Booranatti hongee ittifufeen namoonni kuma 867 ol gargaarsa barbaadu

• Kumni 200 gargaarsa hatattamaa barbaadu

  • Loon miliyoona 3.3 dhumaniiru

Finfinnee: Hanqina roobaa marsaa shaniif mudate hordofee baay’inni namoota gargaarsa barbaadanii kuma 867fi 140n irra ga’uu bulchiinsi Godina Booranaa beeksise. Dhiyeessiifi baay’inni namoota gargaarsa barbaadanii walsimuu dhabuun rakkinicha hammeessaa jiraachuun ibsameera.

Ittigaafatamtuun Waajjira Kominikeeshinii Godina Booranaa Aadde Miimmii Tashoomaa ibsa dheengadda Gaazexaa Bariisaatiif kennaniin akka jedhanitti, marsaa shaniif roobni dhabamuun lammiilee godinichaa balaa ongee hamaaf saaxileera. Sababuma kanaan namooti kuma 867fi 140 gargaarsa barbaadu. Qabeenyi loon qarshii biliyoona 33tti tilmaamamu badeera.

Raaga haala qilleensaa tibbana mitiworolojii biyyaalessaarraa ifa ta’e bu’uura godhachuun godinichatti ongeen dheerachuu akka danda’u kan agarsiisu ta’uus eeranii, baay’inni namoota gargaarsa barbaadanii gara fuuladuraatti dabalaa akka duumu eeraniiru.

Haala qabatamaa amma jiruun abbootiin warraa kuma 34fi 769 guutummaatti loon jalaa du’uu kan dubbatan ittigaafatamtittiin, waliigalaan hamma ammaatti loon miliyoona 3.3 qarshii biliyoona 33tti shallagaman dhumuu ibsaniiru.

Ammaan tana namoonni kuma 604 mootummaafi qaamolee garagaraatiin gargaarsa argachaa akka jiranis eeranii, akkuma ongeen dheerachaa deemuun baay’inni namoota gargaarsa barbaaadaniis dabaluu danda’a jedhaniiru. Namoonni kuma 200 ta’an gargaarsa hatattamaa akka barbaadanis himaniiru.

“Maallaqa ittisa balaa duraatiif walitti sassaabuu, gargaarsa lammiin lammiif jedhurratti hojjetameera. Ta’us humna ummataa ol ta’uun dandamachuun hindanda’amne. Rakkoo dhiyeessii bishaanii dandamachiisuufis bottewwan 119 kan barbaachisu ta’uufi yeroo ammaa 22 qofatu tajaajila kennaa jira. Kanaaf, rakkoo haqina bishaanii dandamachuun hindanda’amne” jedhan. Qaamolee gargaarsaa taasisaa jiran haaluma baratameen hirmaannaasaanii cimsanii akka ittifufan gaafataniiru.

Godina Booranaatti ittigaafatamaan Waajjira Kominikeeshinii Aanaa Areeroo, Obbo Abbush Zawudee gamasaaniin, ummanni aanichaa ongeedhaan dararamaa jiraachuu ibsanii, jiraattonni aanichaa kuma 43fi 572 gargaarsa akka barbaadan dubbataniiru.

Midhaan nyaataa kuntaalli kuma 650 mootummaadhaan dhiyaatus guutummaatti dandamachiisuu hindandeenye jedhanii, rakkoo bishaanii aanichaa furuuf bottee tokko qofti tajaajila kennaa waan jiruuf rakkinicha hamaa ta’uufi loon kuma 20fi 618 dhumuu ibsaniiru.

Hammi gargaarsa dhiyaachaa jiruufi baay’inni namoota gargaaramanii walsimuu dhabuufi rakkoon nageenyaa haalicha kan hammeesse ta’uu beeksisaniiru.

Gammachuu Kadiriin

BARIISAA SANBATAA Guraandhala 18 Bara 2015

Recommended For You

4 Comments to “Booranatti hongee ittifufeen namoonni kuma 867 ol gargaarsa barbaadu”

  1. Pingback: Jaxx Liberty

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *