Riippoortara gaazexichaatiin
Finfinnee: Mariin biyyaalessaa akka milkaa’uuf hojiifi ittigaafatamummaa komishinichaa akkasumas labsiisaa sirnaan hubataniifi beekanii wajjummaan hojjechuun akka barbaachisu Pirofesar Masfin Ari’ayaa ibsan.
Komishinarri Komishinii Marii Biyyaalessaa Pirofesar Masfin Ari’ayaa gaafdeebii barruu Zaman wajjin taasisaniin, “Addaaddummaa keenyarratti baay’inaafi humnaan waan hojjenneef haala amma keessa jirrurra geenyeerra. Tarii mariin biyyaalessaa gara boqonnaa tokkootti nu fida jedheen amana” jedhan.
Suukanneessummaa waraanaa argineerra, waraanaan nagaan hindhufu, waraanaan waan nagaa fakkaatu fiduun ni danda’ama ta’a garuu nagaafi obbolummaa waaraan dhufuu kan danda’u meeshaa lafa kaa’anii taa’anii mari’achuun yoo danda’ame qofa jechuun ibsan.
Kun akka ta’uufis yeroo yeroodhaan dubbachaa turuu eeranii, kan jechaa turan sun dhufaa jiraachuu ibsuun nageenyi kaabaa Itoophiyaa lixaattis nagaa fiduuf ulaa ni bana jedheen amana jedhan.
“Sababii waraanichaatiin kan agarre gidiraadha. Dargaggoota keenya dhabne, miidhaa baay’eetu qaqqabe, qabeenyiwwan ni barbadaa’an, hiyyummaarratti hiyyummaa ofitti dabalaa baane. Lammiilee ummattoota waggoota kumaatamaaf wajjummaan jiraatanirratti rakkoo dabalaa turre’ jedhan.
Komishinichi maricha milkeessuuf dhaabbilee siviilii wajjin waliigalteewwan garlamee mallatteessuu kan eeran komishanarichi, dhaabbileen kunniin gabbisa hubannoorratti hanga dakaatti waan hojjetaniif deeggarsa olaanaa kan taasisaniif ta’uus beeksisaniiru.
Paartiilee siyaasaa wajjinis hordoftoonnisaanii maricharratti sirriitti akka hirmaatan gochuufi, jedhanii, waldaalee miidhamtoota qaamaas ta’e waldaaleen kaan wajjin kan waliimallatteessinu akeeknisaa hordoftotasaanii akka nuu dadammaqsaniifi, jedhan. Mariin waliigaltee fida kan jedhan Pirofesar Masfin, dhimmoonni isa hordofanii jiran kanneenis akka araara biyyaalessaa ykn haqa ce’umsaafaa ta’uu akka danda’an eeraniiru.
“Miidhaawwan waggoota 50, 60fi 100 darbanitti kan dhiyeenyaas dabalatee biyya keenyarra qaqqaban haqa barbaadu. Haqa jechuun dirqama hidhi, kuti, ajjeesi, fannisi jechuu miti. Yoo xiqqaate tokko isa kaanirraa miidhaa qaqqabsiisuu keenyarratti wal-amannee akka egere irra hindeebi’amneef waliigallee; warri miidhaa qaqqabsiisne gaabbinee dhiifama gaafachuun gara fuulduraatti ittifufuu danda’uu qabna” jedhan.
BARIISAA SANBATAA Guraandhala 4 Bara 2015