Rippoortara Gaazexichaatiin
Finfinnee: Waamichi araaraa Mootummaan Naannoo Oromiyaa humna hidhatee bosona socho’uuf dhiyeesse fedhaafi walamantaa qaamolee lameeniin dabaalamuu qaba jechuun hayyuun saayinsii siyaasa Yunivarsitii Amboo Obbo Solomoon Tafarraa beeksisan.
Obbo Solomoon ibsa addatti dheengadda Gaazexaa Bariisaatiif kennaniin akka jedhanitti, waamichi mootummaa naannichaarraa humna hidhatee bosona keessa socho’uuf dhiyaate naannichatti nagaa waaraa buusuuf gumaacha olaanaa qaba. Waamicha kana milkeessuuf qaamolee waldhaban gidduutti fedhiifi walamantaan jiraachuun barbaachisaadha jedhanii, nagaan dhufuu kan danda’u daandii nagaa qofaan ta’uu ibsaniiru.
Waldhabdee qaamolee lameen gidduutti uumameen naannichatti rakkoo nageenyaatiin ummatni qe’eerraa buqqa’uun dararamaa jira kan jedhan Obbo Solomoon; waamicha dhiyaate milkeessuuf jaarsoliin biyyaa, abbootiin amantii, abbootiin Gadaafi hayyootni qindoominaafi kutannoon hojjechuu akka qaban hubachiisaniiru.
Dabalataanis, maatiin qaamolee hidhatanii bosona jiranii ijoolleensaanii adda addummaa siyaasaa jiru qabatanii karaa nagaatiin qabsaa’uutti akka dhufaniif waamicha taasisuu akka qaban himanii; mootummaanis xurree araaraa eegalamerratti kutannoon hojjechuu akka qabu ibsaniiru.
Rakkoo nageenya Itoophiyaa kaabaatti mudate furuuf gatii guddaan kaffalameera; kaffalamaas jira kan jedhan hayyuun kun; haaluma kanaan rakkoo nageenyaa naannichatti mul’atu maqsuuf hunduu gaheesaa taphachuu akka qabu himaniiru.
Marii biyyaalessaa hunda hammate sadarkaa biyyaatti gaggeessuuf waanti itti adeemamaa jiru jajjabeessaa ta’uus yaadachiisanii; waamichi araaraa dhiyaate qajeelummaan fudhatamee hunduu dhimma biyyaarratti hirmaachuu qaba jedhan.
Akka ibsa isaaniitti, walamanataa qaamolee lameeniirratti hundaa’uun barbaachisummaan qaama sadaffaa ni murtaa’a. Waldhabbiif dhimmoota ijoo ta’an adda baasuun mariin furuun barbaachisaadha.
Barbaachisummaa haalduree ilaalchisee, yaadotni dhaga’amaa jiran bu’aa hinqaban kan jedhan Obbo Solomoon; nageenyaaf haaldureen akka hinbarbaachisneefi haala dureen nageenyaa, nageenya qofa ta’uu qabas jedhaniiru. Haalduree caalaa dhimmi guddaan haala qabatamaa ummatichi keessa jiru hubatanii nagaa buusuu ta’uus dabalataan ibsaniiru.
Qaamoleen lameenuu karaa nagaatiin rakkoo keessoo furachuun gaaffii waloo ummatni Oromoo qabu qabatanii marii biyyaarratti dhiyaachuun gumaacha olaanaa qaba kan jedhan Obbo Solomoon; hawaasni idila addunyaas adeemsa nagaa buusuu kana milkeessuuf deeggarsa barbaachisu akka taasisu gaafataniiru.
BARIISAA SANBATAA Guraandhala 25 Bara 2015
6 Comments to ““Waamichi araaraa dhiyaate fedhiifi walamantaa qaamolee lameeniitiin dabaalamuu qaba” Obbo Solomoon Tafarraa, Hayyuu saayinsii siyaasaa Yunivarsiitii Amboo”