Simannaan baqattoota Sudaanirraa gara Itoophiyaa dhufanii ittifufee jiraachuun ibsame

Gammachuu Kadiriin

Finfinnee: Sababa rakkoo Sudaan keessatti mudateen walqabatee simannaan baqattootaa akka ittifufetti jiraachuu Daarektarri Jeneraalaa Pabliik Dippilomaasii Ambaasaaddar Diinaa Muftii beeksisan. Dippilomaasiin biyyaa cimina keessoo cimsuurratti akka hundaa’u ibsaniiru.

Ambaasaaddar Diinaan dheengadda Dhaabbatta Pireesii Itoophiyaaf akka ibsanitti, sababa rakkoo nageenyaa Sudaan keessa jiruuf simannaan baqattoota Sudaan, Itoophiyaafi biyyoota biroo Sudaan keessa jiraatan ittifufee jira. Qaamoleen dhimma baqattootaa ilaallatus gargaarsa barbaachisu taasisaafii jiru.

Hariiroon dippilomaasii rakkoolee balaa lolaa, hongeefi dhibee mudatan irratti waliin mari’achuun furmaata barbaachisaa kaa’uuf shoora olaanaa akka qabu eeranii, hoggantoonni Itoophiyaas yeroodhaa gara yerootti dippilomaasii biyyaa gama hundaan cimsuuf marii barbaachisaa biyyoota ollaa Itoophiyaafi idila addunyaa waliin gaggeessaa jirachuu himu.

 Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahimad hoggantoota biyyoota idila addunyaa waliin bilbilaafi qaamaan walarguun marii barbaachisaa gaggeessaa jiraachuu himanii, haaluma walfakkaatuun Ministirri Muummee Ittaanaafi Ministirri Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Mokonnin biyyoota Afrikaa kanneen akka Yugaandaa, Burundiitti daawwannaa gaggeeessuusaanii ibsu.

Bu’aan dippilomaasii biyyoota daawwatanirraa bulee mul’ata kan jedhan Ambaassaaddar Diinaan, rakkoo jiru irratti waliin mari’achuufi walgargaaruu akka fakkeenyaatti kaasaniiru. Hariiroon dippilomaasii bu’aafi fedhii Itoophiyaan Hidha Laga Abbayyaafi lammilee Itoophiyaa biyya Sudaan jiraatan miliyoona tokkoo ilaalchisee koreen fedhii biyyaalessaa kabachiisuuf hundeeffame hojiisaa hojjetaa jira jedhaniiru.

Akkasaan jedhanitti, dhimma hidha laga Abbayyaan walqabatee biyyootni yaa’aa laga Abbaayyaa gara oliifi gara gadii akka hubataniif hojiin dippilomaasii gurguddoon hojjetameera, hojjetamaas jira jedhaniiru.

Haata’u garuu, dippilomaasii Itoophiyaan biyyoota Afrikaa waliin qabdu akka xuraa’uuf Misir walga’ii Liigii Arabaa fuuldura kanatti gaggeeffamurratti maqaa Gamtaa Afrikaa balleessuun waan baratame ta’uu eeranii, biyyoota Afrikaa hoggantoota Itoophiyaan daawwataman maqaa balleesuun hinoolu; ta’us garuu hojiin ijaarsa Hidha Laga Abbayyaa akka hindhaabbanne hubachiisaniiru.

Lammiilee Itoophiyaa biyya Sudaan jiraataniif hojiin dippilomaasii bal’aan hojjetamaa jiraachuu himanii, yeroo ammaa kana rakkoo biyya Sudaan keessa jiruun walqabatee lakkoofsi lammiilee Sudaaniifi Itoophiyaa gara Itoophiyaatti baqatan guyyaa guyyaan dabalaa akka jiru ibsaniiru.

Dippilomaasiin cimuu jechuun siyaasa, teknolojiin cimanii biyya guddisuudha kan jedhan Ambaasaaddar Diinaan, gaaffiin Afrikaa rakkoo uumamaafi namtolchee bira darbuuf wantoonni hojjetaman akkuma jiranitti ta’ee sadarkaa hariiroon dippilomaasii itti jiru fooyya’aa ta’uus kaasaniiru. Kanas caalaatti cimsuuf keessoo cimsuurratti xiyyeeffatamee hojjetamuu akka qabu hubachiisaniiru.

 BARIISAA SANBATAA Caamsaa 12 Bara 2015

Recommended For You

2 Comments to “ Simannaan baqattoota Sudaanirraa gara Itoophiyaa dhufanii ittifufee jiraachuun ibsame”

  1. Pingback: go88

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *