Miseensotni Caffee Oromiyaa waamicha araaraa milkeessuuf hunduu tumsuu qaba jedhan

Taammiruu Raggaasaatiin

Finfinnee: Miseensotni Caffee Oromiyaa tibbana ibsa addatti Gaazexaa Bariisaatiif kennaniin, waamicha araaraa Pirezdaantiin Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa qaamota hidhatanii bosona keessa socho’aniif taasisan milkeessuuf hunduu tumsuu qaba jedhan.

Miseensa Caffee Oromiyaafi Ittigaafatamtuun Damee Ijaarsaa godina Arsii Lixaa Aadde Zahaaraa Shaanqoo akka jedhanitti, sababa walitti bu’iinsa qaamolee mootummaafi qaama hidhatee bosona keessa jiruun Oromiyaafi ummatnishee aarsaa hinmallee kaffalaa jiru. Kanaafuu, waamichi taasifame kun waamicha yeroosaa eeggateedha.

Taateewwan Oromiyaa keessa jiran hundi sukanneessaa waan ta’aniif naannichatti ba’anii galuun yaaddessaadha jedhanii, oladeemaa baay’een kichuutti citaa turuus yaadachiisaniiru. Rakkoo nageenyaa naannicha mudate diinni akka carraa gaariitti fayyadamuun ummata Oromoo miidhaa, ajjeesaafi buqqisaa akka jirus dubbataniiru.

 Diinni Oromoo, Oromoo masaraa mootummaa keessaa baasuuf halkanii guyyaa socho’aa akka jiruufi rakkoo hamtuu kana tokkummaan qolachuuf yeroo ammaa dhimmi tokkummaa Oromoon dhimma filannoo keessa hingalledha kan jedhan Aadde Zahaaraan; qaamni Oromoodhaafan qabsaa’a jedhu kamuu yeroon tokkummaa Oromootiif itti hojjetu amma jechuun eeran.

Waamichi araaraa kun hiika diinagdee, siyaasaafi hawaasummaa guddaa qaba jedhanii, waamichi dhiyaate kan ummata Oromoo aara galfachiisu waan ta’eef milkaa’inasaatiif hunduu tumsuu akka qabu eeran.

Haaluma walfakkaatun Miseensa Caffee Oromiyaafi Ittigaafatamaa Waajjira Jallisii Godina Jimmaa Obbo Toofiq Raayyaa gamasaanitiin akka dubbatanitti, waamichi dhiyaate ajandaa diinni Oromoo, Oromoodhaan cabsuuf kaayyeffate kan fashaleessuudha.

Oromoon aarsaa dhiigaafi lafee kaffaleen waan argates ta’e gaafataa jiru qaba jedhanii, waan barbaadu argachuuf immoo filannoo sirriin karaa nagayaa qofa ta’uu hubachiisaniiru. Waamichi kun akka milkaa’u abdiin qaba kan jedhan Obbo Toofiq; milkaa’inasaatiifis mootummaan waan mijeessuu qabu mijeessun akka irraa eegamu kaasaniiru. Qaamonni hidhatanii socho’anis yoo akka waamichi kun milkaa’u barbaadan gaaffileesaanii ifa gochuu qabus jedhaniiru.

BARIISAA SANBATAA Guraandhala 25 Bara 2015

Recommended For You

4 Comments to “ Miseensotni Caffee Oromiyaa waamicha araaraa milkeessuuf hunduu tumsuu qaba jedhan”

  1. Pingback: Terrorism
  2. Pingback: ltobet
  3. Pingback: diyala SERCH

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *