Gammachuu Kadiriin
Finfinnee: Fedha ummataatiin alatti hookkaraafi jeequmsaan fedhii siyaasaa kamillee bakkaan ga’uun akka hindanda’amne Dubbi Himaan Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) Obbo Toleeraa Adabaa beeksisan. Garaagarummaan kamillee marii karaa nagaa akka furamus ejjennoo ABO ta’uu ibsaniiru.
Obbo Toleeraan ibsa dheengadda addatti Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf kennaniin akka ibsanitti, fedha ummataatiin alatti hookkaraafi jeequmsaan fedha siyaasaa kamillee galmaan ga’uun hindanda’amu. Haala qabataamaa biyyattiin yeroo ammaa keessa jirtun rakkoo jiru karaa nagaa gaafatanii furmaata argachuuf wanti
daangessu utuu hinjiraatiin hookkaraafi jeequmsaan fedha siyaasaa galmaan ga’achuuf yaaluun sirrii miti. Adeemsi humnaan yaada ofii ummatatti fe’uu kaleessas bakka hingeenye, boris bakka ga’uu hindanda’u.
Sirnoonni darban yaadaafi fedhiisaanii humnaan saba, sablammootaafi ummattoota biyyattiirratti fe’uudhaan kan koo qofatu sirriidha jechuudhaan humna fayyadamaa turuu kaasanii, yaadni saba, sablammootaafi ummattoota biyyattii ammoo obbolummaa, dimookiraasiifi bilisummaa waan ta’eef garee hookkaraafi jeequmsa giddugaleeffatee socho’u dura dhaabbachuun qabsooon bara dheeraa gaggeeffameefi ammas ittfufe ta’uu himu.
Bu’aa qabsoo jijjiiramaa waggoottan shanan darban keessatti miira obbolummaa, dimookiraasiifi bilisummaa cimsuuf daandii eegalame gufachiisuuf humnooti hookkaraafi jeequmsa gaggeessuuf yaalan mul’achaa jiraachuu himanii, ta’us fedha ummataan waan hindabaalamneef milkaa’uun akka hindanda’amne himu.
Itoophiyaa keessatti fedha siyaasaa galmaan ga’achuu qofa utuu hintaane fedhiin saba, sablammootaafi ummattoota biyyaattii maal akka ta’e adda baasuutu barbaachisa kan jedhan Obbo Toleeraan, fedhasaanii akka waliigalaattii yoo ilaalame qabsoon sabootaa bara dheeraa gaggeeffamaa Itoophiyaa walqixxummaafi obbolummaan sabaafi sablammoota biyyattii keessatti dagaagee arguu akka fedhan agarsiisa jedhaniiru.
Garee hookkraafi jeequmsaan fedhasaa guuttachuuf yaalu dura dhaabbachuun obbolummaa, walqixxummaa, dimookiraasii, nagaa, jaalalli waliin jiraachuu saba, sablammootnifi ummattoonni biyyattii dagaagee gara badhaadhinaafi tokkummaatti akka ceesisu ibsaniiru.
Gareen hookkaraafi jeequmsaa fedha siyaasaa galmaan ga’achuuf yaalu gochaafi ilaalchaan, amantiifi sabummaa keessa dhokachuun quuqama sabaa akka waan qabaniitti fakkeessanii sabaafi saba walitti buusuun fedhaafi yaada isaanii humnaan ummattootarratti fe’uuf yaaluun farra dimokiraasiifi tokkummaa ta’uu agarsiisa jedhaniiru. Gochootin akkasii kanaan dura fudhatama hinqaban, garafuulduraattis fudhatama hinargatan jedhu.
Oduu walfakkaatuun, bu’aa marii araaraa kaaba biyyaa mootummaa federaalaafi ABUT gidduutti taasifame ilaalchise akka ABOtti rakkoon jiru karaa nagaa waliin mari’chuun furamaa jiraachuusaa akka gaariitti kan ilaalan ta’uu eeranii, marii araaraa qaamoota biroo waliin eegalames haaluma walfakkaatuun fiixaan akka ba’u dhaamaniiru.
BARIISAA SANBATAA Caamsaa 12 Bara 2015
One Comment to “ “Fedha ummataatiin alatti hookkaraafi jeequmsaan fedhii siyaasaa galmaan ga’uun hindanda’amu” – Obbo Toleeraa Adabaa”