Tajaajilli Ibsaa Itoophiyaa baasii qarshii miliyoona 11f saaxilame

 Taammiruu Raggaasaatiin

 Finfinnee: Ji’oota ja’an darbanitti bu’uuraalee misooma ibsaarratti yakkoonni 74 raawwatamuufi kanaan walqabatee baasii qarshii miliyoona 11f saaxilamuus Tajaajilli Ibsaa Itoophiyaa beeksise.

Tajaajila Ibsaa Itoophiyaatti Daarektarri Kutaa Seeraa Obbo Abbabaa Tasfaa turtii Gaazexaa Bariisaa waliin taasisaniin akka dubbatanitti, ji’oottan ja’an darban keessatti yakkoonni 74 bu’uuraalee misoomaa ibsaarratti raawwatamanis, hanga ammaatti namoota 11 qofti seeratti dhiyaatanii adabamuu ibsu.

Akka ibsa ogeessa kanaatti, namoota bu’uuraalee misooma ibsaarratti yakka dalagan seeratti dhiyeessuuf seera jiru fooyyessuun dirqama yommuu ta’u yaakkoonni kunneenis daran dabalaa waan jiraniif seera amma jiruun namoota yakka kana raawwatan gara mana murtiitti dhiyeessuun baay’ee ulfaataadha.

Murtoon kunis murtoo hidhaa ji’a ja’aa hanga waggaa lamaa ta’uu eeranii, yakkoota raawwataman waliin yoo madaalamu baay’inni namoota seeratti dhiyaataniifi murtoon yakkamtootarratti murtaa’e murtoo yakka dalagameen kan wal hingitne ta’uu himu. Adeemsa namoota yakka akkanaatiin shakkaman seeratti ittiin dhiyeessan sirreessuun alatti seera jiru fooyyessuun barbaachisaa ta’uu hubachiisaniiru.

Yakkoonni raawwataman kunneenis hanna tiraansfoormarootaa, keebiloota humna dabarsiituu adda addaafi kanneen biroo ta’uu kan himan Obbo Abbabaan, bara 2014tti yakkoonni 140 ta’an raawwatamuufi kanaanis tajaajilichi baasii qarshii miliyoona 24f saaxilamuu dubbatu.

Kana malees, yakki annisaa ibsaa hatuu babal’achaa kan dhufe ta’uu kan eeran ogeessi seeraa kun, kunis baay’inaan dhaabbilee daldala dhuunfaa kanneen akka mana Daabboo, warshaalee adda addaafi dhaabbilee hojii sibiilotaarratti bobba’aniin kan raawwatamuudha jedhu.

Yaakkoota ibsaarratti raawwataman ittisuuf qaamni bulchiinsa mootummaa sadarkaa sadarkaan jiran ittigaafatamummaasaanii ba’uu akka qaban hubachiisanii, labsiin bulchiinsa Dhaabbilee Misoomaa 1987/64 ba’es itti gaafatamummaa guddaa qaamota bulchiinsa mootummaa sadarkaa sadarkaan jiraniif kennuu kaasu.

BARIISAA SANBATAA Bitootessa 2 Bara 2015

Recommended For You

2 Comments to “ Tajaajilli Ibsaa Itoophiyaa baasii qarshii miliyoona 11f saaxilame”

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *