Gammachuu Kadiriin
Finfinnee: Baatiiwwan saglan darban keessatti alseerummaa daldalaa to’achuuf daldaltoota kuma 661 olirratti to’annoofi hordoffiin gaggeeffamuu Biiroon Daldala Oromiyaa beeksise. Daldaltoota omisha dhoksuun qaala’iinsa hammeessan kuma tokkoofi 700irratti tarkaanfiin fudhatamuun ibsameera.
Biirichatti Daarektarri inispeekshiniifi rigulaatorii Obbo Addisuu Abbashuu Dheengadda Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf akka ibsanitti, baatiiwwan saglan darban keessaatti alseerummaa daldala keessatti mul’atu qolachuuf hojiin to’annoofi hordoffii taasifameera. Dhaabbilee daldalaa kuma 741fi 311 irratti to’annoofi hordoffii karoorfamee hanga ammaatti dhaabbilee daldalaa kuma 661fi 07 irratti to’annoon taasifameera.
Akka ibsasaaniitti, to’annoofi hordoffii gaggeeffameen dhaabbileen daldalaa kuma 547fi 046 seera qabeessa ta’uunsaanii wayita mirkanaa’u kanneen hafan ammoo seeraan ala ta’anii argamaniiru.
Eeyyamaafi damee malee akkasumas, eeyyama osoo hinhaareessin daldaluu, gatii mi’ootaa maxxansuu dhabuun tooftaalee alseerummaan daldala keessatti adda baafaman ta’uu eeranii, godinaafi magaalotaan adda baasuun daldaltoota kuma 112 ol kan ta’anirratti tarkaanfiin saamsuufi eeyyama ugguruu fudhatamuu ibsaniiru.
Haaluma walfakkaatuun, daldaltoota badiinsaanii tarkaanfii bulchiinsaan ol ta’e kuma tokko ta’anirratti tarkaanfii hidhaafi qarshiin fudhatamuu himanii, bakkeewwan gabaa sanbataaf oolan 120 ol adda baasuun akka tajaajila kennan taasifamuun qonnaan bulaa, waldaalee, warshaaleen omishasaanii fidanii akka gurguratan taasisuun qaala’iinsa gatiin akka tasgabbaa’u gochuu dubbataniiru.
Tarkaanfii seeraa hanga ammaatti fudhatameen mootummaaf qarshiin miliyoona 61 ol ta’u galii ta’uu kan himan Obbo Addisuun, tarkaanfii fudhatameenis daldaltoota kuma 81 ol ta’an gara daldala seera qabeessaatti deebisuufi daldaltoonni kuma 32fi 150 ta’an ammoo gara seera qabeessummaatti deebisuuf sochii eegaluu ibsaniiru.
Biirichi tarkaanfii kan fidhatuuf daldaltoonni daldala keessaa akka ba’aniif akka hintaane himanii, seera qabeessa akka ta’aniif barumsaafi hubannoo adda addaa akka argatan taasifamaa jiraachuu himu.
Biirichi alseerummaa daldalaa guutuummaan guutuutti to’achuuf karoora idilee dabalatee Komishinii Gumurukaa Oromiyaa waliin ta’uudhaan karoora addaa daldala seeraan alaa (kontroobaandii) baafachuu qindoominaan hojjetaa jiraachuu ibsaniiru.
BARIISAA SANBATAA Caamsaa 12 Bara 2015
4 Comments to “ Alseerummaa daldalaa ittisuuf daldaltoota kuma 661 olirratti to’annoon taasifame”