Shanoo: Godina Shawaa Kaabaa, Aanaa Abbichuufi Nya’aatti, Qonnaan Bulaa Ganda Dirmaa kan ta’an Obbo XilAahuun Birruu Kibxata darbe Gaazexaa Bariisaatti akka himanitti, barana dhiyeessi xaa’oo boodatti harkifachuufi hanqachuun yaaddoo guddaa keessa isaan galcheera.
Waggaa darbe yeroo akkasii xaa’oofi sanyii filatamaan nuu dhiyaatee harka keenya gaheera. Barana garuu hanga ammaatti xaa’oofi sanyii filatamaan nu qaqqabe hinjiru. Gatiin xaa’oo dabaluunis yaaddoo keessa nu galcheera jechuun dubbatu.
Dhiyeessi xaa’oo kun hanga Waxabbajjii torban jalqabaa bara 2015tti isaan hinqaqqabu taanaan qonna gannaarratti dhiibbaa guddaa uuma kan jedhan qonnaan bulaan kun, roobni baranaa cimaa waan ta’eefi naannoonsaanii rakkoo daandii cimaa waan qabuuf xaa’oo kana booda dhiyaatuuf raabsuufi fudhachuunuu rakkisaa ta’uu eeru.
Ittigaafatamaa Waajjira Qonnaa Godina Shawaa Kaabaa Obbo Masaay Warquu akka jedhanitti, hanqina dhiyeessa xaa’oo godinichatti mudate furuuf qaama dhimmichi iaallatu waliin dubbachaa jiraachuufi hanqinni dhiyeessa xaa’oo kun yeroo gabaabaa keessatti furmaata hinargatu taanaan omisha bara dhufu argachuuf karoorfatanirratti dhiibbaa ni uuma.
Godinichatti, Ittigaafatamaa Waajjira Qonnaa Aanaa Abbichuufi Nya’aa Obbo Yirgaalam Biraanuu akka jedhanitti, aanichatti dhiyeessi xaa’oo baranaa rakkoo guddaa keessa galeera. Barana xaa’oon aanichaaf dhiyaate hanqina guddaa waan qabuuf qonnaan bulaa komii dhiyeessaa jira.
\Hanqina dhiyeessa xaa’oorratti mul’ate kana furuuf qaama dhimmi ilaallatu waliin dubbachaa jiraachuu himanii, rakkoon kun karaa adda ta’een ilaalamee furmuu qaba. Xaa’oon yeroon qonnaan bultootaaf dhiyaachuu baannaan karoorri omishaafi omishtummaa qonnaa dachaan dabaluuf qabame milkaa’uu waan hindandeenyeef qaamni dhimmichi ilaallatu rakkoo dhiyeessa xaa’oorratti mul’atee yeroon furuu akka qabu gaafataniiru.
Hogganaan Biiroo Qonna Oromiyaa Obbo Geetuu Gammachuu akka jedhanitti, galteewwan qonnaa omishaafi omishtummaa qonnaa guddisuu keessatti shoora olaanaa kan qabu ta’us dhiyeessa xaa’oo baranaarratti hanqinni guddaan mul’ateera.
Xaa’oo kuntaala miliyoona sagal akka Oromiyaatti barana dhiyeessuuf karoorfame keessaa hanga ammaatti xaa’oon kuntaala miliyoona afur qofti qonnaan bultootaa bira gaheera. Xaa’oon dhiyaate fedhii qonnaan bultoota guutuu akka hindandeenye durfamee waan hubatameef qonnaan bulaan xaa’oo uumamaa ykn kompoostii qopheeffatee akka itti fayyadamu ta’eera.
Barana kompoostii meetirikkuubii miliyoona 100 qopheessuuf karoorfame keessaa meetirikkuubii miliyoona 92 gandoota qonnaan bulaa adda addaatti qopheessuun maasaa qonnaan bulaarratti akka dabalamu ta’eera. Hanqina dhiyeessa xaa’oo keemikaalaa naannichatti mudate yeroon furuuf Ministeera Qonnaa waliin hojjechaa jiraachuus himaniiru.
Barana xaa’oo kuntaala miliyoona 12.8 bituuf karoorfame keessaa kuntaalli miliyoona 5.6 bitamee Jibuutiirraa kan gale ta’uu Ministeerri Qonnaa gabaasa karoora raawwii hojii ji’oota 10n darbanii dheengadda Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataaf dhiyeesseen ibseera.
Xaa’oo bule kuntaala miliyoona 2.2 dabalatee xa’oon kuntaalli miliyoona 7.8 kan dhiyaate yoo ta’u, kana keessaa kuntaalli miliyoona sadii Oromiyaaf, kuntaalli miliyoona 1.7 ammoo Amaaraaf akka ga’u ta’eera. Odeeffannoo hanga Kibxata darbeetti tureen xaa’oo kuntaalli miliyoona 3.7 qofti qonnaan bulaaf kan raabsame yoo ta’u, kuntaalli miliyoona 4.1 ammoo mankuusa giddugaleessaafi mankuusa Waldaalee Hojii Gamtaa Bu’uuraa keessa kan jiru ta’uunis ibsameera.
Miseensonni mana marichaas yaada kennaniin, dhiyeessii xaa’oorratti to’annoofi hordoffii barbaachisaan taasifamuu akka qabu akkasumas hojiin adeemsicha qilqulleessuu xiyyeeffannaan hojjetamuu akka hubachiisaniiru.
Natsaannat Taaddasaatiin
BARIISAA SANBATAA Caamsaa 19/ 2015
which ed drug is best: canadian pharmacy drugs gate – best male enhancement pills
how to help ed http://canadiandrugsgate.com/# drug medication
cheap ed drugs
prednisone 50mg cost: prednisoneraypharm – prednisone 10mg tablet price
can you buy clomid for sale: cheap clomid – clomid cheap
where to buy prednisone 20mg no prescription: prednisoneraypharm – prednisone 40mg
prednisone 10 mg daily [url=http://prednisoneraypharm.com/#]prednisone online india[/url] prednisone 20mg online
buy priligy: buy priligy – priligy maxpharm
can i buy amoxicillin online: Com Pharm – amoxicillin 500mg capsules antibiotic
can i get generic clomid no prescription [url=https://clomidrexpharm.com/#]buy clomid[/url] can you buy cheap clomid no prescription
prednisone 4mg tab: raypharm – prednisone uk over the counter
dapoxetine online: cheap priligy – buy priligy
can you get clomid without dr prescription: clomid – where buy generic clomid pill