– Waldhabdicha furuun Oromoofi Oromummaa cimsuu keessatti qooda guddaa qaba jedhame
Finfinnee: Waamicha araaraa Mootummaan Naannoo Oromiyaa humna hidhatee bosona jiruuf (Shaneef) dhiheesse milkeessuuf gumaacha isaan irraa eegamu ba’achuuf qophii ta’uu Abbootiin Gadaa beeksisan. Waamichi araaraa dhiyaates calaqqee duudhaa Sirna Gadaa ta’uus ibsaniiru.
Waldhabdee Shaneefi Mootummaa gidduutti uumamaa tureen miidhaan siyaasaa, dinagdeefi haawaasummaa Oromoorratti qaqqabe olaanaa ta’uu Sabaa Himaan ABO beeksisan.
Abbootiin Gadaa kunneen ibsa Roobii darbe Gaazexaa Bariisaaf addatti kennaniin akka jedhanitti, yeroon kun yeroo itti Oromiyaan nageenya waaraa feetu waan ta’eef tarkaanfiin waamicha nageenyaa kun waan sirriifi deeggaramuu qabuudha.
Walitti qabaan Gumii Abbootii Gadaafi Abbaan Gadaa Gujii Jiloo Maandhoo, waamichi araaraa mootummaa naannoo Oromiyaatiin Shaneef dhiyaate calaqqee duudhaa Sirna Gadaa ta’uu eeranii, yaadichis yaada qajeelaa ta’uufi deeggaramu kan qabu waan ta’eef akka Abbaa Gadaa tokkootti hojiitti hiikamuusaa kan deeggaran ta’uu ibsu.
Daandii nagaa hordofuun Oromoo tokkoomsee diinasaa dadhabsiisa kan jedhan Abbaan Gadaa kun; Oromoon biyya keessaafi ala jiru, Abbootiin Gadaa bakka hunda jiraniifi hawaasni sadarkaan jiru marti waa’ee nagaafi bu’aa nagaa labsuun gumaacha isaanirraa eegamu ba’uu akka qaban himaniiru.
Shaneenis waamicha mootummaan dhiyeesseef haala qabatamaa yeroo ammaa ummatni Oromoo keessa jiru ilaalcha keessa galchuun garaagarummaa mootummaa waliin qaban mariin furachuuf akka of qopheessu waamicha dhiheessaniiru.
Abbaan Gadaa Maccaa Warqinaa Tarreessaa gamasaaniin, waamichi mootummaan Shaneef dhiyeesse waamicha gidiraa Oromoo gudunfuufi Oromoof furmaata fiduuf taasifame jechuun; waamichi dhiyaate kunis ilmaan Abbaa Gadaa ta’uu isaanii kan agarsiisuudha jedhaniiru.
Duudhaa Sirna Gadaa keessatti nagaa malee wanti galma ga’u hinjiru kan jedhan Abbaan Gadaa kun, qotachuuf, daldaluufi ba’anii galuuf nagaan angafa waan ta’eef waamichi mootummaan dhiyeesse wayitawaafi daran barbaachisaa ta’uu himaniiru.
Hayyuu sabaatu nama araarsa; hayyootni Oromoo biyya keessaafi alaa, Abbootiin Gadaa, abbootiin amantii wal ta’uun waamichi mootummaan dhiyaate akka milkaa’uuf gumaacha isaanirraa eegamu taasisuu qabu. Ummatin Oromoos qaamolee waldhaban kana lamaan gidduu dhaabbatee waan irraa eegamu hundumaa ba’achuu qaba” jedhu.
Abbaan Gadaa Tuulamaafi Barreessaan gamtaa Abbootii Gadaa Goobana Hoolaa, waamichi araaraa humna hidhatee bosona jiruuf mootummaan naannoo Oromiyaa dhiyeesse kan tumsan ta’uu ibsanii, waamichi dhiyaates dhugaa irratti hundaa’ee fiixaan ba’uumsa akka godhatuuf gama hundaanuu hojjetamuu qaba jedhaniiru.
Abbootiin Gadaa, abbootiin amanatiifi hayyootni wal ta’uun waamicha dhiyaate milkeessuuf gaheesaanii ba’achuu qabu kan jedhan Abbaan Gadaa Tuulamaa, humnootni waamichi dhiyaateefis dhugaa kennanii fudhachuudhaan yaada furmaataa sabaaf qabatanii akka dhiyaatan waamicha dhiyeessaniiru.
Waldhabdee Shaneefi Mootummaa gidduutti uumamaa tureen miidhaan siyaasaa, dinagdeefi haawaasummaa Oromoorratti qaqqabe olaanaa ta’uu Sabaa Himaan ABO beeksisan.
Sabaa Himichi Jaal Toleeraa Adabaa ibsa dheengadda Gaazexaa Bariisaatiif kennaniin waldhabdee uumame kanaan miidhaa olaanaafi cimaan siyaasaa, dinagdeefi hawaasummaa Oromoorratti darbees akkuma biyyaattuu kan qaqqabe ta’uu eeran. Gaaga’amni hamaan qabeenya, lubbuufi hawaasummaa lammiileerra ga’uus kaasaniiru.
Haata’uutii waldhabdicha mariin furuun Oromummaafi Oromiyaa dinagdeedhaan, siyaasaaafi hawaasummaadhaan cimsanii dhaabuuf fedhiin mootummaan agarsiise jajjabeessaa ta’uu Jaal Toleeraan nidubbatu.
Hamma qaamoleen lameenuu dhimma Oromoo qabatanii socho’anitti garaagarummaa jiru waraanaan osoo hintaane mariidhaan furuuf sochiin jalqabame yoomiyyuu caalaa tokkummaa Oromoo kan cimsuudhas jedhan.
Bakka walwaraansi gaggeeffamaa turetti qonnaan bulaan qotachuu hindandeenye, daldalaan daldala dhiiseera, barataan barnoota addaan kuteera kun kufaatii dinagdeefi hawaasummaa guddaa kan qaqqabsiiseefi eeggattummaa kan babal’iseedha jechuudhaanis ibsaniiru.
Tajajilli hawaasummaa addaan cituun kan akka mana qorichaa, mana barnootaa adda cituun egeree lammiileerratti miidhaa qorqalbii hammaataa kan qaqqabsiise ta’uu kaasaniiru.
Garaagarumma yaadaa mariidhaan furuun ammayyummaafi ummata Oromoof darbees saboota biyyattii warra kaaniif murteessaadha jedhanii, waldhabdichi akka hammaatu kan godhan warra faayidaa dhuunfaasaanii dhoksaadhaan guuttachuuf socho’an ta’uus beeksisaniiru.
Waldhabdeen Oromiyaa keessatti hammaachuun warreen siyaasa dhokataafi faayidaa dhuunfaasaanii qaxxaamuraan mirkaneeffachuuf kaataniif haala gaarii uumeeras jedhu.
Kanaaf inni karaa dimokraatawaaniin qabsaa’a jedhus meeshaa hidhatee bosona jiru mariif taa’anii siyaasa dhokataa imala qabsoo Oromoo gufachiisuuf gaggeeffamu maseensuun Oromoofi Oromummaa cimsuu keessatti qooda guddaa kan qabu ta’uu dubbataniiru.
Gammachuu Kadiriifi Waasihun Takileetiin
BARIISAA SANBATAA Guraandhala 18 Bara 2015
4 Comments to “Waamicha araaraa taasifame milkeessuuf gaheesaanii kan ba’an ta’uu Abbootiin Gadaa ibsan”