Oromiyaan turizimiirraa qarshii biliyoona 8.2 ol argatte

Taammiruu Raggaasaatiin

Finfinnee: Ji’oota jahan darbanitti Oromiyaan turistoota biyya keessaafi biyya alaa irraa qarshii biiliyoona 8.2 ol maddisiisuu Komishiniin Turizimii Oromiyaa beeksise.

Komishinarri ittaanaan komishinichaa Obbo Daraaraa Katamaa ibsa Gaazexaa Bariisaatiif kennaniin akka jedhanitti, naannoon Oromiyaa turistoota biyya keessaarraa qarshii biliyoona 7.8 kan argatte yoo ta’u, kan biyya alaarraa ammoo qarshii miliyoona 4.6 argatteetti.

Akka ibsasaaniitti, ji’oota jahan darbanitti turistootni biyya keessaa kan miliyoona 7.9 ta’aniifi kan alaa immoo kuma 120 ta’an Oromiyaa daaw’ataniiru. Karoorri galii yaa’iinsa turistii biyya keessaa hanga kurmaana 2ffaatti qarshii biliyoona saddeet, raawwiin biliyoona 7.8. Hanga kurmaana 2ffaatti karoorri galii daw’attoota alaa qarshii miliyoona 455 yoo ta’u, raawwiin qarshii miliyoona 4.6 ykn dhibbantaa dhibba.

Galii argameefi baay’inni namoota Oromiyaa daawwatanii kan bara 2011fi isa duraa waliin yommuu walbira qabamu sababoota rakkoo dinagdee addunyaa, rakkoo nageenya biyyaalessaafi dhiibbaa koviid-19n hammi galiifi baay’inni turistootaa naannicha daawwatanii hir’achuu dubbataniiru.

Naannichi carraa turizimii olaanaa kan qabu ta’uu kan yaadachiisan Obbo Daraaraan, haala teessuma lafaa, xiyyeeffannaa mootummaan damichaaf kenneefi kkf guddina turizimiif gahee olaanaa kan qabu ta’uu eeraniiru.

 Karoora tarsiimoo biyyattii waggaa kudhanii keessatti indaastiriin turizimii utubaawwan misoomaa ijoo ta’uun dursi kennamuufiis ibsanii, kana tilmaama keessa galchuun mootummaan karoorawwan adda addaa hojiitti hiikuun indaastirii turizimii misoomsaa jiraachuu beeksisaniiru.

Mootummaan turizimii Oromiyaa jijjiiruufi guddisuuf tarkaanfiiwwan adda addaa fudhachaa jiraachuus dubbatanii, jaarmiyaan walabaa (Komishiniin Tuurizimii Oromiyaa) iddoowwan turizimii naannichaa misoomsuufi gabaaf dhiyeessuuf dirqamaafi ittigaafatamummaa qabu hundeessuunsaa fakkeenya ta’uu ibsaniiru.

Komishinichi tooftaawwan beeksisaa adda addaa fayyadamuun maqaa “Visit Oromia” jedhamu uumee meeshaalee qunnamtiifi miidiyaalee adda addaa fayyadamuudhaan hojjechaa tureera jedhan.

BARIISAA SANBATAA Bitootessa 2 Bara 2015

Recommended For You

3 Comments to “Oromiyaan turizimiirraa qarshii biliyoona 8.2 ol argatte”

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *