‘Damee fayyaa keessatti gaheen kominikeeshinii bakka bu’ummaa hinqabu

Bayyanaa Ibraahimiin

Adaamaa: Ogeessa fayyaan osoo hintaane hoggansi sadarkaadhaan jiru hundi waan hojjaturratti kominikeetara ta’uu akka qabuufi kun immoo hojiin kominikeeshinii fayyaa ijoo hojiiwwan hundaa ta’uu Hogganaan Biiroo Fayyaa Oromiyaa Doktar Mangistuu Baqqalaa dubbataniiru.

Gamaggamni hojii damee barnoota fayyaafi kominikeeshinii ji’oota jahaa biirichaa guyyoota lamaaf kaleessarraa eegalee Adaamaatti adeemsifamaa jira. Ji’oota jahan darbanitti hojiin barnoota fayyaafi kominikeeshinii namoota miiliyoona 16 ta’aniif kennamuusaa saganticharratti kan kaasan hoggantichi, dandeettii kominikeetara sadarkaadhaan jiru cimsuufis ogeeyyota fayyaa 1000f leenjiin kennamuus ibsaniiru.

Akka haasaasaaniitti, iddoowwan tajaajilli fayyaa itti kennamutti barnootni fayyaa ummata bira akka dhaqqabuufis televizhiniin 800 ol ta’u bitamee raabsameera. Caasaan barnoota fayyaafi kominikeeshinii Biiroo Fayyaa Oromiyaa qofatti kan argamu yemmuu ta’u, kunis faayidaa inni damee fayyaa keessatti qabu mootummaan naannichaa hubatee haala addaatiin kan heeyyamameefiidha.

Imaammanni fayyaa biyyattii dhibbantaan 80 ittisarratti kan hundaa’e ta’uunsaa barbaachisummaa barnoota fayyaa kan olkaasu ta’uu kan himan immoo daarektara barnoota fayyaafi kominikeeshinii biirichaa Sistar Saadaa Ahmadi. Isaanis, ji’oota jahan darbanitti hojiiwwan gama kanaan raawwatamaa turan ilaaluudhaaf sagantichi kun kan barbaachise ta’uu dubbataniiru. Bu’aa gamaaggamichaa irraa ka’uudhaanis cimana jiru ol kaa’achaafi hanqinoota mul’atan furuu irratti xiyyeeffachuun kan hojjatamu ta’uus ibsaniiru.

BARIISAA SANBATAA Bitootessa 2 Bara 2015

Recommended For You

3 Comments to “‘Damee fayyaa keessatti gaheen kominikeeshinii bakka bu’ummaa hinqabu”

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *