Daaw’annaan Doktar Abiyyi tibbana biyyoota adda addaatti taasisan Itoophiyaa kan humneessuudha

Finfinnee: Afeerraa daaw’annaa biyyoota alaa gara garaarraa Ministira Muummee Itoophiyaaf taasifame hordofuun bu’aaleen Itoophiyaa gama hundaan humneessan argamaniiru.

Ministirri Muummee Itoophiyaa Doktar Abiyyi Ahmad biyyoota Awuroppaa akka Xaaliyanii, Maaltaa, Faransaay, akkasumas sadarkaa Afrikaattimmoo Somaaliyaa Moqadishootti marii gaggeessaniin bu’aaleen Itoophiyaa dinagdeen, hawaasummaafi siyaasaan humneessan argamuun ibsameera.

Ministira Muummee Xaaliyaanii Joorjiyaa Meeloonii waliin marii taasisaniin hariiroon Itiyoo-Xaaliyaanii cimee kan ittifufu ta’uufi Itoophiyaa dinagdeedhaan humneessuun karoorri tiraanisfoormeeshinii waggaa kudhanii akka milkaa’uuf deeggarsa yuuroo miliyoona 180 arjoomameera.

Deeggarsa taasifame kanaaf galata qaban kan ibsan Ministirri Muummee Itoophiyaa Doktar Abiyyi Ahmad biyyoonni lachuu misoomaafi dhimmoota gara garaatiin waliin hojjechuun cimee kan ittifufu ta’uu fuula feesbuukiisaaniirratti ibaniiru.

Pirezidaantiin Faransaay Imaanu’el Maakroon waliinis wal-arganii hariiroo biyyoota lameeniirratti kan mari’atan yoo ta’u, misoomawwan gara garaafi kanneen biroorratti waliin hojjechuun kan durii caalaa cimee akka ittifufu ibsaniiru.

Ministira Muummee Maaltaa Roobarti Abeelaa waliinis turtii tasisaniin misoomaan, waljijjiirraan muuxannoo, daldalaan, tuurizimiifi kanneen biroo waliin hojjechuuf waliigalamuus Doktar Abiyyi beeksisaniiru.

Milkaa’ina misoomawwan maraaf murteessaan nageenya ta’uu eeranii, akka gaanfa Afrikaatti rakkoo nageenyaa humna shororkeessaa Alshabaabiin mudachaa jiru qolachuun dhimma ijoo ta’uu ibsaniiru.

Kanaaf biyyoota dhimmisaa ilaallatu wajjin Moqadishootti mari’atamuufi farra nageenyaa kana qolachuuf tokkummaan dhaabachuun murteessaa ta’uun irratti waliigalamuu fuula feesbuukiisaanii irratti beeksisaniiru.

Kanuma maddiitti Pirezedaantii Keeniyaa, Wiiliyaam Ruutoo waliinis marii taasisaniin biyyoonni ollaa lamaan bu’uuraalee misoomaatiin walitti hidhamanii hojjechuun dinagdeen, hawaasummaafi siyaasaan walhumneessuuf waliin kan hojjetan ta’uu beeksisaniiru.

Daawwannaan tibbana biyyoota gara garaatti taasifame Itoophiyaa siyaasaan, dinagdeedhaan, hawaasummaafi misoomaan biyyoota biroo waliin kan walitti hidhu yoo ta’u, deeggarsi taasifame Itoophiyaan imala badhaadhinaafi jijjiiramarra jiraachuusheef ragaa kan bahudha.

BARIISAA SANBATAA Guraandhala 4 Bara 2015

Recommended For You