Gammachuu Kadiriin
Finfinnee: Rifoormiiin misooma albuuda fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessuuf shoora olaanaa akka qabu Abbaan Taayitaa Misooma Albuudaa Oromiyaa beeksise. Galmeen istaandardii misooma albuudaa haaraa Caamsaa 9 irraa eegalee hojiirra oolu ibsameera.
Hoggannaan abbaa taayitichaa Obbo Bazzuu Waaqbeekaa ibsa kibxata darbe gaazexessitootaaf kennaniin, rifoormii hojiirra oolchuudhaan fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessuuf hojiiwwan gurguuddoon hojjetamaniiru. Hamma ammaattis rifoormii abbaa taayitichaa qophaa’e hojiirra oolchuuf sochiin eegalamuusaa ibsaniiru.
Imala jijjiirama akka biyyaatti jiru galmaan ga’uuf mootummaan tarsiimoo guddinaa dinagdee dhugoomsuuf diriirse keessaa misoomni seektara albuudaa isa tokko ta’uu eeranii, bu’uura kanaanis abbaan taayitichaa hojiiwwan qabeenya albuudaa adda baasuu, qorannoo albudaa gaggeessuufi hojii eeyyama kennuu gaggeessaa jiraachuu ibsaniiru. Hojii hamma yoonaatti hojjetameenis ciminootaafi hanqinoota adda baasuun rifoormiin misooma albuuudaa mirkaneessu qophaa’uu dubbatu.
“Qorannoo gaggeeffameen akaakuu albuudaa 60 ol adda baa’eera, heyyamni sadarkaa addaddaatti kennameera, sharafa alaa argamsiisuufi meeshaa alaa galu kan biyyaatiin bakka buusuu, akkasumas carraa hojii bal’aa uumuun danda’ameera. Ta’us hojiiwwan gara fuulduraatti xiyyeeffannoo argachuun misooma albuudaa fooyyessan rifoormii keessatti hammatamuun moodaalitii haaraan akka hojiirra oolan taasisuuf qophiin barbaachisu xumuramuu ibsaniiru.
Akka ibsa Obbo Bazzuutti, abbootiin eeyyamaa fudhatan akkaataa waliigaltee eeyyama fudhatanitti raawwaachuurratti harcaatiin jiraachuun akka hanqinaatti adda ba’eera. Hanqinoota kanneeniin walqabatee sochii misooma albuudaa keessatti alseerummaa bal’aa mul’achuufi eeyyama malee hojii misooma albuudaarratti bobba’uu, daldala albuudaa seeraan alaa (kontrobaandii) gaggeessuu akka fakkeenyaatti kaasaniiru. Sababa gochaawwan alseerummaa kanneeniitiin haawasni faayidaa argachuu qabu akka hinarganne ta’eera.
Mootummaanis haqinoota kanneen sirreessuuf rifoormii misooma albuudaa gaggeessuun fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessuuf istaandardiin misooma albuudaa ittiin hojiirra oolfamu xumuramee gara hojiitti seenamaa jira jedhaniiru. Albuudni naannichaa sadarkaa barbaadametti qisaasama tokko malee bu’aa barbaadameef oolchuuf istaandardiin qophaa’e shoora olaanaa qabaachuu eeranii hojii hamma ammaatti hojjetameen akaakuufi sadarakaa albuudaan adda ba’ee istaandardiin haaraan qophaa’ee hojiirra oolchuuf qophiin taasifamuu kaasu.
Misooma albuudaa naannichaatti sanadootni waliigaltee dura turan hanqinoota mataasaanii qabaachuu kaasanii, sababa kanneeniin qaamni waliigaltee raawwate mirgaafi dirqamasaa akka hinbaane taasisuu dubbatu. Kanaaf, riiformichi qisaasama albuudaa hambisuufi naannawaa albuudni irraa omishame akka kunuunfamu taasisuun fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessuuf waliigaltee haaraan barbaachisaa ta’uu himu.
BARIISAA SANBATAA Caamsaa 12 Bara 2015
9 Comments to “Rifoormichi fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessuuf barbaachisaa ta’uun ibsame”