Gammachuu Kadiriin
Finfinnee: Uumama rooba arfaasaa baranaatiif taateewwan haala qilleensaa sababa ta’an guyyaadhaa garaguyyaatti dabalaa deemuu Inistitiyutiin metiworolojii Itoophiyaa beeksise.
Inistitiyutichatti Raawwachiisaan Hojii Raaga Metiworolojiifi Akeekkachiisa Duraa Doktar Asaamminoo Tashoomaa akka dheengadda Gaazexaa Bariisaatiif ibsanitti, rooba arfaasaaf taateewwan haala qilleensaa sababa ta’uu danda’an cimanii ittifufaniiru.
Kutaalee biyyattii rooba arfaasaa argatan; mootummaa naannoo Sumaalee, gammoojjiiwwan Itoophiyaa Kibbaa, Gujii, Booranaa, Baalee, mootummaa naannoo Sidaamaa akkasumas, mootummaa naannoo Saboota, Sablammootaafi Ummattoota Kibbaa irratti Bitootessarraa eegalee taateewwan haala qilleensaa roobaa arfaasaaf sababa ta’u dabalaa deemaa jiraachuus eeraniiru.
Sababa kanarraa ka’uun rooba idileetti dhiyaatu, idileefi idileen olii argatu jedhamee eegama kan jedhan Doktar Asaamminoon; giddugaleessa biyyaa, kutaalee Baha biyyattii Harar, Dirre Dhawaa, Baha mootummaa naannoo Amaaraa, Affaarfi Kibba Tigraayi isaan rooba idileefi idileen olii argatan ta’uu ibsaniiru.
Torbee darberraa eegalee taateewwan haala qilleensaa uumama rooba arfaasaaf sababa ta’an kutaalee biyyattii Baha mootummaa naannoo Amaaraa, giddugaleessa biyyaa, Baha biyyaa akkasumas Kibba Dhihaatti naannawa sululaatti duumessa guddaan mul’achaa ture.
Duumessi roobatti jijjiiramuun bakkeewwan garagaraatti rooba xiqqaarraa hanga giddugaleessaatti akka roobus taasiseera. Haaluma kanaan Jimmatti milimeetira 27, Finfinneetti milimeetira 13.3 rooba giddugaleessaa, Dirree Dhawaatti mililiitira 33, Maajiitti mililiitira 35, Jinkaa mililiitira 32, Limmuu Gannati mililiitira 34 roobni olaanaan glmaa’eera. Dabalataanis bakkewwan muraasa tokko tokkotti roobni olaanaan galmaa’eera.
Akka ibsa isaaniitti, guyyaa har’aarraa eegalee hammi roobaa garagaraa bakkeewwan rooba arfaasaa argatanitti roobuu danda’a. Qonnaan bulaafi horsiifatee bultoonni bakkeewwan roobni arfaasaa itti roobu jiraatan rooba argametti akka sirnaan fayyadamaniif qaamoleen mootummaan xiyyeeffannaan odeeffannoo hawaasa biraan ga’uu qabu. Midhaan bilchaatee oyiruurra jirus hatattamaan sassaabamuu qaba. Nyaata looniifi hojii qonnaaf akka oolutti hundumtuu gaheesaa ba’uu qaba.
Bu’uura rooba Itoophiyaaf taateewwan haala qilleensaa baha giddugaleessa garba Paasifikiifi baha garba Hindii idilee ol cabbaa’uunn (nagatiivii ta’uun) hanqina roobaafi hongee sababa ta’uu kan dubbatan Doktar Asaamminoon; Bitootessarraa eegalee %80 dhiibbaa niwuturaalitii jala akka jiruufi baatii Amajjiis gara niwutiraalitti nideebi’a jedhamee eegama jedhaniiru.
BARIISAA SANBATAA Bitootessa 2 Bara 2015
8 Comments to “Taateewwan haala qilleensaa rooba arfaasaaf sababa dabalaa jiru”