“Sochiin nageenya buusuuf taasifamu guddina dinagdee biyyattiif shoora olaanaa qaba”  – Doktar Guutuu Teessoo

Taammiruu Raggaasaatiin

Finfinnee: Sochii mootummaan nageenya buusuuf taasisaa jiru guddina dinagdee fiduuf shoora olaanaa waan qabuuf ummatni sochicha deeggaruu akka qabu Hayyuun Dinagdee Doktar Guutuu Teessoo gaafatan.

Hayyuun kun yaada dheengadda Dhaabbata Pireesii Itiyoophiyaaf kennaniin, Itoophiyaatti nageenya buusuuf sochiin taasifamaa jiru guddina dinagdee biyyattiif shoora olaanaa qabaachuu eeranii, sochiin namootaafi meeshalee bakka tokkoo bakka birootti taasifamu guddina dinagdee biyya tokkoof qooda olaanaa qabullee haala nageenyaarratti kan hundaa’u ta’uu dubbatu. Sochiin invastimantiifi galii walitti qabuus haala nageenyaan hidhata guddaa akka qabu kaasu.

Nageenya buusuuf jalqabbiin jiru jajjabeeffamuu kan qabu ta’uu himanii, bu’aan nageenya lammilee hunda kan fayyadu waan ta’eef namni hundi nageenya milkeessuuf hojjechuu akka qabu himu. Dinagdeen biyyattii sababa walitti bu’iinsaan durirraa eegalee hanga har’aatti hubamaa akka jirus yaadachiisaniiru.

Waraana kaaba biyyattiitti taasifame akka fakkeenyatti kaasun, yeroo waraanichi adeemsifamaa turetti qabeenyi biyyattii dinagdee biyyattii guddisuuf ooluu qabu, waraanaaf oolaa ture kan jedhan Doktar Guutuun, humni omishee biyya jijjiiruu danda’us omisha dhiisee waraanarratti bobba’uun addatti miidhaa inni dinagdeerraan ga’e olaanaa ta’uus ibsaniiru.

“Kutaalee waraanni sun adeemsifame hundatti misoomatu hojjetamaa ture osoo hintaane misooma dura hojjetametu barbadaa’aa ture. Kun ammoo dinagdee biyyaa daran duubatti deebiseera. Nageenyi guddina dinagdee biyya keenyaaf dhimma filannoo hinqabne ta’uusaatiin tattaaffii mootummaan nageenya waaraa fiduuf gama hundaan taasisaa jiru kan dinqisiifamudha” jedhu.

Haaluma walfakkaatun, Oromiyaa keessatti sababa rakkoo nageenyaatiin namootni heddun osoo hojjetanii callaa gaarii omishuu danda’anii sochii dinagdeesaanirraa buqqifamanii harka namaa eeggachuuf dirqamuu himanii, naannichatti rakkoon nageenyaa qonnaan bulaan akka hinomishneef, kan omishellee akka walitti hinqabannef, kan walitti qabate ammoo gara gabaatti akka hingeeffanneef sababa guddaa ta’uu dubbatu.

Marii mootummaan qaama hidhatee Oromiyaa keessa socho’aa jiru waliin jalqabetti kan gammadan ta’uu himanii, nageenyi waaraan naannoo Oromiyaa keessattis ta’e guutummaa biyyattii keessatti akka bu’uuf qaamotni olola miidiyaatiin biyyattii shororkeessaa jiran gochasaanii kana irraa akka of qusatan gaafataniiru.

BARIISAA SANBATAA Caamsaa 12 Bara 2015

Recommended For You

4 Comments to “ “Sochiin nageenya buusuuf taasifamu guddina dinagdee biyyattiif shoora olaanaa qaba”  – Doktar Guutuu Teessoo

  1. Pingback: sunwin

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *