Inistituutichi meeshaalee alaa galan biyya keessatti omishuufi sharafa alaa maddisiisuurratti fuuleffatee hojjetaa jira

Finfinnee: Omishaaleen biyya alaarraa galan biyya keessatti akka omishamaniifi sharafa alaa maddisiisurratti xiyyeeffannaan hojjechaa jiraachuu Inistituutiin Misooma Industirii Omishaa ibse.

Daarektarri Olaanaan Instituutichaa Doktar Milkeessaa Jaagamaa Gaazexaa Bariisaaf ibsa addatti kennaniin akka jedhanitti, rakkoolee misooma industirii omishaa furuu, omishaafi omishtummaasaanii dabaluu, meeshaalee biyya alaarraa galan biyya keessatti omishuufi misooma industirii babal’isuurratti xiyyeeffannaan hojjetamaa jira.

Rakkoolee misooma industirii omishaa furuun omishaafi omishtummaa dabaluuf akka toltu inistituutichi qorannoowwan garagaraa taasisuun yaada furmaataa industiriiwwaniif akka galteetti dhiyeessee dabalata leenjii ogummaarratti xiyyeeffate bal’inaan kennaa jiraachuus ni dubbatu.

Haaluma kanaan sagantaa sadarkaa biyyaatti mataduree, “Itoophiyaan haa omishtu,” jedhuun Ministeerri Industiriin bakka Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahmad jiranitti eegalame bu’aa qabatamaa galmeessisaa jira jedhaniiru.

Keessattuu gama alergiin tattaaffii taasifameen ji’oota ja’aan darban omishaalee industirii biyyoota alaa garagaraatti erguun galii doolaara Ameerikaa miliyoona 180 ol argachuu kan ibsan Doktar Milkeessaan; kun ammoo hanqina sharafaa biyyattii mudataa jiru furuu keessatti shoora olaanaa akka qabu hubachiisaniiru.

Gama biraatiin ammoo meeshaalee alaa galan biyyuma keessatti omishuuf sochiin taasifamaa jiru bu’aa qabatamaa galmeessisaa jira jedhanii, akka fakkeenyaatti huccuun miliitarii (qaamolee nageenyaa) kan kanaan dura sharafa qarshii biliyoona lamatti tilmaamamuun alaa galaa ture omishuu danda’uun milkaa’ina guddaa hamilee namatti horu ta’uu ibsaniiru.

Bifuma walfakkaatuun rakkoolee hanqina waraqaatiin industiriiwwan maxxansaa mudate furuuf akkasumas baasii hedduu waraqaa alaa galchuuf ba’u hanbisuuf fuulduratti waraqaa biyya keessatti omishuuf jalqabbii gaariin jiraachuu kan dubbatan Doktar Milkeessaan; galteewwan omisha waraqaatiif oolan heddumminaan jiraachuunis milkaa’ina yaadameef bu’uura jabaadha jedhaniiru.

Xiyyeeffannoon mootummaan alergii omishaalee industiriif kennes olaanaa ta’uutti dabalee meeshaalee alaa galan biyyuma keessatti omishuuf fedhiifi deeggarsi taasifamaa jiru daran jajjabeessaa ta’uu eeraniiru.

Waaqshuum Fiqaaduutiin

BARIISAA SANBATAA Guraandhala 18 Bara 2015

Recommended For You

22 Comments to “Inistituutichi meeshaalee alaa galan biyya keessatti omishuufi sharafa alaa maddisiisuurratti fuuleffatee hojjetaa jira”

  1. Pingback: คูปอง
  2. buy dapoxetine online [url=https://priligymaxpharm.com/#]dapoxetine price[/url] buy priligy max pharm

  3. prednisone pack [url=http://prednisoneraypharm.com/#]generic Prednisone[/url] pharmacy cost of prednisone

  4. where can i buy clomid for sale [url=https://clomidrexpharm.com/#]clomid rex pharm[/url] get clomid online

  5. buy prednisone from canada [url=http://prednisoneraypharm.com/#]buy prednisone[/url] generic prednisone online

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *