataanis, hamma dhaabbileen misoomaa ofdanda’anii galii argamsiisanitti mootummaan bakkasaanii bu’ee dabalataan hojjechuun fala ta’uus ibsaniiru.

Wanti humna nama tokkoo olta’e hundi mootummaadhaan guutamuu akka qabu eeranii, guddina dinagdeeafi nageenya mirkaneessuun akkasumas bu’uraalee misoomaa babal’isuun gahee hojii mootummaati jedhu. Bakka nageenyi mirkanaa’etti bu’uuraaleen misoomaa babal’achuun teknolojiin qonnaan bulaa qaqqabuun omishaafi omishtummaan guddachuun gurgurtaaf oola jedhan hayyichi.

“Qonni gara makaanaayizeshiniitti ce’uun lakkoofsi qonnaan bulaafi daldalaa akka dabalu taasisa. Kun ammoo, carraa hojii uumuudhaan baay’inni namoota gibira kaffalanii akka dabalu kan taasisuun galiin mootummaa guddachuuf shoora olaanaa qaba” jedhaniiru. Galiin mootummaa dabaluun bu’uuraalee misooma babal’isuuf haala mijaawaa akka uumus eeraniiru.

Bu’uraalee misoomaa babal’isuun gahee hojii mootummaati kan jedhan Doktar Lataan, kana dhugoomsuufis nageenyi barbaachisaa ta’uu dubbatu. Mootummaan akka dhaabbilee misoommaatti bakka bu’ee hojjetee galii argamsiisuun gara dhuunfaatti akka ce’aniif jajjabeessuun maloota galii ittiin guddisan keessaa isa tokko ta’uus akka fakkeenyaatti kaasaniiru.

 Sadarkaa idiladdunyaatti biyyoonni utuu qabeenya ga’aa qabanii hinguddatiin, utuu hinqabaatin guddatan jiru kan jedhan Doktar Lataan, qabeenya jiruuf haala mijeessanii guddinaaf oolchuun gahee hojii mootummaa isa olaanaa ta’uu beeksisaniiru.

Lafa, bishaaniifi albuuda jiru inveesti gochuuf nagaafi bu’uraaleen misoomaa wantota guddina biyyaa murteessan ta’uus ibsaniiru. “Guddina dinagdee biyyaatiif dhiyyeessiin faayinaansii, kaappitaalaa barbaachisaadha. Sochiin baankotaa saayinsiin deeggaruunis cimee ittifufuu akka qabu hubachiisanii, lammiileen liqeeffachuu hindandeenye haallitti maayikiroofayinaansiirraa ittiliqeeffatanii jireenyasaanii fooyyeffatan mijeeffamuu qaba jedhu.

Nageenya, daandii, ifa, telekominikeeshiniifi gabaan mootummaan haala mijaawaan walitti ida’amuun guddina dinagdee biyyaa keessatti shoora olaanaa waan qabaniif xiyyeeffannoodhaan irratti hojjetamuu akka qabu dubbatu. Alergii dabaluu, diyaaspooraan biyya akka misoomsu taasisuun galii argamuun dinagdee guddisuun akka danda’amus ibsaniiru. Ummatis bakka amma jirutti gammadee jiraachuu dhiisee jijjiirama ilaalchaa fiduun waan haaraa uumuurratti xiyyeeffatee haala mootummaan mijeessuufitti fayyadamuun ofjijjiiruu akka qabu dhaamaniiru.

BARIISAA SANBATAA Caamsaa 19/ 2015

Recommended For You

5 Comments to “ Babal’achuun bu’uraalee misoomaa guddina dinagdee bayyaatiif shoora olaanaa qaba”

  1. Pingback: Dan Helmer
  2. Pingback: Dan Helmer
  3. Pingback: 가입머니1만
  4. Pingback: aroundtravel

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *