Konfiransiin Dargaggoota Oromiyaa 13ffaan akka waliigalaatti Caamsaa 30 adeemsifama

– Konfiransichi sadarkaa sadarkaadhaan adeemsifamaa jira  

 Saamraawiit Girmaatiin

Finfinnee: Konfiransiin Dargaggoota Oromiyaa 13ffaan akka waliigalaatti Caamsaa 30 bara 2015 kan adeemsifamu yoo ta’u torban kana sadarkaa gandaa, kutaalee magaalaa, aanaa, magaalaafi godinaatti adeemsifamaa jiraachuu Biiroon Dargaggoofi Ispoortii Oromiyaa ibse.

Hoggantuun biirichaa Dubree Saamiyaa Abdallaa ibsa addatti Gaazexaa Bariisaatiif kaleessa kennaniin akka jedhanitti, konfiransichi bara 2009 irraa eegalee sababoota garagaraatiin adda citee kan ture yoo ta’u, barana haala adda ta’een Caamsaa 13 bara 2015 irraa eegalee mataduree, “Dargaggoo ijaarsa biyyaaf” jedhuun sadarkaa sadarkaadhaan adeemsifamaa jira. Caamsaa 11fi 12 bara 2015 hoggantoota seektarichaafi hoggantoota siyaasaaf leenjii barbaachisu kennuun; isaanis haala barbaadamuun gadi buusuun mariitti seename.

Konfiransii sadarkaa aanaarraa eegalee taa’amaa jiru kanaan dargaggoota miliyoona ja’a qaqqabuuf karoorfamuu eeranii, kunis matadureefi ajandaa marii walfakkaataatiin adeemsifamaa jiraachuu himu.

Gaaffiileen dargaggootarraa ka’anis kanneen sadarkaa jiranitti deebi’uu danda’an achumatti deebi’aa, hanga sadarkaa naannootti kan dhufan ta’uufi konfiransii waliigalaa Caamsaa 30 adeemsifamurratti bakka adda dureewwan dargaggootaa filataman argamanitti dhihaatee anga’oota olaanaa naannichaatiin deebiin kan itti kennamu ta’uu ibsu.

Wayita ammaa gandoonniifi aanaaleen konfiransicha xumuruun, magaalotaafi godinootarratti cufaa jiraachuu kan himan hoggantuun tun, Roobii darbes Magaalaa Maayaatti sirna cufiinsaarratti argamuun dargaggoota 700 ol mariisisuu dubbatu. Kaleessas Magaalaa Jimmaatti argamuun dargaggoota kan mariisisan yoo ta’u, waltajjiiwwan hirmaatanirratti gaaffii ijoon dargaggootaa hojidhabdummaa, finxaaleessummaadhaan akka hinhubamne maal gochuu akka qabaniifi ijaarsa biyyaarratti akkamiin hirmaachuu akka qabanirratti kan xiyyeeffate ta’uu kaasu.

Biiroonsaanis gaaffilee dargaggootaa sektaroota dhimmichi ilaallatu waliin ta’uun deebii kennaa jiraachuu kan himan Dubree Saamiyaan, keessumaa dhimma hojii dhabdummaatiin walqabatee Biiroo Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa waliin ta’uun sochii taasisaa jiraachuu dubbatu. Ta’us dhimmi kun mootummaadhaan qofa kan hiikamu osoo hintaane dargaggoonni aadaa hojii tuffachuu keessaa ba’uun carraa jirutti fayyadamuu akka qaban eeru.

Hojii tuffachuun walqabatee waltajjii Maayaarratti waa tokko taajjabuu eeranii, hirmaattota waltajjichaatiif gaaffii “Carraan hojii biiroon keenya biyya Arabaatti mijeesse waan jiruuf eenyutu deemuu barbaada? jedhu gaafadhee manni guutuun baase. Magaalaadhuma Maayaatti ammoo carraa hojii qulqulleessummaatu jira, eenyutu mindeeffamuu barbaada jedhee kaasnaan nama harka baasuun dhabe” jedhu. Kunis aadaan hojii tuffachuu dargaggootaa furamuu akka qabu kan agarsiisu waan ta’eef dhimma xiyyeeffannaa barbaadu ta’uu ibsu.

“Akka waliigalaatti dargaggoonni waa hundaaf sababa ta’uu qabu. Dargaggoonni biyyasaaniifi nageenyasaanii kan eegan ta’uutu irra jira. Akkasumas hojiilee mootummaan hojjetu cinaa dhaabachuun biyya tiksuu qabu” jedhu.

BARIISAA SANBATAA Caamsaa 19/ 2015

Recommended For You

6 Comments to “Konfiransiin Dargaggoota Oromiyaa 13ffaan akka waliigalaatti Caamsaa 30 adeemsifama”

  1. Pingback: Click This Link
  2. Pingback: view
  3. Pingback: free bdsm

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *