Finfinnee: Oromiyaatti bara barnoota baranaatti gulantaa 1ffaa hanga 5ffaatti kolleejjota BLTO adda addaatti barattoota kutaa 12ffaa xumuran kuma 298fi 622 simachuuf karoorfamuun ibsame.
Hogganaan Biiroo Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa (BCHUOO) Obbo Maatiwoos Sobbooqaa ibsa dheengadda miidiyaaf kennaniin, kolleejjota mootummaatti barattoota kuma 238fi 898 akkasumas kolleejjota BLTO mitmootummaafi dhuunfaatti kuma 59fi 724, walumaagalatti barattoota kuma 298fi 622 simachuuf karoorfamuu ibsan.
Hogganaan biirichaa bakka buutota kolleejjota dhuunfaa waliin erga mari’atanii booda akka jedhanitti, simannaa leenjifamtoota bara 2015 gaggeessuuf biiroonsaanii caasaaleen sadarkaan jiran qophii gahaa taasisaniiru.
Barattoonni kunneen, warra kufan ykn warra carraa biraa hinqabne osoo hintaane warra abbaa ogummaa ta’anii dinagdee biyyattii sochoosan akka ta’aniif tattaaffii cimaan taasifamaa jiraachuus eeraniiru.
Kolleejjonni BLTO mootummaafi kaan qulqullina leenjii eegsisuun hawaasa ogummaa gonfateen hojii uummatu horachuuf yoomiyyuu caalaa xiyyeeffannoon hojjechuu akka qabanis hubachiisaniiru.
Biirichis milkaa’ina karoorichaatiif qophii ta’uu Obbo Maatiwoos himanii, dareewwan leenjii, workshoppiin, maashinoonni, leenjisaafi meeshaaleen sirna leenjii kanneen akka kaarikulamiifi moojullifaan akka qophaa’an gochuu ibsaniiru. Bittaa maashinoota leenjiitiif qarshii miliyoonni 47 ramadamee caalbaasiif dhiyaachuus beeksisaniiru.
Haaluma kanaan barana seektaroota torbaan, ogummaawwan 71n leenjisuuf kan karoorfame yoo ta’u, damee qonnaatiin ogumaawwan saddeet, indastiriidhaan 15, albuudaan tokko, aadaa, hoteelaafi turizimiidhaan 10, bu’uuraalee misoomaan 23, fayyaatiin sagal, hojjetaafi hawaasummaatiin shan leenjisuuf qophiin xumurameera jedhu hoggantichi.
Leenjichaafis kolleejjonni BLTO 495 leenjiilee kunneen kennuuf qophii ta’uu eeranii, dargaggoonni kutaa 12ffaa xumuranii ogummaawwan kanneen gonfachuuf fedhii qaban hundi akka simatamanis dubbataniiru.
Dargaggoonni fedhicha qaban kolleejjota BLTO isaanitti dhiyoo jirutti bu’uura ulaagaa simannaa bara 2015n galmaa’anii carraa kanatti akka fayyadamaniif waamicha dhiyeessaniiru.
Kolleejjii dhuunfaa Kaanenusirraa Obbo Admaasuu Dirribaa kolleejjinsaanii barattoota simatee leenjisuuf qophii taasisaa jiraatullee hanqinoonni akka maashinootaa, meeshaalee shaakalliifi kkfn isaan mudachuu ibsaniiru.
Yunivarsitii Riifti Vaaliirraa Obbo Tasfaa Mazgabuu gamasaaniin, BCHUOOn kolleejjota dhuunfaatiif xiyyeeffannoo kennee mariif haala mijeessuusaatiif galateeffatanii, kunis milkaa’ina hojii keenyaatiif gahee olaanaa qabaata jedhan.
Kana boodas biirichi kolleejjota dhuunfaas hordofuu, haala qulqullinaa sakatta’uu, hanqinoota jiran waliin furuu, deeggarsawwan teknikii kennuufi waliin mari’achaa deemuu akka qabus ibsaniiru.
Wayinisheet Kaasaatiin
BARIISAA SANBATAA Guraandhala 18 Bara 2015
6 Comments to “ Barana kolleejjota BLTOtti barattoota kuma 298 ol simachuuf karoorfame”