Taammiruu Raggaasaatiin
Finfinnee: Kaantibaan Magaala Finfinneefi kaantibaan Magaalaa Atlaantaa dhimmoota garagaraarratti waliin hojjechuuf walii galan.
Jilli Kaantibaa Magaalaa Atlaantaa Mistar Andiree Dikeensin durfamu kaleessaa gara Itoophiyaa dhufuun Kantibaa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebee waliin haalota waliin hojjechuun danda’amurratti mari’ataniiru.
Marii taasifame booda Aadde Adaanach ibsa miidiyaaf kennaniin akka jedhanitti, daandiin Xiyyaara Itoophiyaa yeroo jalqabaaf imalasaa gara magaala Atilaantatti jalqabee jira. Kun ammoo magaalota lamaanifis ta’ee biyyoota lamaaniif faayidaan roga maraa inni qabu olaanaadha.
Mariin kunis gama hawaasummaatiin, dinagdeefi dippilomaasiitiin faayidaan inni qabu, keessumattuu addunyaarratti magaala dippilomaasii ta’uudhaan sadarkaa sadaffaarratti kan argamtu magaalli Finfinnee guddina ariifachiisaa jalqabdee itti fufsiisuf hariiron akkanaa daran akka ishee barbaachisu, himaniiru. Magaalaan Finfinnee magaalotaafi dhaabbilee idil addunyaatti beekamoo ta’an harkisuurratti akka argamtus ibsaniiru.
Jila kana waliin mariin taasifame kun mirga lammiilee Itoophiyaa kan Atlaantaa jiraatan kabachiisuf faayidaan inni qabu olaanaa ta’uun alattis, hariiroo ummattota biyyoota lameenii cimsuufi turistoota baay’inaan gara Itoophiyaatti harkisuufis shoora guddaa qaba jedhaniiru.
Magaalaa Finfinnee keessatti hojiilen misoomaa hojjetaman kan namummaarratti xiyyeeffatan jila kanaan kan daawwataman akka ta’e Aadde Adaanach ibsasaanii keessatti kaasaniiru.
Mistar Andiree Dikeenis gamasaaniitiin, magaalonni lameen dhimmoota carraa hojii uumuu, invastimantii, aadaafi dhimmoota biroorratti kan waliin hojjetan ta’a. Mariin kunis bu’aa hariiroo dippilomaasii biyyoota lameen gidduu jiru akka cimsu ibsaniiru.
BARIISAA SANBATAA Caamsaa 5 Bara 2015
4 Comments to “Magaalonni Finfinneefi Atlaantaa waliin hojjechuuf walii galan”