Waaqshuum Fiqaaduutiin
Finfinnee: Olola dharaa yeroowwan garagaraa akka sabaatti Oromoorratti banamu qixa sirriin qolachuuf hubannoo hawaasichi miidiyaarratti qabu gabbisuun murteessaa ta’uu Barsiisaan Gaazexessummaafi Quunnamtii Yuunivarsiitii Finfinnee Nutimaan Aliyyii hubachiisan. Miidiyaa baay’ina Oromoon walsimu horachuurrattis akka hafu ibsan.
Faayidaafi miidhaa miidiyaa hubatan akka addunyaattis ta’e akka sabaatti mirga ofii kabachiifachuu akkasumas dhugaa ofii ibsachuurratti haalli dammaqiinsa ummata Oromoo maal akka fakkaatu ilaalchisanii Barsiisaan Nutimaan addatti Gaazexaa Bariisaaf ibsa kennaniiru.
Yeroo ammaa kana addattuu miidiyaaleen ulaagaa miidiyaallee hinguutne sochii hooggansa Oromoos ta’e ummata Oromoo faana dha’an busheessuu, maqaa balleessuufi hamilee buusee haala kaleessa hinbaratamneen olitti raawwatamaa jira kan jedhan Barsiisaan Nutimaan; ololli dharaa kun yeroo garagaraa ajandaalee adda addaatiin bifa qindaa’een adeemsifamaa jiraachuu dubbatu.
Ololli galma siyaasaa, dinagdeefi hawaasummaa waan qabuuf ajandaa ololaa manii yaadame simu bocuun matumtisaa ogummaa gaafata kan jedhan Barsiisaa Nutimaan; ajandaan ololaa ogummaan bocame akkasii kun ammoo sadarkaan nama dogoggorsuusaa akkasumas hawaasa kakaasuusaa olaanaadha jedhaniiru.
Ameerikaan naannawa Waraana Lammaffaa Addunyaa sirni Koominizimii biyyashee akka hinseenneef hooggantoonni biyyattii “Koominizimiin sirna nama nyaachuuti” jedhanii, ajandaa bocuun ummatni hanga lubbuutti sirna sana akka faccisu taasisuu yaadachiisanii; bifuma walfakkaatuun tibbana gaaffii afaan ofiin tajaajiluufi tajaajilamuu Abbootiin Amantii Oromoo bataskaana Ortodooksii kaasan micciiruun” Bataskaanni bakka lamatti foxxoqe” jechuun ummata alaafi keessaa sochoosuu danda’uu dubbataniiru.
Faallaa kana, gama Oromootiin dhugaadhuma jiru miidiyaa keessaafi alaatti ibsachuuf sochiin taasifame daran gadaanaa ta’uun osoo dhugaan jiruu dhageettii dhabuuf sababa ta’eera, jedhu.
Oromoon olola hinjaallatu, hadheeffatee balaaleffata kan jedhan hayyuun kun; garuu ammoo olola jibbaa dhugaa qofa qabatanii siyaasaan injifachuun waan hinyaadamneef of ilaaluun dirqama ta’a jedhaniiru. Ololli matumtisaa saayinsii waan ta’eef gurraacha, burreefi adii jedhamuun bakkawwan sadiitti akka qoodamu ibsaniiru.
Akka Barsiisaan Nutimaan jedhanitti, qorannoo taasisaniin Oromoon ajandaa ololaa bocuun haa hafuutii dhugaa jiruyyuu ibsachuuf dadhabina guddaa qaba. Rakkoon lammataa akka sabaatti jiru dandeettii qabiyyee qopheessuu dhabuuti. Qabiyyee hawwataafi yaadrimee hammatu qopheessuurratti hanqinatu jira. Inni biroo ammoo akka saba biroo waanuma dhiyaaterratti aadaan walsoroorsuufi waljajjabeessuu daran gad bu’aadha.
Yoo dhuma akka tasaa gama miidiyaatiin namni dhiibbaa uumu Oromoo keessaa ka’es hubannoo dhabuun firaafi alagaan itti duuluutu baay’ata kan jedhan Barsiisaa Nutimaan; kanaaf fakkeenyi gaariin hanga lammummaasaa jijjiiranitti duulli Jawaar Mahaammadirratti baname kaasuun ni danda’ama jedhaniiru.
Ummatni Oromoo irra jireessaan magaalaarraa dhiibamuun hubannoofi dandeettii akka dhabuuf galtee tokko ta’uu eeranii; ragaa dhiyeenyuma kana Itoophiyaatti ummata miliyoona 20 intarneeta fayyadamu keessaa lakkoofsi Oromoo gadaanaa ta’uu himaniiru. Gama miidiyaa hawaasaatiin Itoophiyaatti ummata miliyoona 14 feesbuukii fayyadamu keessaas lakkoofsi Oromoo muraasa jedhan.
Oromoon saba guddaa ta’uu akka carraatti fayyadamuun addattuu Mootummaan Naannoo Oromiyaa hojii gama miidiyaatiin jalqabe sadarkaa baay’ina ummataa simuun daran jabeessee ittifufuu akka qabuufi hubannoo hawaasaa gabbisuurrattis ciminaan hojjetamuu akka qabus dhaamaniiru.
BARIISAA SANBATAA Guraandhala 25 Bara 2015
10 Comments to “ “Hubannoo miidiyaa gahaa dhabuun Oromoo, gara dhugaa dhabuutti geessaa jira”Obbo Nutimaan Aliyyii, Hayyuu Gaazexessummaafi Quunnamtii”