Waasihun Takileetiin
Finfinnee: Ejensiin Babal’ina Waldaalee Hojii Gamtaa Oromiyaa fayyadamummaa qonnaan bultootaa mirkaneessuufi gabaa tasgabbeessuu keessatti dhaabbilee hojjetaa jiran keessaa isa tokkodha.
Omishaafi omishtummaan qonnaan bulaa dachaan akka dabaluufis dhiyeessiiwwan qonnaa gatii madaalawaan dhiyeessuun omishasaaniis gatii madaalawaan irraa bituun ergitootaaf dhiyeessuun sharafa alaa argamsiisaa jira.
Baranas imaammata qamadii alaa galu biyya keessatti omishuufi alergiif oolchuu mootummaan qabate milkeessuuf Ejensiin Babal’ina Waldaalee Hojii Gamtaa Oromiyaa shoora olaanaa taphataa jiraachuu beeksise.
Hoggantuun ejensichaa Aadde Masarat Asaffaa ibsa dheengadda addatti Gaazexaa Bariisaatiif kennaniin bittaan qamadii kuntaala miliyoona tokkoo gaggeeffamee ergitootaaf dhiyaachuu dubbataniiru.
Bittaan gatii qamadii kuntaala miliyoona tokkoo karaa waldaaleefi yuuniyeenotaa gaggeeffame kun baasii qonnaan bulaan omishasaarratti baasee shallaggii keessa kan galche ta’uus kaasaniiru.
Gatii gurgurtaa qamadiitiin walqabatee baasii qonnaan bulaan jalqabaa kaasee ooyruusaarratti baase akkasumas hektaara tokkorraa galiin callaa argamu hammami isa jedhuuf ogeessota Biiroo Qonnaa, Biiroo Daldalaafi waldaalee waliin ta’uun erga shallagamee bittaan raawwachuu ibsaniiru.
Kun ta’us sochii daldaltoonni seeraan alaa tokko tokko tasisaniin qonnaan bulaan burjaajii keessa seenuu himanii, shirri qonnaan bulaa miidhuuf hojjetamu akka hinjirre hubachiisaniiru. Gatii bittaa qamadiitiin walqabatee burjaajiin uumamuunsaa barana alergiif oola isa jedhu hordofeeti jedhu.
Kun ta’us qonnaan bulaan keenya fayyadamaa akka ta’uuf waldaaleen keenya humna guutuun hojjetaa jira kan jedhan Aadde Masarat, yeroo ammaatti qamadii kuntaala miliyoona tokko bitanii ergitootaaf qopheessuu beeksisaniiru.
Daldaltoonni seeraan alaa baay’achuufi waldaaleen hojii gamtaa imaammata mataaasaanii dhabuun hudhaa damicha booddeetti harkisaa jiran ta’uus dubbataniiru. Waldaaleen hojii gamtaa garuu imaammata of danda’e waan hinqabneef kallattii gara garaan qisaasa’amaaf saaxilamuus himaniiru.
Kanamalees waldaaleen tokko tokko odiitii barbaachisu waan hintaasisneef damee faayinaansiirratti miidhaan qaqqabaa turuus yaadachiisaniiru. Akka ibsasaaniitti, hudhaalee kanneen furuuf hojiin rifoormii gara garaa taasifamaa kan ture yoo ta’u, imaammata of danda’e dhabuun mana hojichaa rakkoo hamaaf saaxileera.
Waldaaleen imaammata mataasaanii qabaachuufi tarkaanfiin daldaltoota seeraan alaarratti fudhatamu osoo cimee fayyadamummaan qonnaan bultootaa dachaan akka dabalu himaniiru.
Waldaaleen imaammata qabaachuun qonnaan bulaan qabeenyasaarratti abbaa akka ta’u oomishtoonniifi bittoonni kallattiin akka wal argan, alergii keesstti akka hirmaatan daldalaan seeraan alaa gabaa keessaa akka ba’uufi abbummaan akka mirkanaa’u taasisa jedhu Aadde Masarat.
Dabalataanis hanqina dhiyeessiiwwan qonnaa hudhaa qonnaan bulaa ta’aa jiru lafa jala furuuf xaa’oofi keemikaalonni gara garaa bitamanii kaan jibuutii ga’uu, kaanimmoo biyya keessa seenanii raabsaaf qophaa’uu beeksisaniiru.
BARIISAA SANBATAA Guraandhala 4 Bara 2015