Lammiilee ongeen mudateef qaamolee garagaraatiin qarshiin miliyoona 850 arjoomame

Gammachuu Kadiriin

Finfinnee: Oromiyaatti lammiilee jijjiirama qilleensaatiin ongeef saaxilamaniif abbootii qabeenyaafi kutaalee hawaasaa adda addaarraa qarshii miliyoonni 850 arjoomame.

Pirezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa sirna beekamtii kennuufi galateeffannaa Roobii darbe Finfinneetti adeemsifamerratti abbootii qabeenyaafi qaamolee hawaasaa ummata ongeedhaan miidhameef qarshii miliyoona 850 arjooman maqaa mootummaa naannichaan galateeffataniiru.

Mootummaan naannichaa rakkoo ongee dabalatee rakkoolee waliigalaa hiikuuf hojiilee misoomaa garagaraa hojjechaa jiraachuus eeranii, aadaafi duudhaa ummatichaa bu’uura godhachuudhaan namni yeroo rakkinaa akka walii birmaatuuf Buusaa Gonofaa miseensota miliyoona sagalii ol qabu hudaa’ee sochii keessa galeera jedhan.

Ongeen boris mudachuu mala kan jedhan Obbo Shimallis; gara fuulduraatti dinagdee ongicha dandamatu ijaaruuf mootummaan naannichaa xiyyeeffannaan hojjechaa akka jiruufi hirmaannaan abbootii qabeenyaa misoomaa keessatti taasisan murteessaa waan ta’eef qooda fudhannaasaanii cimsanii akka ittifufaniif waamicha dhiyeessaniiru.

Pirezidaantii Ittaanaan naannichaa Obbo Awwaluu Abdii gamasaaniin, mootummaan naannichaa nageenya, misoomaafi jijjiirama haala qilleensaa hordofee rakkoo ongee ummatarra ga’aa jiru maqsuuf xiyyeeffannaan hojjetaa akka jiru ibsanii; guyyaa ongeen naannichatti uumamerraa eegalee mootummaan abbootii qabeenyaa, qaamolee hawaasaa waliin ta’uun gargaarsa taasiseen lubbuun namaa sababa ongeetiin utuu hinbadiin har’a ga’uun danda’amus namootni miliyoona afurii ol ta’an ammayyuu gargaarsaaf saaxilamuu dubbataniiru.

Akka ibsasaaniitti lubbuu namaa baraaruuf karoorri yeroo gabaabaafi dheeraa ba’ee hojiirra oolaa jira. Gargaarsa walitti sassaabuun hojii ummata baraaruun alatti rakkoo ongee hundeerraa furuuf pirojektoonni bishaan garaagaraa qarshii biliyoona shanitti shallagaman Booranatti hojjetamaniiru. Misooma tajaajila bishaan Booranaafi ashaaraa magariisaa cimsuun dinagdee ongee dandamatu ijaaruun hojii xiyyeeffannaa mootummaa naannichaati.

Ongee mudateen barataan barnootasaa addaan kute hinjiru kan jedhan Obbo Awwaluun; ammas tumsa abbootii qabeenyaafi qaamolee garagaraatiin qarshii miliyoona 300 ol akkasumas akaakuudhaan ammoo qarshii miliyoona 500, waliigala qarshii miliyoona 850 sassaabamuu yaadachiisaniiru.

Kantiibaa bulchiinsa magaalaa Dirre Dhawaa kan ta’an Obbo Kadir Jawaar gargaarsa ummati magaalichaa ummata ongeen miidhameef qarshii miliyoonni 15 yommuu galii taasisan, Pirezidaantii Ittaanaan Mootummaa Naannoo Ummattoota Kibba Lixaa Itoophiyaa Doktar Injiinar Nagaash Waageeshoo gamasaaniin gargaarsa marsaa tokkoffaa qarshii miliyoona 10, nyaataaf kan oolu tilmaama qarshii miliyoona shanii gumaachuu ibsaniiru. Ongee kana akka dhumaatti qolachuuf Mootummaa Naannoo Oromiyaa bira akka dhaabatan dubbataniiru.

Gareen abbootii qabeenyaa Gaazexessaa Giruum Caalaatiin gaggeeffame qarshii miliyoona 182 ol, Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee qarshii miliyoona 268, Baankiin Oromiyaa miliyoona 20, Baankiin Siinqee miliyoona 115, abbaan qabeenyaa Balaayinah Kindee qarshii miliyoona 6.6 gumaachaniiru.

BARIISAA SANBATAA Bitootessa 2 Bara 2015

Recommended For You

5 Comments to “ Lammiilee ongeen mudateef qaamolee garagaraatiin qarshiin miliyoona 850 arjoomame”

  1. Pingback: fortnite hacks
  2. Pingback: click this site

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *