Qonnaan bultoonni gatii murtaa’een omishasaanii dhiheessaa waan hinjirreef qaala’inni mudate

 Saamraawiit Girmaatiin

Finfinnee: Qonnaan bultoonni gatii Biiroon Qonnaa murteesseen omishasaanii waldaaleef dhiheessaa waan hinjirreef gatiin midhaanii keessumaa qamadiifi xaafiin qaala’aa jiraachuun Ejensiin Babal’ina Waldaa Hojii Gamtaa Oromiyaa ibse.

Ejensichatti Gorsaa Garee Gabaa kan ta’an Obbo Tashitee Gammadaa ibsa kaleessa Gaazexaa Bariisaatiif kennaniin, wayita ammaa qonnaan bulaan omisha omishe gatii ka’umsaa Biiroon Daldalaa Oromiyaa baase tilmaama duraatiin addaddummaa waan qabuuf waldaaleef dhiheessuurra daldaltoota seeraan alaatti gatii dabalee gurguruu filachuusaa eeranii, kanarraa kan ka’e wayita ammaa gatiin midhaanii guyyuu dabalaa bulaa jiraachuu himu.

 Barana omishaafi omishtummaan dabalee qamadii biyya alaatti erguuf durfamee karoorfamee hojjetamaa turuu kaasanii, kanaanis biyyattiin seenaa keessatti yeroo jalqabaatiif qamadii alatti ergiteetti jedhu. Kanas hiika biraa itti kennuun hololli sababa alatti ergameef gatiin midhaanii qaala’e” jedhu afarfamaa jiraachuu himanii, kun garuu tasumaa dhugaarraa kan fagaateefi omishni qamadii alatti ergamu kan waliigalaa keessaa % 17 akka hincaalle dubbatu.

“Kallattii gatii murtaa’een xaafiis ta’u qamadiin kuntaalli tokko qarshii kuma afuriifi 500n yoo gurgurame qonnaan bulaan kasaaraa akka hinqabne tilmaamame. Daldalaan dhuunfaa ammoo hanga qarshii kuma ja’aatti qonnaan bulaarraa bitaa jira. Kana waan ta’eef qonnaan bulaan waldaaleef dhiheessuurra daldaltoota seeraan alaaf gatii dabalanii gurguruu waan filataniif waldaaleen omisha gabaaf dhiheessan dhabaa jiru” jedhu.

Kun akka sirratuuf Biiroo Daldala Oromiyaafi sektaroota dhimmichi ilaallatu wajjin hojjechaa jiraachuu kan eeran Obbo Tashiteen, waldaaleen bu’uuraa qonnaan bultoota mariisisaa jiraachuus ni himu. Omishni argame bu’aa ummataa, mootummaafi sektaroota addaddaa ta’uun hubatamuu akka qabu hubachuun qonnaan bultoonni omisha harkaa qaban hawaasa giddugaleeffachuun omishasaanii akka dhiheessanis waamicha taasisu.

Pirezdaantiin Waldaa Dargaggoota Caffee Hojii Gamtaa walii galaa Ittigaafatamnisaa Murtaa’ee Obbo Sanyii Idaashuu gamasaaniin, waldaansaanii yeroo hundeeffamerraa kaasee omishawwan gatii madaalawaa ta’een hawaasaaf dhiheessaa jiraachuu kaasanii, tibbanas xaafii kuntaalaan hanga qarshii kuma ja’atti qamadii ammoo hanga qarshii kuma afuriifi 500 dhiheessaa jiraachuu dubbata.

Ta’us wayita ammaa sababa gatiin omishaa Biiroo Daldalaatiin murtaa’ee ba’e nun hinbaasu jedhuun qonnaan bultoonni waldaaleef omisha dhiheessaa akka hinjirreefi waldaansaaniis sababa kanaan omisha mankuusaawwansaa keessaa qabu fixaa jiraachuusaatiin waan gabaaf dhiheessu dhabaa jiraachuu kaasu.

Kun akka hiikamuufis mootummaan akkuma waldaaleen hojii gamtaa hammanaan bitaa jedhee gatii baase daldaltoonni dhuunfaas gatii isaan ittiin bitan baasuu qaba jedhu. Akkasumas, sirni to’annaa daldalaa cimuu akka qabu hubachiisu.

Biiroo Daldalaa Oromiyaatti Daarektarri Misooma Gabaa Midhaanii Obbo Guutuu Tamsgeen gamasaaniin, gatiin midhaanii tibba kana dabalaa jiraachuunsaa kallattii mootummaan haala baratamneen fudhachuu eegaluusaatiin ta’uu eeranii, kunneenis mootummaan qamadii alatti erguu eegaluusaatiin walqabatee ilaalchi dogoggoraa akka waan omishni hundi alatti ergamuutti fudhachuu ta’uu ibsu.

Kanarraa ka’uun ka’umsi gatii qamadii kuntaalatti qarshii kuma afuriifi 600-800tti murteessuun bittaan eegalamuufi haala kanaan murteessuunis yeroo jalqabaatiif ta’uu dubbatu. Bara darbe gatiin qamadii kuntaala tokko qarshii kuma sadiifi 100 akka ture yaadachiisanii, sababa eerameen garuu daldaltoonni seeraan ala sodaa hinjirre uumuun gatii itti dabaluu ibsu.

Mootummaanis kana sirreessuuf gatii ka’umsaa qopheessuu himanii, kana keessattis baasii qonnaan bulaan omisha omishuuf baase ilaalcha keessa galchuu kan himan daarektarichi, qaamni eeyyama dabarsaa guutuu qabus haala kanaan omisha gabaaf dhiheessuu akka danda’u dubbatu. Daldaltoonni seeraan alaas kana dhiisuun bifa kotirobaandiitiin gatii dabaluun gabaatti dhiheessuu eegaluusaaniitiin gatiin dabaluu ibsaniiru.

Murtoon kun Naannoo Oromiyaa qofarratti murtaa’uu himanii, kanarraa ka’uun qonnaan bulaan Oromiyaa keessaa qofti akka hinmiidhamneef jecha omishni midhaanii naannicha keessaa bahe gara naannoo biraa akka hindarbine dhorkamuus ni dubbatu. Dhiheessii akka biyyaatti jiru baay’inaan kan dhiheessummoo Oromiyaa waan ta’eef gatiin dabaluu eeraniiru. kanaafis hojmaannis Oromiyaatti eegalame haaluma walfakkaatuun naannolee biroottis hojiirra ooluu qaba jedhan.

To’annoo keellaarratti taasifamuun walqabatee akka Oromiyaatti keellaawwan seeera qabeessi 28 jiraachuu kan himan Obbo Guutuun, bakkeewwan rakkisoo ta’an, daangaa naannoleefi biyyoota alaarrattis dirqama sababa ta’eef dabalamuu kaasu.

 BARIISAA SANBATAA Guraandhala 25 Bara 2015

Recommended For You

9 Comments to “ Qonnaan bultoonni gatii murtaa’een omishasaanii dhiheessaa waan hinjirreef qaala’inni mudate”

  1. Pingback: fuck girldice
  2. Pingback: mike tyson vapes
  3. Pingback: bdsm cams
  4. Pingback: Bilad Rafidain

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *