Rakkoo kamuu gamtaan injifachuuf lolli Adwaa fakkeenya gaarii ta’uun ibsame

Waaqshuum Fiqaaduutiin

Finfinnee: Tokkummaan jiraannaan rakkoo hamaa biyya mudatu kamuu gamtaan injifachuun akka danda’amu injifannoon Adwaa fakkeenya gaarii ta’uu qaamoleen nageenyaa tokko tokko yaada Gaazexaa Bariisaaf addatti kennaniin ibsan.

Ittigaafatamaan Dhimmoota Seeraa Raayyaa Ittisa Biyyaa Birgaader Jeneraal Mashashaa Araddaa akka jedhanitti, biyyi dhalootni har’aa birmadummaan keessa jiraatu imaanaa lafee cabuu, dhangala’uu dhiigaafi lubbuu dhabuu abboota darbaniiti. Birmadummaa biyya itichuun wareegama qaalii gaafata. Biyya birmadummaan as geesse birmaduun itti fufsiisuun ammoo dabareefi itti gaafatama dhaloota har’aati.

Har’as taanaan diinnonni Itoophiyaa biyyattii keessatti nagaafi tasgabbiin akka hinjiraanne yeroo garaagaraatti aggaammii taasisaa turuu yaadachiisanii, dhalootni ammaas diinota qolatee birmadummaa biyyattii itti fufsiisuu keessatti gootummaa abbootasaa qabatamaan mul’isaa jiraachuu ibsu.

Ummatni biyyattii diina waloo waliin qolachuun alatti ummata waan qabu waliif qoodee nyaatu, jireenya mo’achuuf waliin hojjetuufi hidhaa jaalalaan nagaan waliin jiraatu ta’uu himanii, duudhaa baroota dheeraa kana qabatanii turuuf, addattuu nageenyaafi tasgabbiirratti xiyyeeffannaan hojjetamuu akka qabu hubachiisaniiru.

Keessattuu ummatni Oromoo akkuma kaleessaa aadaa hammattummaa qabuun obbolootasaa waliin jiraachuu cimsuudha malee akka jedhamu qofaa biyya ceesisuuf yaadees, aggaamees hinbeeku kan jedhan Birgaader Jeneraal Mashashaan; sabootni biroof ilaalchuma walfakkaatu qabu amantaa jedhu qabaachuu dubbatu.

Poolisii Federaalaatti Ittigaafatamtuu Dhimma Dubartootaafi Daa’immanii Koomishinara gargaartuun Saadiyaa Abdurroo gamasaaniin, injifannoon lola Adwaa injifannoo ummattoota Itoophiyaa maraa ta’uu eeranii, lola ulfaataa bara sana injifachuun haa hafuutii dura dhaabbachuunuu rifaasisaa ta’e qolachuu danda’uun bu’aa gamtaa ta’uu dubbataniiru.

Hagas mara dubbatamuufi barreeffamuu baatus injifannoo keessatti qoodni Oromoo olaanaa ta’uu himanii, injifannoo Adwaa duuba gootummaafi aarsaan kaffalame katabamee dhaloota ittaanuuf dabarsuun gahee hayyoota ammaa ta’uu hubachiisaniiru.

Gageessummaafi tooftaa lolaan dubartoonni Itoophiyaa lola Adwaarratti seenaa ajaa’ibaa dalaguu kan yaadachiisan ittigaafatamtuun tun, har’as taanaan akkuma kaleessaa ittigaafatama dachaa osoo qabanii adda waraanaattis ta’e bakka irratti bobba’an hundatti dubartoonni akkuma warra dhiiraa gootummaa dalagaa jiraachuu ibsaniiru.

Kaleessaa har’atti biyya garaagarummaa koorniyaa, sabummaa, ilaalcha siyaasaafi amantii malee eegamtee as geesse itti fufsiisuuf dirqama lammii biyyattii hundaa ta’uus dhaamaniiru.

BARIISAA SANBATAA Guraandhala 25 Bara 2015

Recommended For You

7 Comments to “ Rakkoo kamuu gamtaan injifachuuf lolli Adwaa fakkeenya gaarii ta’uun ibsame”

  1. Pingback: blote tieten
  2. Pingback: sexy girl
  3. Pingback: chat room
  4. Pingback: read
  5. Pingback: Ryan

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *