Gammachuu Kadiriin
Adaamaa: Hirmaannaafi fayyadamummaa dubartootaa mirkaneessuuf gurmaa’insa dubartootaa cimsuun murteessaa ta’uu Federeeshiniin Dubartoota Oromiyaa beeksise.
Yaa’iin idilee 3ffaa Federeeshinii Dubartoota Oromiyaa mata duree “Gurmaa’insa dubartootaa jijjiirama waloof” jedhuun kaleessaa magaalaa Adaamaatti geggeeffameera.
Pirezidaantiin Federeeshinii Dubartoota Oromiyaa Aadde Askaala Lammaa waltajjicharratti haasaa baniinsaa taasisanin akka jedhanitti, federeeshiinichi gurmuu dubartootaa hirmaannaafi fayyadamummaasaanii mirkaneessuuf kan hundeeffameedha.
Waltajjicharratti, hirmaannaafi fayyadamummaa dubartoota naannichaa mirkaneessuuf gurmuun ijaarsa dubartootaa hundeeffame torba federeeshinichaaf ka’umsa ta’an jiraachuun ibsanii, gurmuu kanaan dubartoonni naannichaa ijaarsa biyyaa keessatti gumaacha isaanirraa eegamu ba’aa jiraachuun himu. Federeeshinichi hirmaannaafi fayyadamummaa dubartootaa mirkaneessuufi hojiin dandeettii dubartootaa cimsuurratti xiyyeeffannoo hojiiwwan gurguddoo hojjechaa jiras, jedhu.
Akka ibsasaanitti, dubartoonni nageenya, barnoota, qonna, siyaasaa, bulchiinsa gaarii mirkaneessuuf gumaachasaanirraa eegamu ba’aa jiru. Hojii ijaarsa dubartootaa hamma ammaatti hojjetameen miseensoonni federeeshinichas miliyoona 3.2 ga’u ibsu.
Haaluma walfakkaatuun, fayyadamumma dubartootaa cimsuuf federeeshinichi ijaarsi gamoo Federeeshinii Dubartoota Oromiyaa abbaa darbii sagalii kutaa magaalaa Boolee aanaa 5 (naannawaa Magganaanyaatti) Dheengadda bakka Afyaa’ii Ittaantuun Mana Maree Bakka Bu’oota ummataa Aadde Loomii Badhoo argamanitti eegalameera. Korporeeshiinii Konistiraakshinii Oromiyaas ijarsicha kaaree meetirii kuma lamaafi 638 irratti ijaaree waggaa lama keessatti xumuruf waliigaltee mallatteesseera.
Federeeshinoonni dubartoota naannolee yaa’icharratti argamuun muuxannoo horachuu gama hundaa milkaa’inaa Federeeshinii Dubartootaa Oromiyaa akka tumsaan ibsaniiru.
BARIISAA SANBATAA Caamsaa 5 Bara 2015
5 Comments to “ Fayyadamummaa dubartootaa mirkaneessuuf gurmaa’insi murteessaa ta’uun ibsame”