Bataskaanni Ortodoksii Tawaahidoo koree nagaa akka dhaabdu ibsame

Gammachui Kadiriin

Finfinnee: Bataskaanni Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa haala yeroo ilaalcha keessa galchuun koree nageenyaa sadarkaa idiladdunyaatti akka dhaabdu ibsame.

Walga’iin bataskaanichaa Caamsaa 1-16 bara 2015tti adeemsifamaa ture xumuramuu ilaalchisuun Paatiriyaarkiin Qulqulluu Abuna Maatiyaas ibsa dheengaddaa gaazexeessitootaaf kennaniin, manni amantichaa bu’uura nagaa ta’uusheerraa ka’uun biyyattiitti nagaa waaraan akka dhufuuf koreen nageenyaa phaaphaasotaan gaggeeffamu akka hundeessitu ibsaniiru.

Kutaa lallabaa Tigraayitti hariiroo hafuuraafi bulchiinsaa addaan citee ture ittifufsiisuuf jilli duraan hojjetaa jiru qaamolee mootummaa dhimmichi ilaallatu waliin haasa’ee ergamasaa raawwachuuf cimee akka hojjetu murteen darbeera jedhan. Tigraayitti lammiilee sababa waraanaatiin midhamaniif gargaarsi namoomaa qarshii miliyoona 20n akka taasifamu murtaa’uus eeranii, lammiilee miidhaman qorannoodhaan adda baasuudhaan sagantaa deeggarsaa hundagalessaa, jajjabeessuufi daawwannaan akka taasifamus qulqulluu sinodosiin murteessuu ibsaniiru.

Mindaa hojjettootaafi bajati Kolleejjii Hafuuraa Qulqulluu Fireminaaxos Abbaasalaamaa Kasaatee Birihaan gadhiifamee bara bajataa 2016tti barattoota simachuun hojii baruu barsiisuu idileen akka ittifufu qajeelfamni darbeera jedhan.

Akka ibsasaaniitti, manni amantichaa karoora hafuuraafi misooma waggoota 10 mirkaneessuun waldaalee mana amantichaa hundatti hojiirra akka oolu murtaa’eera. Dhiyeenya kana biyya Ameerikaa, kutaa bulchiisa Kaalifoorniyaatti gadaamiin hundeeffame cimee akka ittifufu, biyya Jarmaniifi bulchiinsa lallaba biyyaa naannawaasheettis wiirtuun barumsaafi qorannoo akka hundaa’u qulqulluun sinoodoos qajeelfama dabarseera.

Haaluma walfakkaatuun, rakkoon kutaalee lallabaa Oromiyaatti mudate furamee gara hojimaata idilee duraaniitti akka deebi’uuf Phaaphaasonni torba akka muudaman murtaa’uu eeraniiru.

Kolleejjota hafuuraafi manneen barnootaa fakkeenya ta’an jajjabeessuun walqabatee Iluu Abbaa Booraatti Kolleejjiin hafuuraa akka banamu eeranii, kutaalee lallabaa biroo banamuuf yaadamanirratti qorannoon bu’uuraa gaggeeffamee walga’ii Onkololessa bara 2016tti akka dhiyaatu murteen darbeera.

Muudama heephis qophosiin walqabatee kutaalee lallabaa naannoo Oromiyaafi Kibbaatti bakkeewwan qaawwi jiruufi dabalataan qabamanii jiran akkasumas bakkeewwan rakkoo cimaa qabanirratti heephiis qophosoonni sagal akka muudamaniif koreen filachiisu adda ba’eera. Gara fuulduraatti kutaa lallabaa dabalataan qabamaniifi kutaa lallabaa barbaachisoon akka barbaachisummaasaaniitti qoratamanii akka dhiyaatan qulqulluun sinodoos murteessuu Qulqulluu Abuna Maatiyaas ibsaniiru.

Walittibu’iinsa iddoowwan tokko tokkotti mul’atuun lammiileen qe’eerraa buqqa’uufi godaanuun hafee lammiileen nagaa, walqixxummaafi jaalalaan akka jiraataniif walitti bu’iinsi mariin akka furamu bataskaanni Ortodoksii waamichi dhiyeessuu eeranii, sadarkaa idiladdunyaatti biyyoota waraanni ittigaggeeffamaa jirutti nagaafi araarri akka bu’u hawwii mana amantichaa ta’uu ibsaniiru.

 BARIISAA SANBATAA Caamsaa 19/ 2015

Recommended For You

4 Comments to “ Bataskaanni Ortodoksii Tawaahidoo koree nagaa akka dhaabdu ibsame”

  1. Pingback: แทงบอล

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *