Naannoon Tigraay bara omisha 2015/16tti lafa hektaara miliyoona 1.3 sanyiin uwwisuuf karoorfatee hojjechaa jira

Taammiruu Raggaasaatiin

Finfinnee: Naannoon Tigraay bara oomisha 2015/16tti lafa hektaara miliyoona 1.3 sanyii akaakuu garaagaraatiin uwwisuuf karoorfatee hojjechaa jiraachuu Biiron Qonna naannichaa ibse.

Hogganaan biirichaa Doktar Iyyaasuu Abrahaa ibsa torban kana addatti Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf kennaniin akka jedhanitti, waliigaltee piritooriyaa booda karoora biirichi baase hojiirra oolchuuf mootummaan naannichaafi mootummaan fedaraalaa deeggarsa taasisaa jiru.

Milkaa’ina karoorichaaf callaa guddiftuu kuntaala kuma 800 kan barbaachisu ta’uufi baajata callaa guddiftuu bituuf oolu mootummaan federaalaa eyyamee bittaan adeemsifamaa jiraachuu himanii, bara omishichaatti naannichaaf sanyiin kuntaala kuma 369 akka barbaachisu qorannoo taasifameen adda baafamee jira jedhaniiru.

 Dhiyeessii sanyiifi meeshalee qonnaa faana walqabatee hudhaaleen adda addaa jiraatanis hanga ammaatti qarshiin miliyoonni 200 galteewwan kana dhiyeessuuf mijataniiru.

 “Yeroo waraanni taasifamaa turetti naannicha keessatti sangoonni qonnaaf oolan qalamaa, dhibeedhaan du’aafi hatamaa turuu himanii, naannichi yeroo ammaa sangaa ittiin qotatu waan hinqabneef karoorichi akka hinmilkoofne gochuu danda’a” jedhu.

Deeggarsi Tiraaktaraa Mootummaan Naannoo Oromiyaa naannoosaaniif taasise karoora qonnaa naannichaa milkeessuu keessatti gahee olaanu kan qabu ta’uu himanii, mootummaan naannoo Oromiyaa naannoosaaniitiif Tiraaktara 30 kan taasiseef ta’uufi tiraaktarootni kunis guyyaan hanga sangaa cimdii 960 qotanii ooluu kan danda’an ta’uus eeraniiru.

Naannichi waraana taasifameen baay’ee miidhamee jira waan ta’eef akkuma Naannoo Oromiyaa naannoleen biroon, dhaabbileen mootummaafi miti mootummaa, hundi naannichaaf deeggarsa barbaachisu akka taasisan gaafataniiru.

BARIISAA SANBATAA Caamsaa 12 Bara 2015

Recommended For You

6 Comments to “Naannoon Tigraay bara omisha 2015/16tti lafa hektaara miliyoona 1.3 sanyiin uwwisuuf karoorfatee hojjechaa jira”

  1. Pingback: app entwicklung
  2. Pingback: cams

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *