Gandoota Magaalaa Adaamaa Odaafi Biiqqaa dubartootaan hogganaman

Saamraawiit Girmaatiin

Finfinnee: Aadde Faaxumaa Mohaammad gandoota 10 Magaalaa Adaamaa keessaa, bulchituu Ganda Odaati. Isaanis ji’oota ja’an dura gandichatti ramadamanii hojii kan eegalan yoo ta’u, Waajjira Dhimma Nageenyaa gandichaarraa kan hafe kaabineewwansaanii torba dubartoota.

Nutis kabaja guyyaa dubartootaa akka addunyaatti yeroo 112ffaaf, akka biyyaatti ammoo yeroo 47ffaatti kabajame ilaalchisuun muuxannoosaanii akka nuu hiran gaafdeebii taasisneefii turre.

Isaanis yaada gaazexaa keenyaaf kennaniin, yeroo jalqaba ramadamanii gara gandichaa deeman namoonni baay’een dandeettii raawwii dubartoota kanneeniirratti shakkii akka qaban kaasanii, ta’us hojiin takkallee boodatti osoo hindeebi’iin hunduu seektarasaatiin hojii boonsaa hojjechuufi jijjiirama qabatamaan mul’atu agarsiisuu dubbatu. Ilaalchi kana dura “dubartoonni walii hingalan, hindanda’an, namarratti hirkatanii jiraatu” jedhanis jijjiiramuu himu.

Akkuma ramadamanii gara gandichaa deemanitti kallattii akka magaalaatti taa’e guutummaatti hojiitti hiikuuf mariin taasifamuufi karoora guyyaa 100 qopheessuun hojiitti seenuu eeranii, kana keessattis qaamoleen hundi bifa ijaaramaa ta’een keessatti hirmaachuu ibsu. Gandichi zoonii ja’a, garee misoomaa 94fi waldaa bilookii 20 qabaachuufi kanaanis hojiileen mootummaa, misoomaafi paartii raawwatamuu kaasu.

 Akka Aadde Faaxumaan jedhanitti, gandichatti tajaajilli hawaasaaf kennamu fooyya’aa dhufeera. Torban keessatti guyyoonni sadii guyyaa tajaajilaan itti keessummaa’u waan ta’eef hoggansi kamuu waajjirasaatti argamuun hojjeta; yoo qaamaan deemuun barbaachises nideema.

 Yoo gaaffii hawaasaatiif deebii kennaa deemamu hawaasni ammoo hojiilee misoomaa gargaraarratti mootummaa gargaaruuf qophiidha. Kunis keessumaa hojii qonna magaalaarratti mul’ateera.

Hojii ‘Smart Adama’ kantiibaan magaalattii gadi buusan wajjin walqabatees naannawa hojii miidhagsuu qofa osoo hintaane, keessoo ofiis qulqulleessuurraa eegaluun hojjechuu eeranii, hojii hojjetameen waajjiraalee hojiif hawwataafi mijataa taasisuu, kaameeraa iccitii galchuu, qonna magaalaa babal’isuu, qulqullina magaalaa eeguufi manneen harkaqal’eeyyii ijaaruun hojiin hojjetame olaanaa ta’uu kaasu. Haaluma kanaan manneen harkaqal’eeyyii 10 ijaaruufi 10 ammoo suphuuf karoorfamee hunduu raawwatamuu dubbatu. Barattoota 410s nyaachisaa jiraachuu eeru.

“Dubartoonni bakka jiranitti yoo waan gaarii hojjetan maqaa dubartootaa ol kaasu; yoo waan badaa hojjetan ammoo maqaasaanii balleessu. Dubartoonnis kana hubachuun bakka jiranitti waliigalteefi waldhaggeeffachuun hojjechuu qabu. Nutis haala kanaan waan hojjenneef ummanni nutti amanaa dhufe” jedhu.

Aadde Elmiyaa Suleemaan ammoo Kutaa Magaalaa Luugootti, Bulchituu Ganda Biiqqaa yoo ta’an kaabineensaanii hundi dubartoota. Isaanis yaada nuu kennaniin, hoggansa dubartootaan durfamu gandasaaniitiin hawaasa gurmeessuun hojiilee hedduu hojjechuu himu. Waajjira bareechuurraa kaasee hanga hirmaannaawwan addaddaa taasisuutti hawaasni hirmaataa jiraachuu dubbatu. Akka fakkeenyaattis teeraazoo mooraa gandaa keessatti hojjechuu, manneen harkaqal’eeyyii ijaaruufi suphuu, magaalaa miidhagsuufi kanneen biroo hojjetaa jiraachuu kaasu.

Bakkee hojii miidhagsuu qofa osoo hintaane tajaajila si’ataafi bu’aqabeessa kennuuf sochiin taasifamu olaanaa ta’uu himanii, dubartiin manas alas waan hoggantuuf hoggansi isheef haaraa akka hintaane dubbatu. Ji’oota saddeet dura gaafa gara gandichaa ramadamanii deeman hawaasni shaakkiidhaan ilaalaa turuu yaadatanii, hojiile gama maraan hojjetaman arguun hirmaannaan hawaasaa daran dabaluus dubbatu.

Akka gandichaatti hojiileen misoomaa garagaraa hojjetamuu eeranii, manneen harkaqal’eeyyii sagal ijaaruufi sadii ijaaraa jiraachuu dubbatu. Mana barnootaa ijaaruu, hojii nageeyaafi qonna magaalaarrattis bu’aa olaanaan galmaa’u dubbatu. Dubartoonni haqummaafi xiiqiin hoggannaan waa hundaan milkaa’uu waan danda’aniif dubartoonni akka irratti xiyyeeffatan dhaamu.

Kantiibaan Magaalaa Adaamaa Obbo Hayiluu Jaldee gaaffiifi deebii tibbana Gaazexaa Bariisaa wajjin taasisaniin, hoggansi gandatti ramadamu adda duree akka ta’uuf kallattiin kennamuu kaasanii, waldorgommii uumuufis gandoonni lama guutuummaan dubartootaan akka hogganaman taasifamee bu’aa dinqisiisaan argamaa jiraachuu himu.

Kanaanis gandi duraan dhaqanii ilaaluun namatti hintolle amma mana jireenyaa dhuunfaa akka fakkaatuufi hawwatummaafi, tajaajiltummaan gandootaa sektara magaalaa caaluu eegaluu ibsu.  

BARIISAA SANBATAA Bitootessa 2 Bara 2015

Recommended For You

One Comment to “ Gandoota Magaalaa Adaamaa Odaafi Biiqqaa dubartootaan hogganaman”

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *